LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 7/1 ful. 3
  • “Tokko Qofan Dabaladha”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Tokko Qofan Dabaladha”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Sirrii Qabaachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Waaqayyo Qabu Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Garmalee Dhuguun Miidhaa Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 7/1 ful. 3

“Tokko Qofan Dabaladha”

AALANa dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu kan jalqabe umrii waggaa 11⁠tti ture. Inniifi hiriyoonnisaa taatota fiilmiirratti argan fakkeessanii daggala keessatti taphatu turan. Taatonni isaan fakkeessan asoosamarratti kan hundaaʼan taʼus, alkooliin Aalaniifi hiriyoonnisaa dhugan garuu kan dhugaa ture.

Tooniin suutuma suuta dhugaatii alkoolii galgala galgala birciqqoo tokko ykn lama dhugu gara shan ykn jaʼaatti dabalaa yeroo dhufu, umriinsaa waggaa 40 ture. Oolee bulee garuu, guyyaatti meeqa akka dhuguyyuu wallaale.

Aalan rakkoo dhugaatiisaa moʼuuf gargaarsa barbaade. Tooniin garuu gargaarsa maatiifi hiriyoonni isaaf yaadan godhaniif fudhachuu dide. Aalan yeroo harʼaa lubbuudhaan waan jiruuf seenaasaa dubbachuu dandaʼeera; Tooniin garuu waggoota muraasa dura dhugaatii alkoolii garmalee dhuguusaatiin balaa doqdoqqeetiin duʼeera.

Namni tokko garmalee yoo dhuge, jireenya namootaarrattis miidhaa geessisuu dandaʼa.b Namni alkoolii garmalee dhugu tokko, nama arrabsuu, qaama namootaarratti miidhaa geessisuu, namoota doorsisuu, akkasumas lubbuu namaa balleessuu dandaʼa. Kana malees, garmalee dhuguun, balaa konkolaataatiifis taʼe bakka hojiitti gaʼuuf, akkasumas dhibee fayyaa hedduudhaaf sababii taʼuu dandaʼa. Garmalee alkoolii dhuguun, miidhaa miiraa dhuunfaatti namootarra, maatiifi ijoolleerra geessisu malees, hawaasarra waggaatti kasaaraa doolaara biliyoonaan lakkaaʼamuu geessisa.

Dhaabbanni Fayyaa Yunaaytid Isteetis akka jedhutti, “namni yeroo hunda dhugaatii alkoolii dhugu hundi dhugaatiirratti rakkina qaba jechuu miti; akkasumas guyyaa guyyaadhaan alkoolii kan dhugu namoota dhugaatiirratti rakkina qaban hunda miti.” Namoonni araada dhugaatii alkoolii hin qabne hedduun, utuu hin hubatin garmalee dhuguu amaleeffataniiru. Warri kaanimmoo darbee darbee kan dhugan taʼus, takkaatti shan caalaa fudhatu.

Alkoolii dhuguu yoo filatte, garmalee dhugdeetta kan jedhamu hammam yoo dhugdedha? “Tokko qofan dabaladha” jechuu kan hin qabne yoom akka taʼe akkamitti beekta? (Fakkeenya 23:29, 30, Kontemporaarii Ingilish Varshin) Matadureewwan kanatti aananii jiran, mataduree kana ilaalchisee odeeffannoo gaarii nuu kennu.

[Miiljaleewwan]

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b Dhiironni dhugaatii alkoolii dhuguudhaan dubartootarra harka afuriin waan caalaniif, matadureewwan walitti aanan kun saala dhiiraatiin fayyadamu. Barumsisaa garuu, saala lamaaniifuu ni hojjeta.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi