LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • scl ful. 64-66
  • Hojii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii
  • Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan
scl ful. 64-66

Hojii

Hojii fi gammachuun hariiroo akkamii qabu?

Lal 2:24; 3:13, 22; Isa 65:22

Hojii keenya qulqullinaan hojjechuu barachuun faayidaawwan akkamii qaba?

Fak 22:29

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 1Sa 16:16-23—Daawit, akka gaariitti meeshaa muuziqaa taphachuudhaan beekama ture; muuziqaan isaa mootii Israaʼel isa dhiphate ni tasgabbeessa ture, kunimmoo Daawit mooticha biraatti akka barbaadamu taasiseera

    • 2Se 2:13, 14—Hiiraam Abiin ogeessa waan taʼeef, hojii ijaarsaa Solomoon Mootichaatiif gargaarsa guddaa godheera

Tajaajiltoonni Yihowaa hojjettoota akkamii taʼuudhaan beekamuu qabu?

Efe 4:28; Qol 3:23

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 24:10-21—Ribqaan tajaajilaa Abrahaamiif isa inni gaafate caalaa wanta guddaa gochuudhaan, nama gargaaruu akka barbaadduu fi hojii akka jaallattu argisiisteetti

    • Flp 2:19-23—Ximotewos nama dhimmee hojjechuuf fedhii qabuu fi nama gad of deebisu waan tureef, Phaawulos ergamaan itti gaafatamummaa guddaa isaaf kenneera

Tajaajiltoonni Waaqayyoo dhibaaʼummaa irraa fagaachuu kan qaban maaliifi?

Fak 13:4; 18:9; 21:25, 26; Lal 10:18

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Fak 6:6-11—Solomoon Mootichi, waaʼee dhimmanii hojjechuu fi dhibaaʼoo taʼuu dhiisuu barsiisuuf goondaa akka fakkeenyaatti fayyadameera

Wantoota nu barbaachisan argachuuf jabaannee hojjechuu kan qabnu maaliifi?

2Ta 3:10-12; 1Xi 5:18

Wanta miseensota maatii keenyaaf barbaachisu argachuuf jabaannee hojjechuu kan qabnu maaliifi?

1Xi 5:8

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Rut 1:16, 17; 2:2, 3, 6, 7, 17, 18—Ruut isheen abbaan manaa irraa duʼe amaatii ishee Naaʼomii gargaaruuf dhimmitee hojjetti turte

    • Mat 15:4-9—Yesuus namoota tajaajila Waaqayyoof dhiheessan sababa godhachuudhaan, itti gaafatamummaa maatii isaanii baʼuu jalaa miliquuf yaalan balaaleffateera

Wanta dhimminee hojjechuudhaan arganneen warra kaan gargaaruu kan qabnu maaliifi?

Rom 12:13; 2Qo 8:1-4; 9:5, 7, 11; 1Xi 6:17, 18

Maallaqa hojii hojjennee argannuuf ilaalcha madaalamaa akkamii qabaachuu qabna?

Fak 30:8; 2Ta 3:12; 1Xi 6:6-10; Ibr 13:5

Hojii keenya sirriitti hojjechuu akka dandeenyuu fi wanta jireenyaaf nu barbaachisu akka argannu Yihowaan akka nu gargaaru akkamitti beekna?

Mat 6:25, 30-32; Luq 11:2, 3; 2Qo 9:10

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Uma 31:3-13—Laabaan, Yaaqoob isa ilma obboleettii isaa taʼee fi qacaree hojjechiisaa ture irratti jalʼina raawwateera, taʼus, Yihowaan Yaaqoob jabaatee yommuu hojjetu argeera, akkasumas isa eebbiseera

    • Uma 39:1-6, 20-23—Yihowaan, Yoseef yeroo mana Phoxifaaritti garba turettis taʼe, yeroo mana hidhaa turetti hojii inni hojjete isaaf eebbiseera

Hojiin keenya, matumaa tajaajila Waaqayyoof dhiheessinu akka caalutti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

Fr 39:5-7; Mat 6:33; Yoh 6:27

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Luq 12:15-21—Yesuus, hojii maallaqa argachuuf hojjennu sochii hafuuraarra caalchisuun gowwummaa akka taʼe ibsuuf fakkeenya tokko fayyadameera

    • 1Xi 6:17-19—Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni sooreyyiin of tuuluudhaan balaarra akka hin buune akeekkachiiseera; akkasumas “hojii gaariidhaan badhaadhota akka taʼan” isaan jajjabeesseera

Hojii hojjennu filachuu irratti qajeelfamoota warra kamtu nu gargaaruu dandaʼa?

  • Bau 20:4; HoE 15:29; Efe 4:28; Mul 21:8—Hojichi gocha Waaqayyo dhorke akkan hojjedhu na taasisaa?

  • Bau 21:22-24; Isa 2:4; 1Qo 6:9, 10; 2Qo 7:1—Hojichi warri kaan gocha Waaqayyo dhorke akka hojjetan akkan deggeru ykn akkan jajjabeessu gochuudhaan cubbuu akkan raawwadhu na taasisaa?

  • Rom 13:1-7; Tit 3:1, 2—Hojichi seera Mootummaan baase akkan cabsu na taasisaa?

  • 2Qo 6:14-16; Mul 18:2, 4—Hojichi amantii sobaarratti akkan hirmaadhu ykn akkan deggaru na taasisaa?

Yihowaadhaaf hojjechuu

Hojiin baayʼee barbaachisaan Kiristiyaanonni hojjechuu dandaʼan isa kami?

Mat 28:19, 20; Luq 9:2; 2Xi 4:2, 5

Tajaajila Yihowaa irratti wanta nuuf dandaʼame gochuu kan qabnu maaliifi?

Luq 13:24; Rom 12:11; 1Qo 15:58; Ibr 6:10-12

Dabalataanis 1Xi 3:1 ilaali

Tajaajila Yihowaa irratti namni hundi wal qixa hojjechuu qaba jennee yaaduu kan hin qabne maaliifi?

Gal 6:3-5

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • Mat 25:14, 15—Fakkeenyi Yesuus dubbate tokko inni duuka buutonni isaa hundi wal qixa akka hojjetan isaanirraa akka hin eegne nu hubachiisa

    • Luq 21:2-4—Yesuus buusii xinnoon dubartiin abbaan manaa irraa duʼe goote gatii guddaa akka qabu hubateera

Jabina Hojii Yihowaatiif nu barbaachisu eessaa arganna?

2Qo 4:7; Efe 3:20, 21; Flp 4:13

  • Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:

    • 2Xi 4:17—Phaawulos ergamaan humna isa barbaachisu yeroo isa barbaachisutti akka argate ibseera

Tajaajila Yihowaa irratti dhimminee hojjechuun keenya gammachuu kan nuuf argamsiisu maaliifi?

Fr 40:8; Yoh 13:17; Yaq 1:25

Dabalataanis Mat 25:23 ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi