LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 10/1 ful. 3
  • Waaqayyoon, Maqaasaatiin Isa Beekuu Ni Dandeessaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyoon, Maqaasaatiin Isa Beekuu Ni Dandeessaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
  • Maqaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Maqaan Waaqayyoo Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Maqaa Waaqayyoo Beektaa? Itti Hoo Ni Fayyadamtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 10/1 ful. 3

Waaqayyoon, Maqaasaatiin Isa Beekuu Ni Dandeessaa?

Nama baayʼee beekamaa taʼe tokko maqaasaatiin waamanii nagaa akka gaafatan afeeramuun mirga guddaadha. Namoonni aboo qaban yeroo baayʼee maqaa ulfinaa kan akka “Kabajamoo Pireezidaantii” ykn “Ulfaatoo” jedhaniin waamamu. Kanaaf, namni aangoo guddaa qabu tokko “Maquma kootiin na waami” yoo siin jedhe mirga guddaa akka argatte akka sitti dhagaʼamu homaa hin shakkisiisu.

WAAQNI dhugaan Macaafa Qulqulluu keessatti, “Ani [Yihowaadha], maqaan koo isa kana” jedheera. (Isaayaas 42:8)a Inni maqaa ulfinaa hedduu kan akka “Uumaa,” “Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuu,” akkasumas “Gooftaa Hundaa Olii” jedhaman kan qabu taʼus, tajaajiltoonnisaa amanamoon yeroo hundaa maqaa dhuunfaasaatiin akka isa waaman isaanii heyyamuudhaan isaan kabaja.

Fakkeenyaaf, Musee raajichi yeroo tokko, “Dhiifama naa godhi, Yihowaa” jedhee kadhateera. (Baʼuu 4:10, NW) Solomoon Mootichi kadhannaa yommuu Manni Qulqullummaa Yerusaalem murteeffame dhiheesse kan jalqabe, “Yaa [Yihowaa]” jechuudhaan ture. (1 Mootota 8:22, 23) Isaayaas raajichis Israaʼeloota bakka buʼee yommuu Waaqayyoon kadhate, “Yaa [Yihowaa], ati Abbaa keenya” jedheera. (Isaayaas 63:16) Abbaan keenya inni samii maqaasaatiin akka isa waamnu nu afeereera.

Yihowaa maqaadhaan waamuun barbaachisaa taʼus, maqaasaatiin isa beekuun garuu waan dabalatu qaba. Inni nama isa jaallatuufi isatti amanamu ilaalchisee, “Waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba” jedhee waadaa galeera. (Faarfannaa 91:14) Maqaa Waaqayyoo beekuun eegumsasaa argachuuf murteessaa waan taʼeef, maqaasaa beekuun waan baayʼee kan dabalatu taʼuu qaba. Yihowaa maqaasaatiin beekuuf maaltu si barbaachisaree?

[Miiljaleewwan]

a Mataduree kanaafi kanatti aananii jiran keessatti caqasoonni Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo maqaa “Waaqayyo” jedhutti fayyadamu; afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen garuu, caqasoota kanarratti Waaqayyo maqaa dhuunfaa “Yihowaa” jedhamuun waamameera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi