Gaaʼela
Gaaʼela eenyutu hundeesse?
Kiristiyaanni tokko hiriyaa gaaʼelaa akkamii filachuu qaba?
Kiristiyaanni tokko, ilmi ykn intalli isaa cuuphaman nama cuuphamee tajaajilaa Yihowaa hin taanee wajjin gaaʼela yoo dhaabbachuuf yaadan, gaaʼela akkasii deggeruu kan hin qabne maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 24:1-4, 7—Abrahaam maanguddichi, ilmi isaa Yisihaaq, Kanaʼaanota warra waaqolii kan biroo waaqeffatan keessaa utuu hin taʼin, namoota Yihowaa waaqeffatan keessaa akka fuudhu murteessee ture
Uma 28:1-4—Yisihaaq, ilmi isaa Yaaqoob, Kanaʼaanota keessaa utuu hin taʼin, namoota Yihowaa waaqeffatan keessaa haadha manaa akka fuudhu isa ajajeera
Yihowaan, tajaajilaan isaa tokko, nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin gaaʼela yommuu dhaabbatu maaltu isatti dhagaʼama?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Mo 11:1-6, 9-11—Solomoon Mootichi akeekkachiisa Waaqayyoo tuffachuudhaan dubartoota ormaa waan fuudhee fi garaa isaa akka mancaasan waan heyyameef Yihowaan baayʼee isatti aaree ture
Nah 13:23-27—Nahimiyaa inni bulchaa ture, dhiironni Israaʼel dubartoota biyya ormaa Yihowaa hin tajaajille fuudhuu isaaniitti isaanitti aareera, isaan adabeera, akkasumas isaan sirreesseera; kun immoo ilaalcha Yihowaa akka qabu argisiisa
Nama amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu fi maqaa gaarii qabu hiriyaa gaaʼelaa godhachuun ogummaa kan taʼe maaliifi?
Dabalataanis Efe 5:28-31, 33 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 25:2, 3, 14-17—Naabaal sooressa taʼus, nama hamaa waan tureef, abbaa manaa Abigaayiliif taʼu hin turre
Fak 21:9—Hiriyaa gaaʼelaa gaarii hin taane filachuun nagaa fi gammachuu nu dhabsiisuu dandaʼa
Rom 7:2—Phaawulos ergamaan dubartiin tokko yommuu heerumtu aangoo abbaa manaa ishee isa mudaa qabuu jala akka taatu ibseera; kanaafuu, dubartiin ogeettiin tokko nama hiriyaa gaaʼelaa ishiidhaaf taʼu ogummaadhaan filatti
Gaaʼelaaf qophaaʼuu
Dhiirri tokko fuudhuu isaa dura, wanta maatii isaa ittiin jiraachisu qabaachuu isaa mirkaneeffachuu kan qabu maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Fak 24:27—Namni tokko fuudhuu fi ijoollee godhachuu isaa dura, maatii isaa gargaaruu akka dandaʼuuf jabaatee hojjechuu qaba
Dhiirrii fi dubartiin wal qorachaa jiran wanta alaan mulʼatu irratti xiyyeeffachuu mannaa, warra kaan gorsa gaafachuu fi sirriitti wal beekuuf carraaquu kan qaban maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Rut 2:4-7, 10-12—Boʼaaz, akkaataa Ruut itti hojjettu sirriitti ilaaleera, akkasumas maqaa akkamii akka qabdu, maatii ishee wajjin hariiroo akkamii akka qabduu fi Yihowaa hangam akka jaallattu wanta warri kaan dubbatan irraa hubateera
Rut 2:8, 9, 20—Ruut gaarummaa fi arjummaa inni qabu, akkasumas jaalala inni Yihowaaf qabu ilaaluudhaan waaʼee Boʼaaz barteetti
Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo wal qoratanii fi yeroo wal kaadhimatanii jiranitti naamusa qulqulluu qabaachuu kan qaban maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Fak 5:18, 19—Wal tuttuquudhaan jaalala walitti argisiisuu kan qaban hiriyoota gaaʼelaa qofadha
Wed 1:2; 2:6—Dargaggeessi tiksee turee fi shamarreen Shulaam, karaa miira saalaa kakaasuun utuu hin taʼin, karaa kabaja qabuun jaalala isaanii waliif ibsaa turaniiru
Wed 4:12; 8:8-10—Shamarreen Shulaam qulqullina ishii eegdee jiraatteetti, amala of toʼachuus argisiisteetti; Akkuma iddoo biqiltuu cufamee turte
Dhiirrii fi durbi tokko gaaʼelli isaanii seera biratti akka beekamu gochuu kan qaban maaliif?
Gaʼee abbaa manaa
Abbaan manaa itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe akkamii qaba?
Abbaan manaa matummaa isaatti yeroo fayyadamu fakkeenya eenyuu hordofuu qaba?
Abbaan manaa tokko haadha manaa isaatti jaalala argisiisuu, akkasumas fedhii ishii fi miira ishii hubachuu kan qabu maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 21:8-12—Yaanni Saaraan dhiheessite Abrahaamiin mufachiisus, Yihowaan akka inni ishee dhagaʼu isa ajajeera
Fak 31:10, 11, 16, 28—Caqasa kanarratti akka ibsametti, abbaan manaa hubataa taʼee fi haadha manaa ogeettii taate qabu, ishii hin hacuucu, dogoggora ishiis hin funaanu; kanaa mannaa, ishii amana, ishii jajas
Efe 5:33—Yaanni Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee dubbate, abbaan manaa haati manaa isaa akka ishii jaallatu akka ishiitti dhagaʼamu gochuu akka qabu argisiisa
Gaʼee haadha manaa
Yihowaan haadhotii manaatiif itti gaafatamummaa akkamii kenne?
Gaʼeen haadha manaadhaaf kenname gad aantuu akkasheen taate argisiisaa?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Fak 1:8; 1Qor 7:4—Dubartiin gaaʼela keessatti haadha manaa fi haadha taʼuun ishii aangoo Waaqayyo ishiidhaaf kenne akka qabdu argisiisa
1Qor 11:3—Phaawulos ergamaan, qophii Yihowaan godhe keessatti Waaqa hundumaa dandaʼu irraa kan hafe hundumtuu mataa akka qabu ibseera
Ibr 13:7, 17—Dhiironnii fi dubartoonni gumii keessatti argaman hundi warra gumii keessatti dura buutota taʼaniif ni bitamu
Haati manaa abbaa manaa hin amanne qabdu Yihowaa gammachiisuu kan dandeessu akkamitti?
Haati manaa Kiristiyaana taate tokko abbaa manaashee kabajuu kan qabdu maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 18:12; 1Ph 3:5, 6—Saaraan abbaa manashee baayʼee kabajji turte. Garaa isheettillee ‘gooftaa koo’ jettee isa waamuudhaan akka mataa isheetti akka isa fudhattu argisiisteetti
Haati manaa Kitaaba Qulqulluu keessatti jajamte haadha manaa akkamiiti?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 24:62-67—Ribqaan, Yisihaaq haadha isaa duʼaan erga dhabee booda isa jajjabeessiteetti
1Sa 25:14-24, 32-38—Abigaayil, gad of qabuudhaan Daawititti dhihaattee isa kadhachuudhaan abbaa manaa ishee isa gowwaa taʼee fi miseensota maatiishee hunda oolchuu dandeesseetti
As 4:6-17; 5:1-8; 7:1-6; 8:3-6—Asteer Mootittiin, lubbuu ishee balaadhaaf saaxiluudhaan utuu hin waamamin siʼa lama Mooticha duratti dhihaattee Saba Waaqayyoof eegumsi akka godhamu kadhatteetti
Rakkina Furuu
Qajeelfamoonni rakkina gaaʼela keessatti mudatu furuuf gargaaran warra kamfaʼi?
Hiriyoonni gaaʼelaa qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf qajeelfamoota kamfaatu isaan gargaara?
Luq 12:15; Flp 4:5; 1Xi 6:9, 10; Ibr 13:5
Dabalataanis “Maallaqa” isa jedhu ilaali