LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 10/1 ful. 28
  • Waaqayyo jalqaba qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo jalqaba qabaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyoon Eenyutu Uume?
    Masaraa Eegumsaa: Waaqayyoon Eenyutu Uume?
  • Waaqayyo Eenyu?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • “Kunoo, Waaqni Keenya Isa Kana!”
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Taʼe Isa Kami?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 10/1 ful. 28

Gaaffii Dubbistootaa . . .

Waaqayyo jalqaba qabaa?

▪ Macaafni Qulqulluun Waaqayyo jalqaba akka hin qabne ibsa. Waaqayyo yoomiyyuu kan jiraatudha. Waaqayyo barabaraan jiraata yaada jedhu hubachuun ulfaataa taʼus, guutummaatti yaadasaa hubachuu waan hin dandeenyeef qofa barabaraan kan jiraatu taʼuusaa mormuu hin qabnu.

Karaawwan Waaqayyoo hunda hubachuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu qabaa? Phaawulos ergamaan akkas jedheera: “Badhaadhummaan araara Waaqayyoo hammam guddata! Ogummaan isaa fi beekumni isaa hammam gad fagaata! Akka inni itti murtoo godhu, namni qoree bira hin gaʼu! Karaa isaas namni faana dhaʼee hin hubatu!” (Roomaa 11:33) Mucaan reefuu dhalate tokko waaʼee warrasaa waan hundumaa hubachuu akkuma hin dandeenye, sammuun keenyas ogummaafi beekumsi Waaqayyoo hangam gadi fagoo akka taʼe guutummaatti hubachuu hin dandaʼu. Yaanni Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin dubbate kun, adda durummaadhaan ogummaaniifi araarri Waaqayyoo adda taʼuusaa kan ibsu taʼus, waaʼee Yihowaafi karaawwan gadi fagoo inni wantoota tokko tokko itti raawwatu guutummaatti hubachuu akka hin dandeenyes kan argisiisudha. Yaanni Waaqayyo barabaraaf jiraata jedhu isaan keessaa isa tokkodha. Taʼus, wanta Macaafni Qulqulluun waaʼee Waaqayyoo barsiisurratti amantii guutuu qabaachuu dandeenya. Yesus Kiristos Caaffata Qulqullaaʼoo ilaalchisee, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera.—Yohannis 17:17.

Museen kadhannaa Yihowaadhaaf dhiheesserratti, “Bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha” jedheera. (Faarfannaa 90:2) Museen asirratti Waaqayyo kallattii lamaan kan jiraatu taʼuusaa ibseera. Inni tokko gara fuulduraati. Yihowaan “isa bara baraan jiraatu[dha].” (Mulʼata 4:10) Kanaaf Waaqayyo gara fuulduraatti barabaraaf jiraachuusaa itti fufa jechuudha. Inni kaanimmoo yeroo isa darbe kan argisiisudha. Karaa biraatiin, Waaqayyo hin uumamne ykn gara jireenyaatti hin dhufne jechuudha. Kanaa mannaa, yeroo darbe hundumaatti bara dhuma hin qabneef jiraachaa tureera.

Yaadawwan baayʼeen keenya hubachuun nutti ulfaatan hedduun akka jiran beekamaadha. Taʼus, al tokko tokko yaadawwan hubachuuf ulfaataa taʼan fudhachuuf dirqamna. Lakkoofsota zeeroo duraafi booda jiran akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Zeeroodhaa kaasnee gara fuulduraattis taʼe gara duubaatti yoo lakkoofne bakka itti dhaabannu hin qabnu. Bara Uumaan itti jiraate ibsuuf fakkeenya kanatti fayyadamuu hin dandeenyuuree?

Kanaaf, maqaan ulfinaa “Mootii bara baraa” jedhu kan kenname Waaqayyoof qofa taʼuunsaa sirriidha. (1 Ximotewos 1:17) Mee yaadi: Yesus Kiristos, ergamoonni samii kumaatamaan lakkaaʼamaniifi ilmaan namootaa lafarra jiran hundi kan uumaman waan taʼaniif jalqaba qabu. (Qolosaayis 1:15, 16) Haalli Waaqayyoo garuu kanarraa addadha. Yaada Waaqayyo jalqaba qabaachuu qaba jedhutti cichuun, gaaffiin Waaqayyoon eenyuutu uume? jedhuufi hiikas taʼe dhuma hin qabne akka kaʼu godha. “Bara baraa jalqabee hamma bara baraatti” kan jiraatu Yihowaa qofadha. (Faarfannaa 90:2) Kana jechuun, “lakkaaʼamuu baraa fuula duraa jalqabee, ammas, bara baraanis” kan jiraatu Yihowaa qofadha jechuudha.—Yihudaa 25.

Haataʼu malee, yaanni Waaqayyo barabaraan kan jiraatu taʼuusaa ibsu, dhugaa hiika hin qabne akka hin taane yaadachuun barbaachisaadha. Kadhannaa Museen dhiheesse xiyyeeffannaadhaan qoruun keenya, Waaqayyo barabaraan kan jiraatu taʼuunsaa abdiin jireenya barabaraa inni jaalalaan kakaʼee nuuf kenne amansiisaa taʼuusaa ifa godha. Jireenya keenya isa gabaabaarraa haala faallaa taʼeen, Waaqayyo “dhalootaa hamma dhalootaatti, iddoo kooluu itti gallu” akka taʼe ibsameera. Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, baroota darbanitti, ammas taʼe gara fuulduraatti sabasaa gargaaruuf yoomiyyuu qophaaʼaadha. Dhugaa dinqisiisaa kana beekuunkee akka si jajjabeessu ni abdanna!—Faarfannaa 90:1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi