LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 4/1 ful. 5
  • Yesus Waa’ee Ofiisaa Maal Barsiise?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Waa’ee Ofiisaa Maal Barsiise?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesuus Kiristoos Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yesus Kiristosiin Ilaalchisee Gaaffiiwwan Kaʼaniif Deebii Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Yesuus Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 4/1 ful. 5

Yesus Waa’ee Ofiisaa Maal Barsiise?

“Yesus eenyummaasaa, eessaa akka dhufe, gara lafaatti maaliif akka dhufeefi gara fuulduraatti maaltu akka isa eeggatu barsiiseera.”—HAYYUU HARBARTI LOOKIYAR.

BARUMSA Yesus barsiise fudhachuufi itti amanuu keenya dura, waa’eesaa hamma tokko beekuun nu barbaachisa. Dhugumaan Yesus eenyu ture? Eessaa dhufe? Jireenyasaa keessatti maaliif dursa kenna ture? Deebii gaaffiiwwan kanaa, Wangeelota Maatewos, Maarqos, Luqaasiifi Yohannis dubbisuudhaan argachuu dandeenya.

Nama ta’ee dhalachuusaa dura jiraachaa ture Yeroo tokko Yesus, “Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” jedheera. (Yohannis 8:58) Abrahaam, Yesus dhalachuusaa naannoo waggaa 2,000 dura kan jiraate ture. Kanaaf Yesus, Abrahaam lafarra jiraachuusaa dura jiraateera. Haata’u malee Yesus eessa jiraachaa ture? ‘Waaqa irraan gad bu’e’ jechuudhaan dubbateera.—Yohannis 6:38.

Ilma Waaqayyoo Yihowaan ilmaan ergamootasaa ta’an hedduu qaba. Yesus garuu isaanirraa addadha. Inni “tokkicha ilma Waaqayyoo” ta’uusaa dubbateera. (Yohannis 3:18) Yaanni kun, Waaqayyo Yesusiin qofa kallattiidhaan akka uume argisiisa. Waaqayyo, wantoota kaan hunda karaa Ilmasaa kanaa uume.—Qolosaayis 1:16.

‘Ilma namaa’ Yesus eenyummaasaa ibsuuf, jechoota kamirrayyuu caalaa jecha kanatti fayyadameera. (Maatewos 8:20) Akka kanaan, ergamaa foon uffate ykn uumama kan biraarraa kan jijjiirame akka hin taane ifa godheera. Kanaa mannaa, inni guutummaatti nama ture. Waaqayyo hafuurasaatti fayyadamee, lubbuu Ilmasaa gadameessa durba Maariyaam jedhamtu keessa kaa’uudhaan samiirraa gara lafaatti akka dhufu godheera. Kanaan kan ka’es, Yesus nama mudaafi cubbuu hin qabne ta’ee dhalateera.—Maatewos 1:18; Luqaas 1:35; Yohannis 8:46.

Masiihii abdachiifame Dubartiin Samaariyaa tokko Yesusiin, “Masiihiin inni Kristos jedhamu akka dhufu anuu beeka” yommuu jettuun, “Inni amma sii wajjin dubbachaa jira; kunoo, ani isa” jedhee deebiseef. (Yohannis 4:25, 26) Jechi “Masiihii” fi “Kiristos” jedhu, “Kan Dibame” jechuudha. Yesus kaayyoo Waaqayyoo galmaan ga’uu keessatti ga’ee addaa akka qabaatu Yihowaan isa dibeera ykn isa muudeera.

Sababii guddaa Yesus gara lafaa itti dhufe Yesus yeroo tokko, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedhee ture. (Luqaas 4:43) Yesus namoota rakkataniif wantoota gaarii hedduu kan godhe ta’us, jireenyasaa keessatti waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuuf dursa kenna ture. Mootummaa sana ilaalchisee wanta inni barsiise gara boodaatti ilaalla.

Yesus nama bakki guddaan kennamuuf akka ture beekamaadha.a Gara boodaatti akkuma ilaallu, samiirra jiraachuunsaa, wanta yommuu lafarra ture dubbateef xiyyeeffannaa guddaa akka kenninu nu godha. Yesus barumsa namoota addunyaa maratti argamaniifi miliyoonaan lakkaa’aman jijjiire barsiisuunsaa nu dinqisiisuu kan hin qabne kanaafidha.

[Miiljaleewwan]

a Waa’ee Yesusiifi ga’ee inni kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e boqonnaa 4 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi