LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 1/1 ful. 9
  • Dogoggorri Tokko Dogoggora Garabiraatti Geessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dogoggorri Tokko Dogoggora Garabiraatti Geessa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsa Dogoggoraa 2: Hamoonni Barabaraaf Ibiddaan Gubatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Barumsa Dogoggoraa 4: Waaqayyo Sillaaseedha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 1/1 ful. 9

Dogoggorri Tokko Dogoggora Garabiraatti Geessa

PAAWULOS ERGAMAAN, Kiristiyaanota Dh.K.B. walakkaa jaarraa jalqabaa gara boodaatti jiraachaa turan, “Of eeggadhaa!” jechuudhaan akeekkachiiseera. Waa’ee maalii isaan akeekkachiise? “Namni tokko illee . . . yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin” jedheera.—Qolosaayis 2:8.

Phaawulos akeekkachiisa akkasii kennullee, Kiristiyaanonni Dh.K.B. walakkaa jaarraa lammaffaatti turan tokko tokko waa’ee amantiisaanii ibsa kennuuf, yaada hayyoota falaasamaatti fayyadamuu jalqaban. Maaliif? Jiraattota Bulchiinsa Roomaa keessaa warra barumsa qaban biratti fudhatama argachuufi namoota hedduu amantii Kiristiyaanummaatti jijjiiruu waan yaadaniifidha.

Kiristiyaanota beekamoo akkas godhan keessaa Jastiin Wareegamichi tokko si’a ta’u, innis Yesus inni Sagalee Dabarsituu Waaqayyoo ta’e gara lafaa dhufuusaa waggoota dheeraa dura hayyoota falaasamaa Giriikiitti akka of mul’ise amana ture. Jastiiniifi barsiistonni yaada isaa wajjin wal fakkaatu qaban garabiraan, falaasamaafi sheekkoo barumsa Kiristiyaanummaa wajjin walitti makuun, amantiin kun fedhii ilmaan namootaa hunda akka guutu gargaara yaada jedhu qabu turan.

Amantiin Kiristiyaanummaa Jastiin Wareegamichi babal’ise, namoonni hedduun amantii kana akka fudhataniif dhiibbaa guddaa geessiseera. Ta’us, Kiristiyaanonni sun barumsa dogoggoraa tokko fudhachuunsaanii barumsawwan dogoggoraa garabiraan, akkasuma barumsawwan bu’uuraa yeroo ammaatti akka barumsa Kiristiyaanummaatti ilaalaman akka uumaman godheera. Yaada barreeffamoonni armaan gadii ibsan, barumsa Macaafa Qulqulluu isa sirrii ta’ee wajjin waliin ilaaluudhaan barumsawwan kun hangam dhugaarraa akka maqan hubachuu dandeessa.

[Madda fakkii fuula 9rra jiru]

Diiyaabilos: Barrators—Giampolo/The Doré Illustrations For Dante’s Divine Comedy/Dover Publications Inc.; ergamoota: Art Resource, NY; boca sillaasee: Museo Bardini, Florence

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi