Warra
Sababiiwwan Yihowaan gaaʼela itti hundeesse tokko tokko maalfaʼi?
Warri ijoollee isaaniitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?
Dabalataanis “Ijoollee; Dargaggoota” isa jedhu ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 33:4, 5—Yaaqoob ijoolleen isaa kennaa Yihowaa biraa argaman akka taʼanitti ilaaleera
Bau 1:15, 16, 22; 2:1-4; 6:20—Amraamii fi Yokebeed ilma isaanii Musee eeguuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilanii turan
Warri ijoollee isaaniitiif maal gochuu qabu?
Ijoolleen Yihowaaf akka ajajaman barsiisuun faayidaawwan akkamii qaba?
Dabalataanis 2Xi 3:14, 15 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
1Sa 2:18-21, 26; 3:19—Warri Saamuʼel mucaan isaanii mana qulqullummaatti akka tajaajilu kennanii turan; taʼus yeroo hunda dhaqanii isa gaafatu akkasumas wanta isa barbaachisu isaaf godhu turan; innis guddatee nama Yihowaa jaallatuu fi amanamummaadhaan isa tajaajilu taʼeera
Luq 2:51, 52—Warri Yesuus namoota cubbuu dhaalan yoo taʼaniyyuu, Yesuus isaaniif ni bitama ture
Warri qajeelfama ijoollee leenjisuuf isaan gargaaru eessaa argachuu dandaʼu?
Kes 6:4-9; Efe 6:4; 2Xi 3:14-17
Dabalataanis Fr 127:1; Fak 16:3 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Abo 13:2-8—Maanoʼaan, haati manaasaa dinqiidhaan ilma akka deessu erga itti himamee booda, mucicha akkamitti akka guddisu qajeelfama dabalataa gaafateera
Fr 78:3-8—Yihowaan warri wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baratan ijoollee isaanii akka barsiisan barbaada
Mucaan tokko maatii Waaqayyoon jaallatu keessatti yoo guddateyyuu, Yihowaa tajaajiluu kan dhiisu maaliif taʼuu dandaʼa?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Uma 6:1-5; Yih 6—Maleekonni ilmaan Waaqayyoo taʼan hedduun waggoota hedduudhaaf Waaqayyoo wajjin samii keessa kan jiraatan taʼanis, finciluu filataniiru
1Sa 8:1-3—Saamuʼel raajii amanamaa fi qajeelaa taʼus, ilmaansaa amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru, malaanmaltummaas raawwataniiru
Warri wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu ijoollee isaanii barsiisuu eegaluu kan qaban yoomi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Kes 29:10-12, 29; 31:12; Iz 10:1—Bara duriitti ijoolleenis waaʼee daandiiwwan Yihowaa barachuuf walgaʼiiwwan irratti ni argamu turan
Luq 2:41-52—Yoseefii fi Maariyaam ayyaana Faasikaatiif, Yesuusiin dabalatee ijoolleesaanii gara mana qulqullummaa Yerusaalemitti ni geessu turan
Warri ijoollee isaanii namoota isaan miidhan irraa eeguu ilaalchisee fakkeenyota akkamii hordofuu qabu?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Bau 19:4; Kes 32:11, 12—Yihowaan risaa cuucota ishee baattee deemtu, eegduu fi kunuunsitutti of fakkeesseera
Isa 49:15—Yihowaan haadha mucaa ishee isa hoosistutti gara laafina argisiistu caalaa tajaajiltoota isaa akka kunuunsuu fi akka eegu waadaa galeera
Mat 2:1-16—Seexanni namoota urjii lakkaaʼan gara Herodis Mooticha isa hamaa taʼetti erguudhaan Yesuus isa mucaa ture ajjeesuuf yaaleera; Haataʼu malee, Yihowaan, Yoseef maatiisaa fudhatee gara Gibxii akka deemu ajajuudhaan ilma Isaa eegeera
Mat 23:37—Yesuus akkaataa lukkuun tokko qoochoo ishee jalatti cuucota ishee itti walitti qabduu fi eegumsa isaaniif gootuu wajjin wal bira of qabuudhaan, fedhii sabasaa gargaaruuf qabu ibseera
Warri waaʼee saalqunnamtii ijoollee isaanii barsiisuu kan qaban maaliifi?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Lew 15:2, 3, 16, 18, 19; Kes 31:10-13—Seerri Musee waaʼee qaama hormaataa ifatti dubbata; akkasumas Yihowaan yommuu seerri kun sagalee guddaadhaan dubbifamu ijoolleenis akka argaman ajajeera
Fr 139:13-16—Daawit faarfatichi qaama wal hormaataa dabalatee diizaayinii qaama namaa isa dinqisiisaa taʼeef Yihowaa jajateera
Fak 2:10-15—Beekumsii fi ogummaan Yihowaa hamootaa fi gowwoomsitoota irraa nu eeguu dandaʼa
Adabni karaa jaalala qabuun kennamuu kan qabu maaliifi?
Fak 13:24; 29:17; Er 30:11; Efe 6:4
Dabalataanis Fr 25:8; 145:9; Qol 3:21 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Fr 32:1-5—Yihowaan, balleessaa Daawit Mootichi raawwateef kan isa adabe taʼus; Daawit, Yihowaan namoota dhugumaan yaada geddarataniif dhiifama akka godhu beekuun isaa isa jajjabeesseera
Yon 4:1-11—Yoonaas raajichi karaa kabaja hin qabnee fi aariidhaan Yihowaatti dubbateera; taʼus, Yihowaan obsaan waaʼee gara laafinaa isa barsiiseera
Adabni karaa jaalalli itti ibsamu akka taʼetti ilaalamuu dandaʼa kan jennu maaliifi?
Dabalataanis Fak 15:32; Mul 3:19 ilaali