LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 44
  • Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Waaqayyoon Waaqeffachuu Filadhu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaanota Tokko Tokko kan hin Kabajne Maaliifi?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Waaqeffannaa Dhugaa Cina Dhaabadhu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 44
Barumsa 44. Namoonni dhibbaan lakkaaʼaman guyyaa ayyaanaatti dungoowwan ifan galgalaan gara samiitti gadhiisaa jiru.

BARUMSA 44

Ayyaanonni Hundi Waaqayyoon ni Gammachiisuu?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Yihowaan jireenyatti akka gammannuu fi yeroo tokko tokko immoo ayyaana illee akka kabajnu barbaada. Garuu ayyaanonni hundi isa ni gammachiisuu? Dhimma kana irratti jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

1. Ayyaanonni hedduun Yihowaa kan hin gammachiisne maaliifi?

Ayyaanonni hedduun deeggarsa Kitaaba Qulqulluu akka hin qabne ykn namoota Waaqayyoon hin beekne irraa akka dhufan beekuun kee si dinqisiisuu dandaʼa. Ayyaanonni akkasii amantaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu dandaʼu. Gocha hafuurota hamoo wajjin kan wal qabatan ykn amantii lubbuun hin duutu jedhu irratti kan hundaaʼan taʼuu dandaʼu. Ayyaanonni tokko tokko immoo wanta qabatamaa hin taane irratti ykn milkiitti amanuu irratti kan hundaaʼani dha. (Isaayyaas 65:11) Yihowaan tajaajiltoota isaa, “Adda of baasaa . . . wanta xuraaʼaa hin tuqinaa” jedhee akeekkachiiseera.—2 Qorontos 6:17.a

2. Ayyaanota namootaaf kabaja hin malle kennan ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?

Yihowaan ‘namootatti akka hin amanamne’ nu akeekkachiiseera. (Ermiyaas 17:5 dubbisi.) Ayyaanonni tokko tokko bulchitootaaf ykn loltootaaf kabaja kan kennani dha. Kaan immoo mallattoo biyyaalessaa ykn guyyaa bilisummaatiif kabaja kennu. (1 Yohaannis 5:21) Ayyaanonni sochiiwwan siyaasaa ykn sochiiwwan hawaasaa jajjabeessanis jiru. Yihowaan nama tokkoof ykn dhaabbata tokkoof kabaja hin malle yoo kennine, keessumaa immoo namni ykn dhaabbanni sun yaada fedha Yihowaa wajjin wal faallessu kan babalʼisu yoo taʼe maaltu isatti dhagaʼama?

3. Wantoonni ayyaanni tokko fudhatama akka dhabu taasisan maal faʼi?

Kitaabni Qulqulluun, ‘garmalee dhuguu, gadhiisii fi affeerraa dhugaatii irratti hirmaachuu’ ni balaaleffata. (1 Pheexiros 4:3) Ayyaanota tokko tokko irratti namoonni of hin toʼatan, akkasumas wantoota naamusaan ala taʼan raawwatu. Michoota Yihowaa taanee itti fufuuf gochawwan naamusaan ala taʼan akkasii irraa fagaachuu qabna.

CAALAATTI BARADHU

Ayyaanota kabajuu wajjin haala wal qabateen murtoo gaarii gochuudhaan Yihowaa gammachiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

Dubartiin obboleessa tokkoo wajjin hojjettu kennaa Ayyaana Qillee isaaf kennaa jirti.

4. Ayyaanota Yihowaadhaaf ulfina hin kennine irraa fagaadhu

Efesoon 5:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Ayyaana tokko kabajuuf ykn dhiisuuf yeroo murteessinu maal mirkaneeffachuu qabna?

  • Naannoo jiraattutti ayyaanonni beekamoo taʼan kam faʼi?

  • Ayyaanonni kun Yihowaa kan gammachiisan sitti fakkaataa?

Fakkeenyaaf, ‘Guyyaa dhalootaa kabajuu ilaalchisee Waaqayyotti maaltu dhagaʼama?’ jettee gaafattee beektaa? Kitaabni Qulqulluun tajaajilaan Yihowaa guyyaa dhalootaa isaa kabaje akka jiru matumaa hin dubbatu, garuu namoonni isa hin tajaajille lama guyyaa dhalootaa isaanii akka kabajan ni dubbata. Uumama 40:20-22 fi Maatewos 14:6-10 dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Wanti ayyaana guyyaa dhalootaa kana lamaan wal fakkeessu maali dha?

  • Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kanneen irratti hundaaʼuudhaan guyyaa dhalootaa kabajuu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?

Haa taʼu malee ammas, ‘Kabaja guyyaa dhalootaa ykn ayyaana deeggarsa Kitaaba Qulqulluu hin qabne kan biraa irratti yoon hirmaadhe Yihowaatti maaltu dhagaʼama?’ jettee gaafatta taʼa. Baʼuu 32:1-8 dubbisaa. Achiis VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Ayyaanota Waaqayyoon hin Gammachiisne (5:07)

  • Wanta Yihowaa duratti fudhatama qabu qorree mirkaneeffachuu kan qabnu maaliifi?

  • Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

Ayyaanni tokko Waaqayyoon kan hin gammachiisne taʼuu isaa akkamitti beekna?

  • Barumsawwan deeggarsa Kitaaba Qulqulluu hin qabne irratti kan hundaaʼe dhaa? Kana beekuuf madda ayyaanichaa qoradhu.

  • Namoota, dhaabbilee ykn mallattoowwan biyyaalessaatiif ulfina hin malle kan kennu dhaa? Hundumaa caalaa Yihowaadhaaf ulfina kennina; rakkoowwan addunyaa irra jiraniif furmaata akka kennus isatti amanamna.

  • Duudhaaleenii fi gochawwan ayyaanicha irratti raawwataman qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessuu? Karaa naamusaa qulqulluu taanee jiraachuu qabna.

5. Namoonni wanta itti amantu akka kabajan gargaari

Yeroo namoonni ayyaanota Yihowaa hin gammachiisne irratti akka hirmaattu dhiibbaa si irratti godhan diduun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Murtoo kee obsaa fi malaan ibsiif. Kana gochuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaalchisee fakkeenya tokko ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Wantoota Itti Amantu Malaan Ibsi (2:01)

Maatewos 7:12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Akka caqasa kanaatti, miseensonni maatii kee Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane ayyaana tokko akka hin kabajne itti himuu qabdaa?

  • Ayyaanicha isaanii wajjin kan hin kabajne taʼus, maatii kee akka jaallattuu fi akka isaaniif yaaddu isaaniif mirkaneessuuf maal gochuu dandeessa?

6. Yihowaan gammachuu akka qabaannu barbaada

Yihowaan maatii keenyaa fi michoota keenyaa wajjin yeroo gaarii akka dabarsinu barbaada. Lallaba 8:15 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasni kun Yihowaan gammadoo akka taanu kan barbaadu taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti?

Yihowaan sabni isaa waliin akka bashannananii fi yeroo gaarii akka waliin dabarsan barbaada. Kun walgaʼiiwwan biyyoolessaa keenya irratti kan mulʼatu akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Walgaʼiiwwan Biyyoolessaa Irratti Keessummoota Simachuu (5:40)

Galaatiyaa 6:10 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Warra kaaniif “wanta gaarii” gochuuf ayyaanota beekamoo kabajuu qabnaa?

  • Sababa ayyaanaatiin dirqamaan kennuu moo ofuma keetiin kakaatee kennuutu caalaatti si gammachiisa?

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun yeroo tokko tokko ijoollee isaaniitiif jedhanii qophii addaa qopheessu, akkasumas kennaa isaan hin eegne isaaniif kennu. Ijoollee yoo qabaatte wanti addaa isaaniif gochuu dandeessu tokko tokko maal faʼi?

Intala kennaa hin eegne warra ishii harkaa fudhachaa jirtu.

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Maddi ayyaana tokkoo na hin yaaddessu. Wanti guddaan maatii fi michoota koo wajjin yeroo gaarii dabarsuu dha.”

  • Atoo maal jetta?

MAAL BARATTE?

Yihowaan maatii fi michoota keenya wajjin yeroo gaarii akka dabarsinu barbaada. Taʼus ayyaanota isa hin gammachiisne irraa akka fagaannu ni barbaada.

Irra Deebii

  • Ayyaanni tokko Yihowaa kan gaddisiisu taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu dandeenya?

  • Maatii fi michoonni keenya ayyaanota ilaalchisee murtoo goone akka hubatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

  • Yihowaan akka gammannuu fi yeroo gaarii akka dabarsinu kan barbaadu taʼuu isaa beekuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Ayyaanota Kiristiyaanonni hin kabajne tokko tokko ilaali.

“Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaanota Tokko Tokko kan hin Kabajne Maaliifi?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Sababiiwwan guyyaa dhalootaa kabajuun Waaqayyoon hin gammachiisu itti jennu afur hubadhu.

“Dhugaa Baatonni Yihowaa Guyyaa Dhalootaa Kan Hin Kabajne Maaliifi?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Ijoolleen Yihowaa jaalatan tibba ayyaanonni kabajamanitti kan isa gammachiisan akkamitti akka taʼe ilaali.

Yihowaan Iddoo Guddaa Siif Kenna (11:35)

Kiristiyaanonni miliyoonaan lakkaaʼaman Ayyaana Qillee kabajuu dhiisuuf filataniiru. Murtoo isaanii kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?

“Wanta Hunda Irra Caalu Argataniiru” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

a Yeroo namoonni ayyaana kabajan maal gochuu akka qabdu beekuuf Ibsa Dabalataa 5 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi