LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w09 7/15 ful. 28
  • Wal Gargaaruun Guddina Hafuuraa Argamsiisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wal Gargaaruun Guddina Hafuuraa Argamsiisa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiidhaan Ta’anii Yihowaa Waaqeffachuu
  • Walga’iiwwan Gumii
  • Carraaqqiin Godhamuufii Qaba
  • Qophii Maatiiwwan Gargaaruuf Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Tokkummaa Keenya Cimsuu Irratti Hirmaachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Ijoolleen Keessan Rakkoowwan Hedduu Isaanirra Ga’an Akka Mo’an Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
w09 7/15 ful. 28

Wal Gargaaruun Guddina Hafuuraa Argamsiisa

WARRA maatiisaanii karaa hafuuraa guddisuu barbaadaniif, wal gargaaranii hojjechuun baay’ee barbaachisaadha. Yihowaan Addaamiifi Hewwaaniin yommuu uume, wal gargaaruun barbaachisaa akka ta’e isaanii ibsee ture. Hewwaan ‘gargaartuu’ Addaam taatee hojjechuu qabdi turte. (Uma. 2:18) Gaa’elli, karaa abbaan manaafi haati manaa tokkummaa qabaachuudhaan itti wal gargaaranidha. (Lal. 4:9-12) Itti gaafatamummaa Yihowaan warraaf kennes bakkaan ga’uun wal gargaaruu gaafata.

Maatiidhaan Ta’anii Yihowaa Waaqeffachuu

Baariifi Haayidiin ijoollee shan qabu. Maatiinsaanii sagantaa dhaabbataa Macaafa Qulqulluu waliin itti qayyabatu qabaachuunsaa, karaa hafuuraa guddachuuf isa gargaareera. Baariin akkas jechuudhaan ibsa: “Yommuu qayyabannaa maatii goonutti, ijoolleedhaaf yeroodhaa gara yerootti hoji manee xixinnoon kennaaf ture. Barruu Dammaqaarratti! hundaa’uudhaan, yaadawwan tokko tokko akka qopheessan isaanan gaafadha ture. Hundisaanii tajaajila dirreetiif akka of qopheessaniif, sagantaa akkaataa dhiheenyaa itti shaakallus qabna.” Haayidiinis itti dabaluudhaan akkas jetti: “Hundi keenya Yihowaa tajaajiluudhaaf galmawwan hafuuraa baafanne kan qabnu yommuu ta’u, guddina argisiisaa jirru ilaalchisees yeroodhaa gara yerootti qayyabannaa maatii yommuu goonu irratti ni mari’anna.” Abbaan manaafi haati manaa kun, guutummaan maatichaa torban keessatti guyyoota murtaa’an galgala galgala televijiinii ilaaluu dhiisuunsaa, hundisaanii akka dubbisaniif carraa akka isaanii argamsiise dubbataniiru.

Walga’iiwwan Gumii

Maayikiifi Daniiz ijoollee afur qabu. Wal gargaaranii hojjechuun maatiisaaniitiif faayidaa kan argamsiise akkamitti? Maayik, “Al tokko tokko walga’iiwwan gumiirratti yeroodhaan argamuuf karoorri akka gaariitti itti yaaduudhaan baafnellee utuu hin milkaa’in hafa; haata’u malee, wal gargaarree hojjechuun keenya walga’iiwwanirratti yeroodhaan argamuuf akka nu gargaare hubanneerra” jedheera. Daniiz, “Ijoolleen keenya erga guddatanii booda hundisaanii hojii hojjetan qabu. Intalli keenya Kiim, nyaata bilcheessuufi bakka nyaanni itti nyaatamu qopheessuudhaan na gargaarti” jechuudhaan dubbatteetti. Ilmisaanii Maayikil, “Kibxata galgala mana keenyatti walga’iin gumii waan godhamuuf, kutaa qulqulleessina, teessuma barbaachisus sirreessinee keenya” jechuudhaan dubbateera. Ilmisaanii Maatiwummoo, “Abbayyeen guyyaa walga’iin gumii jiru dafee hojiidhaa galee, walga’iif akka qophoofnu nu gargaara” jechuudhaan itti dabalee dubbata. Maatiin kun faayidaa akkamii argate?

Carraaqqiin Godhamuufii Qaba

Maayik akkas jedha: “Bara 1987⁠tti aniifi Daniiz qajeelchitoota taanee tajaajiluu eegalle. Yeroo kanatti ijoollee keenya keessaa sadii nuu wajjin jiraatu turan. Ijoolleen keenya lamaan akkuma keenya qajeelchitoota kan ta’an yommuu ta’u, lamammoo ijaarsa gamoo Bet’elirratti hirmaachaa turan. Maatiin keenya, namoonni 40 ta’an Yihowaadhaaf of murteessanii akka cuuphaman gargaaruudhaan, gammachuu dabalataa argateera. Maatiin keenya biyya alaa dhaquudhaan hojii ijaarsaarratti hirmaachuufis mirga argateerra.

Dhugaadha, maatiidhaan wal gargaaranii hojjechuun, wanta carraaqqiin godhamuufii qabudha. Maatii keessan keessatti karaan itti wal gargaartanii hojjechuu dandeessan kan biraan jiraa? Wal gargaaranii hojjechuun, maatiin keessan karaa hafuuraa akka guddatu gochuu akka danda’u mirkanaa’oo ta’uu dandeessu.

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Sagantaan shaakalaa, tajaajila keenya fooyyessuuf nu gargaara

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi