LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 36
  • Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Karaa Hundumaa Amanamaa Ta’i
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Amanamaa Taʼuun Faayidaa Qabaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Amala Almaazii Caalaa Gatii Guddaa Qabu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 36
Ijoolleen yommuu dhugaa dubbatan warra isaanii gammachiisu. Nutis dhugaa yommuu dubbannu Yihowaa gammachiisna

BARUMSA 36

Waan Hundumaa Irratti Amanamaa Taʼi

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Namni hundi michoota amanamoo taʼan argachuu barbaada. Yihowaanis michoonni isaa amanamoo akka taʼan barbaada. Haa taʼu malee, addunyaa namoota amanamoo hin taaneen guutame keessatti amanamoo taʼuun salphaa miti. Waan hundumaa irratti amanamoo taʼuun faayidaa maalii qaba?

1. Sababiin amanamoo taʼuuf nu kakaasu inni guddaan maali dha?

Namoota kaaniif amanamoo yommuu taanu, Yihowaa akka jaallannuu fi akka isa kabajnu argisiisna. Yihowaan wanta yaannuu fi wanta goonu hunda beeka. (Ibroota 4:13) Amanamoo taʼuuf yommuu filannu ni arga, akkas gochuun keenyas isa gammachiisa. Dubbiin isaa, “Yihowaan nama jalʼaa ni jibba, warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba” jedha.—Fakkeenya 3:32.

2. Karaawwan jireenya keenya keessatti amanamoo taʼuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi?

Yihowaan ‘walii keenyatti dhugaa akka dubbannu’ barbaada. (Zakkaariyaas 8:16, 17) Kun maal jechuu dha? Maatii keenya, namoota wajjin hojjennu, obbolootaa fi obboleettota keenya ykn abbootii taayitaa mootummaa wajjin yommuu haasofnu sobuu ykn odeeffannoo nama dogoggorsu dubbachuu hin qabnu jechuu dha. Namoonni amanamoo taʼan warra kaan jalaa hin hatan ykn isaan hin gowwoomsan. (Fakkeenya 24:28 fi Efesoon 4:28 dubbisi.) Qaraxa kaffaluun isaaniif malu hundas ni kaffalu. (Roomaa 13:5-7) Karaawwan kanneenii fi kan birootiin, ‘waan hundumaa irratti amanamummaadhaan akka jiraannu’ argisiisna.—Ibroota 13:18.

3. Amanamoo taʼuun faayidaa akkamii argamsiisa?

Amanamoo taʼuudhaan maqaa gaarii yommuu qabaannu warri kaan nu amanu. Akkas gochuun keenya, namoonni gumii keessa jiran hundi akkuma maatii jaalala qabeessa taʼe keessa jiraniitti nageenyi akka isaanitti dhagaʼamu godha. Qalbii qulqulluus ni qabaanna. Kana malees amanamoo taʼuun keenya, “barumsi Waaqa isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa . . . akka miidhagu” gochuu fi namoonni kaan gara waaqeffannaa dhugaa akka dhufan gochuu dandaʼa.—Tiitoo 2:10.

CAALAATTI BARADHU

Amanamaa taʼuun Yihowaa fi si irratti jijjiirama akkamii akka fidu hubadhu, akkasumas haalawwan garaa garaa keessatti akkamitti amanamaa taʼuu akka dandeessu baradhu.

4. Amanamummaan Yihowaa ni gammachiisa

Faarfannaa 44:21 fi Miilkiyaas 3:16 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Waaʼee dhimma tokkoo dhugaa isaa Yihowaa jalaa dhoksuu akka dandeenyu yaaduu kan hin qabne maaliif sitti fakkaata?

  • Yeroo rakkisaa taʼutti illee dhugaa kan dubbannu yoo taʼe Yihowaatti maaltu dhagaʼama jettee yaadda?

Intalli tokko abbaa ishii jilbeenfatee jirutti dubbachaa jirti. Juusiin minjaala irraa gad dhangalaʼee jira.

Ijoolleen yommuu dhugaa dubbatan warra isaanii gammachiisu. Nutis dhugaa yommuu dubbannu Yihowaa gammachiisna

5. Yeroo hundumaa amanamummaadhaan jiraadhu

Namoonni hedduun yeroo hundumaa amanamaa taʼuun hin dandaʼamu jedhanii yaadu. Taʼus yeroo hundumaa amanamoo taʼuu kan qabnu maaliif akka taʼe ilaali. VIIDIYICHA taphachiisaa.

VIIDIYOO: Gammachuu Argachuuf kan Nu Gargaaru Maali?—Qalbii Qulqulluu (2:32)

Fakkii viidiyoo ‘Gammachuu Argachuuf kan Nu Gargaaru Maali?—Qalbii Qulqulluu’ jedhu irraa fudhatame. Been hogganaa isaatti balleessaa qarshii guddaa baasisu akka raawwate erga itti himee booda yommuu harka wal qaban.

Ibroota 13:18 dubbisaa, achiis haalawwan armaan gadii keessatti amanamoo taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe mariʼadhaa:

  • Maatii keenya keessatti.

  • Bakka hojiitti ykn mana barumsaatti.

  • Haalawwan kan biroo keessatti.

6. Amanamoo taʼuun nu fayyada

Amanamoo taʼuun rakkoowwan tokko tokkoof nu saaxiluu dandaʼa. Oolee bulee garuu faayidaa guddaa argamsiisa. Faarfannaa 34:12-16 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Amanamaa taʼuun jireenya kee kan fooyyessu akkamitti?

A. Haati manaa fi abbaan manaa tokko buna dhugaa waliin haasaʼaa jiru. B. Makaanikiin tokko gaaraajii keessatti hogganaan isaa yommuu isa galateeffatu. C. Namni tokko konkolaataa isaa keessa taaʼee waraqaa eenyummaa isaa poolisii tiraafiikaatti yommuu argisiisu.
  1. Hiriyoonni gaaʼelaa amanamoo taʼan gaaʼela isaanii cimsatu

  2. Hojjettoonni amanamoo taʼan nama isaan qacare biratti ni amanamu

  3. Lammiileen amanamoo taʼan abbootii taayitaa biratti maqaa gaarii qabaatu

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Warra kaan hamma hin miinetti darbee darbee sobuun rakkina hin qabu.”

  • Yihowaan soba hundumaa ni jibba jettee kan amantu maaliifi?

MAAL BARATTE?

Yihowaan michoonni isaa wanta dubbatanii fi wanta godhan hundumaan amanamoo akka taʼan barbaada.

Irra Deebii

  • Karaawwan amanamoo taʼuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi?

  • Dhugaa dhoksuu akka dandeenyu yaaduun gowwummaa kan taʼe maaliifi?

  • Yeroo hundumaa amanamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Warri ijoolleen isaanii amanamoo akka taʼan barsiisuu kan dandaʼan akkamitti?

Dhugaa Isaa Dubbadhu (1:44)

Waadaa galle eeguun keenya faayidaa akkamii argamsiisa?

Waadaa Galtan Eeguudhaan Eebba Argadhaa (9:09)

Karaa dogoggoraatiin faayidaa irra kan oolu taʼu illee, qaraxa kaffaluun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe dubbisi.

“Qaraxa Kaffaluu Qabdaa?” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

Namni amanamaa hin turre tokko jireenya isaa jijjiiree amanamummaadhaan akka jiraatu wanti isa kakaase maali dha?

“Yihowaan Gara Laafessaa fi Dhiifama kan Godhu Taʼuu Isaa Hubadheera” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi