LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w10 7/15 ful. 7-11
  • “Isin Namoota Attamii Taʼuutu Isiniif Taʼa Ree?”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Isin Namoota Attamii Taʼuutu Isiniif Taʼa Ree?”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horadhaa
  • Warra “Xurii Fi Mudaa Hin Qabne” Taʼaa Jiraadhaa
  • Qorumsi Akka Isin Jabeessu Heyyamaa
  • Tajaajila Yihowaarratti Dammaqinaan Hirmaadhaa
  • Jaarmiyaa Yihowaatti Dhihaadhaa Jiraadhaa
    Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Yaadawwan Ijoo Macaafota Yaaqoobiifi Phexros
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Xalayaawwan Pheexiros Barreesse Lamaanirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
w10 7/15 ful. 7-11

“Isin Namoota Attamii Taʼuutu Isiniif Taʼa Ree?”

“Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad dhiisa erga taʼee, isin namoota attamii taʼuutu isiniif taʼa ree? Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira.”—2 PHE. 3:11.

1. Ergaan Phexros inni lammaffaan, Kiristiyaanota yeroo sanaatiif barbaachisaa kan ture maaliifi?

PHEXROS ERGAMAAN ergaasaa isa lammaffaa yeroo barreessu, gumii Kiristiyaanaarra ariʼatamni cimaan gaʼee kan ture taʼus, kun hinaaffaasaanii jalaa hin qabbaneessine ykn guddinasaanii lafarra jalaa hin harkisne. Kanaaf, Seexanni mala duraan yeroo baayʼee buʼa qabeessa taʼee argate kan biraatti fayyadameera. Akkuma Phexros ibse, Seexanni barsiisota sobaa ‘ija yeroo hundumaa hawwaan gara ejjituu ilaaluufi’ “garaa sassatatti bare” qabanitti fayyadamee saba Waaqayyoo mancaasuuf yaaleera. (2 Phe. 2:1-3, 14; Yih. 4) Kanaaf, Phexros Waaqayyoof amanamoo taʼanii akka jiraatan ergaasaa isa lammaffaarratti garaadhaa isaan gorseera.

2. Ergaan, Phexros isa lammaffaa boqonnaa 3⁠rra jiru maalirratti xiyyeeffata? Gaaffiiwwan kam of gaafachuu qabna?

2 Phexros akkas jechuudhaan barreesseera: “Dhagna koo isa akka godoo kana keessa hamma ani jirutti, yaadachiisee isin dammaqsuun koo qajeelaa dha jedhee fudhadheera. . . . Dhagni koo inni akka godoo kun dafee buqqifamuuf akka jiru ani beeka. Erga ani godaanee booddee immoo, wanta kana yeroo hundumaa akka isin yaadachuu dandeessan gochuudhaaf nan dhamaʼa.” (2 Phe. 1:13-15) Eeyyee, Phexros yeroon inni itti duʼu dhihoo akka ture beekuyyuu, gorsi barbaachisaan inni kenne garuu yeroo hundumaa akka yaadatamu barbaada ture. Gorsisaa kun kutaa Macaafa Qulqulluu kan taʼe siʼa taʼu, yeroo ammaattis hundi keenya dubbisuu dandeenya. Ergaan, Phexros isa lammaffaa Boqonnaa 3⁠rra jiru, “guyyoota gara dhumaa” sirna kanaafi badiisa bantiiwwan waaqaafi lafaa fakkeenyaan ibsamanirratti kan xiyyeeffate waan taʼeef, qalbii keenya kan hawwatudha. (2 Phe. 3:3, 7, 10) Phexros gorsa akkamii nuu kenneera? Gorsasaa hojiirra oolchuun keenya, Yihowaa duratti fudhatama argachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

3, 4. (a) Phexros gorsa akkamii kenneera? Akeekkachiisni inni kennehoo maalidha? (b) Qabxiiwwan sadan kamirratti mariʼanna?

3 Phexros sirni Seexanni seerratu kun akka badu erga dubbatee booda, “Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira” jedheera. (2 Phe. 3:11, 12) Kana kan dubbate miirasaanii kakaasuuf jedhee akka taʼe beekamaadha. Phexros, “guyyaa Waaqayyo keenya itti ijaa baafatu” jalaa oluu kan dandaʼan, namoota fedha Yihowaa raawwataniifi amalawwan Waaqayyoon gammachiisan argisiisan qofa akka taʼan beeka ture. (Isa. 61:2) Phexros itti dabaluudhaan akkas jedheera: “Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra [barsiisota sobaa] seera Waaqayyoo hin eegneetiin fudhatamtanii sokkitanii, isa jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of eeggadhaa!”—2 Phe. 3:17.

4 Phexros warra ‘duraan dursanii beekan’ keessaa tokko waan taʼeef, guyyoota gara dhumaatti, Kiristiyaanonni keessumaa amanamummaasaanii eeganii jiraachuuf of eeggannoo gochuu akka qaban beeka ture. Boodas, Yohannis ergamaan sababiisaa ifa godheera. Seexanni samiirraa akka gad darbatamuufi warra “abboommii Waaqayyoo eeganii, isa Yesus dhugaa baʼettis jabaatani[tti]” ‘guddaa akka aaru’ dubbateera. (Mul. 12:9, 12, 17) Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon dibamtoota taʼan, “hoolota kan biraa” michootasaanii taʼanii wajjin ni injifatu. (Yoh. 10:16) Haataʼu malee, nutoo dhuunfaatti ni injifannaa? Amanamoo taanee ni jiraannaa? (1) Amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuuf, (2) amalaanis taʼe karaa hafuuraa xuriifi mudaa malee jiraachuuf, akkasumas (3) qorumsaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf yoo carraaqne, hanga dhumaatti amanamoo taʼuu ni dandeenya. Mee qabxiiwwan kanarratti haa mariʼannu.

Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horadhaa

5, 6. Amalawwan kamfaa horachuuf carraaquu qabna? Kunoo “dhamaʼuu” kan gaafatu maaliif?

5 Phexros jalqaba ergaasaa isa lammaffaarratti akkas jedhee barreesseera: “Dhamaʼuu hundumaan dhamaʼaa! Amantii qabdan gaarummaadhaan argisiisaa, gaarummaa keessaan beekumsa argisiisaa! Itti dabaltanii immoo beekumsa keessaan of qabuu, of qabuu keessaan obsaan dandaʼuu, obsaan dandaʼuu keessaan nama Waaqayyoo taʼuu keessan argisiisaa! Nama Waaqayyoo taʼuu keessaan obboloota jaallachuu, obboloota jaallachuu keessaan nama hundumaa jaallachuu argisiisaa! Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baayʼachaa yoo adeeman, gooftaa keenya Yesus Kristosin beekuutti warra dhimma baasan, warra ija godhatanis in taatu.”—2 Phe. 1:5-8.

6 Amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuuf sochiiwwan nu gargaaranirratti hirmaachuun, “dhamaʼuu” kan gaafatu akka taʼe beekamaadha. Fakkeenyaaf, walgaʼiiwwan gumii hundumaarratti argamuun, guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi sagantaa qayyabannaa dhuunfaa qabaachuun carraaqqii gaafata. Akkasumas Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa, gammachiisaafi faayidaa qabeessa taʼe gochuuf jabaatanii hojjechuufi karoora gaarii baafachuun barbaachisaadha. Sagantaa keenya takkaa akka gaariitti karaa qabsiisnaan, keessumaammoo buʼaasaa hubannaan barsiifanni kun salphaa nuuf taʼa.

7, 8. (a) Warri tokko tokko waaʼee Waaqeffannaa Maatii galgalaa maal jedhaniiru? (b) Waaqeffannaan maatii keessan buʼaa maalii isiniif argamsiisaa jira?

7 Qophii waaqeffannaa maatii ilaalchisee obboleettiin tokko, “Wantoota hedduu barachuuf nu dandeessiseera” jechuudhaan barreessiteetti. Obboleettiin kan biraa tokkos akkas jetteetti: “Dhugaasaa dubbachuuf, qayyabannaan kitaabaa hafuunsaa na hin gammachiisne ture. Walgaʼiin baayʼee jaalladhudha. Amma garuu, yeroo Waaqeffannaa Maatii galgalaa goonu, Yihowaan wanta nu barbaachisuufi yeroo itti nu barbaachisu akka beeku hubadheera.” Mataan maatii tokko akkas jedheera: “Waaqeffannaan maatii guddaa nu gargaareera. Walgaʼii akka haadha manaafi abbaa manaatti nuuf barbaachisaa taʼe qabaachuun keenya faayidaa guddaa qaba! Lamaan keenyayyuu ija hojii hafuuraa horachuurratti fooyyaʼiinsa gochaa akka jirru nutti dhagaʼama; tajaajila keenyarrattis isa kanaan duraa caalaa gammachuu argachaa jirra.” Mataan maatii kan biraa tokkos akkas jedheera: “Ijoolleen keenya dhuunfaatti qorannaa gochuudhaan barumsa hedduu kan argatan siʼa taʼu, akkas gochuunsaaniis isaan gammachiisa. Qophiin kun, Yihowaan wanta nu yaaddessu akka beekuufi kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu caalaatti akka isatti amanamnu nu gargaareera.” Atoo qophii Waaqayyo nuu godhe kanaaf akkasuma sitti dhagaʼamaa?

8 Wantoonni xixinnoo taʼan, waaqeffannaa maatii keessan akka isin jalaa hambisan hin heyyaminaa. Haati manaafi abbaan manaa tokko akkas jedhaniiru: “Torban arfan darbanitti Kamisa Kamisa galgala, wanti qayyabannaa keenya akka hin goone nu dhowwu uumamee kan ture taʼus, qayyabannaa keenya akka nu jalaa hambisu hin heyyamne.” Al tokko tokko, sagantaa keessan sirreessuun akka isin barbaachisu beekamaadha. Taʼus, Waaqeffannaa Maatii galgalaa keessan torban tokkoofillee akka hin dhiisne murtoo godhaa!

9. Yihowaan Ermiyaasiin kan gargaare akkamitti? Nutoo fakkeenyasaarraa maal barachuu dandeenya?

9 Ermiyaas raajichi fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Yihowaarraa gargaarsa hafuuraa isa barbaachisu kan argate siʼa taʼu, kanas guddaa dinqisiifateera. Gargaarsi argate kun, namoota ergaasaa hin fudhanne gidduutti jabaatee lallabuuf isa dandeessiseera. ‘Dubbiin Waaqayyoo lafee koo keessa lixee, akka ibidda bobaʼuu natti taʼe’ jedheera. (Er. 20:8, 9) Gargaarsi hafuuraa kun, yeroo rakkisaa badiisa Yerusaalemiin xumuramettis jabaatee akka dhaabatu isa gargaareera. Yeroo harʼaatti, guutummaa Dubbii Waaqayyoo barreeffamaan ni arganna. Dhimminee yoo isa qayyabanneefi dhimmawwan tokko tokkoof ilaalacha Waaqayyoo yoo qabaanne, akkuma Ermiyaas gammachuudhaan tajaajiluu keenya itti fufna; yeroo qorumsi nu mudatus amanamoo taana; kana malees amalaanis taʼe karaa hafuuraa qulqulluu taanee jiraanna.—Yaq. 5:10.

Warra “Xurii Fi Mudaa Hin Qabne” Taʼaa Jiraadhaa

10, 11. “Warra xurii fi mudaa hin qabne” taanee jiraachuuf dhamaʼuu kan qabnu maaliifi? Kunoo maal gochuu gaafata?

10 Kiristiyaanota waan taaneef, guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru beekna. Kanaaf, biyyi lafaa wantoota Yihowaan jibbuun, jechuunis sassataan, saalqunnamtii gadhiisii taʼeefi hammeenyaan kan guutame taʼuunsaa nu hin dinqisiisu. Tooftaa Seexanni itti fayyadamu akka walii galaatti akka kanaan ibsuun ni dandaʼama: ‘Tajaajiltoota Waaqayyoo sodaachisuun kan hin dandaʼamne taʼus, mancaasuun garuu ni dandaʼama taʼa.’ (Mul. 2:13, 14) Kanaaf gorsa Phexros jaalalaan nuuf kenne kana yaadatti qabachuu qabna: “Warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhamaʼaa!”—2 Phe. 3:14.

11 Asirratti Phexros “Dhamaʼaa!” jechuudhaan gorsa duraan kenne irra deebiʼeera. Yihowaan inni Phexros jechoota kana akka barreessu kakaase, biyya lafaa Seexanni seerratuufi mancaʼaa taʼe keessatti, warra “xurii fi mudaa hin qabne” taanee jiraachuuf carraaqqii guddaa gochuun akka nu barbaachisu beeka. Carraaqqii gochuun, garaan keenya fedhiiwwan gadhee taʼaniin akka hin moʼamne eeguu dabalata. (Fakkeenya 4:23; Yaaqoob 1:14, 15 dubbisi.) Akkasumas namoota jireenyi Kiristiyaanummaa keenya dalga isaanitti taʼuudhaan ‘maqaa keenya balleessaniif’ moʼamuu dhiisuu dabalata.—1 Phe. 4:4.

12. Luqaas 11:13 maal nuuf mirkaneessa?

12 Cubbuu kan dhaalle waan taaneef, wanta sirrii taʼe raawwachuun qabsoo gochuu gaafata. (Rom. 7:21-25) Wanta sirrii taʼe raawwachuu kan dandeenyu, Yihowaa isa warra garaadhaa isa kadhataniif arjummaadhaan hafuura qulqulluusaa kennutti yoo garagalle qofadha. (Luq. 11:13) Hafuurri sunis, amalawwan Waaqayyo duratti fudhatama nuuf argamsiisan akka horannuufi qorumsa nu mudatu akka moonu qofa utuu hin taʼin, rakkoowwan yeroo guyyaan Yihowaa dhihaachaa jiru kanatti nu mudatan moʼuuf nu gargaara.

Qorumsi Akka Isin Jabeessu Heyyamaa

13. Yeroo qorumsi nurra gaʼu, jabaannee dhaabachuuf maaltu nu gargaara?

13 Hamma sirna moofaa kana keessa jiraannetti, qorumsawwan addaddaa nurra gaʼu. Haataʼu malee abdii kutachuu mannaa, qorumsi, jaalala Waaqayyoof qabdan mirkaneessuuf, akkasumas amantii isaafi Dubbiisaarratti qabdan cimsuuf carraa kan isiniif banu akka taʼetti maaliif hin ilaaltan? Yaaqoob ergamaan akkas jedhee barreesseera: “Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu guutuutti fudhadhaa! Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan dandaʼuu akka fidu in beektu.” (Yaq. 1:2-4) ‘Gooftichi, namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa baasuu akka beekus’ yaadadhaa.—2 Phe. 2:9.

14. Fakkeenyi Yoseef kan si jajjabeessu akkamitti?

14 Mee fakkeenya Yoseef ilma Yaaqoob isa obboloonnisaa garbummaatti isa gurguranii haa ilaallu. (Uma. 37:23-28; 42:21) Yoseef gochi gara jabinaa waan isarratti raawwatameef amantiinsaa laafee turee? Hamminni kun akka isarra gaʼu waan heyyameef Waaqayyotti mufatee turee? Akkas akka hin goone Dubbii Waaqayyoorraa hubachuu dandeenya! Qorumsi Yoseefirra gaʼe garuu kana qofa hin turre. Boodas, gudeeduuf akka yaale sobaan himatamee, mana hidhaa galeera. Yeroo kanattis nama Waaqayyoof bule taʼee itti fufeera. (Uma. 39:9-21) Yoseef qorumsi isarra gaʼe akka isa jabeessuu heyyameera; kana gochuusaatiinis eebba guddaa argateera.

15. Fakkeenya Naaʼomiirraa maal barachuu dandeenya?

15 Qorumsi nu gaddisiisuu ykn abdii nu kutachiisuu akka dandaʼu beekamaadha. Yoseef yeroon akkas isatti dhagaʼame jiraachuu dandaʼa. Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan kaan akkas isaanitti dhagaʼaamee ture. Naaʼomii ishee abbaan manaafi ijoolleenshee dhiiraa lamaan jalaa duʼan akka fakkeenyaatti fudhadhaa. Akkas jetteetti: “Naaʼomii jettanii ana hin waaminaa! Inni hundumaa dandaʼu jireenya koo keessa baʼee akka anatti hadhaaʼu waan godheef, ‘Maaraa’ [“Hadhaaʼaa” jechuudha] anaan jedhaa!” (Rut. 1:20, 21) Naaʼomiin akkas isheetti dhagaʼamuunsaa waanuma jiruufi kan nama hin dinqisiisnedha. Haataʼu malee isheenis akkuma Yoseef, amantiin Waaqayyorratti qabduufi hariiroon isaa wajjin qabdu hin laafne. Yihowaanis dubartii gaarii kana eebbiseera. (Rut. 4:13-17, 22) Lafa Jannata taaturrattimmoo, hammeenya Seexanniifi biyyi lafaa hamaan kun geessise hundumaa ni dhabamsiisa. “Wanti dur taʼe hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu.”—Isa. 65:17.

16. Kadhannaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?

16 Qorumsi akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe, Waaqayyo jaalalasaatiin nu gargaara. (Roomaa 8:35-39 dubbisi.) Seexanni abdii nu kutachiisuuf yaaluurraa duubatti kan hin jenne taʼuyyuu, “warra of qaban,” “kadhata gochuufis warra eeggatan” yoo taane kun isaaf hin milkaaʼu. (1 Phe. 4:7) Yesus akkas jedheera: “Yeroo hundumaa dammaqaa, wanta taʼuuf jedhu kana hundumaa jalaa baʼuudhaaf, ilma namaa duras dhaabachuudhaaf humna akka argattaniif [‘gaafa hundumaa,’ hiika bara 1899] kadhadhaa.” (Luq. 21:36) Yesus ‘gaafa hundumaa kadhadhaa’ yommuu jedhu, kadhannaatti cimuu akka qabnu dubbachuusaa akka taʼe hubadhaa. Yesus gaafa hundumaa akka kadhannu nu gorsuudhaan, isaafi Abbaasaa dura dhaabachuudhaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu akka qabnu ibseera. Namoota karaa fudhatama qabuun isa dura dhaabatan qofatu, guyyaa Yihowaarraa ooluuf abdii qaba.

Tajaajila Yihowaarratti Dammaqinaan Hirmaadhaa

17. Naannoon itti tajaajiltu rakkisaa yoo taʼe, fakkeenyi raajota durii si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

17 Sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuun nu jajjabeessa. Kunimmoo wanta Phexros akkas jechuudhaan dubbate nu yaadachiisa: “Isin namoota attamii taʼuutu isiniif taʼa ree? Jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuun isin irra jira.” (2 Phe. 3:11) Misraachoo lallabuun kutaa jireenyaa kana keessaa isa hunda caaludha. (Mat. 24:14) Namoonni dantaa kan hin qabne ykn kan morman ykn yaaddoo guyyaa guyyaatiin kan muddaman waan taʼaniif, naannoowwan tokko tokkotti hojiin lallabaa rakkisaa taʼu akka dandaʼu beekamaadha. Tajaajiltoonni Yihowaa bara duriitti turan, haalawwan akkasii wajjin qabsaaʼuun isaan barbaachisee ture. Taʼus, abdii kutachuu mannaa “siʼa baayʼee” deddeebiʼanii dhaquudhaan ergaa Waaqayyoo lallabaniiru. (2 Seenaa 36:15, 16 dubbisi; Er. 7:24-26) Jabaatanii dhaabachuuf maaltu isaan gargaareree? Hojiisaaniitiif ilaalcha biyya lafaa utuu hin taʼin ilaalcha Yihowaa qabu turan. Akkasumas, maqaasaatiif dhugaa baʼuu akka mirga guddaatti ilaalu turan.—Er. 15:16.

18. Hojiin Mootummicha lallabuu, gara fuulduraatti maqaa Waaqayyootiif ulfina argamsiisuurratti gaʼee maalii qabaata?

18 Nuyis maqaafi kaayyoo Yihowaa lallabuuf mirga arganneerra. Mee waaʼee kanaa yaadi: Hojii lallabaa keenyaan kan kaʼe, diinonni Waaqayyoo guyyaa firdiisaa isa guddaatti waaʼee isaafi kaayyoosaa hin dhageenye jechuu hin dandaʼan. Akkuma Faraʼoon isa bara durii, isaanirratti tarkaanfii fudhachaa kan jiru Yihowaa taʼuusaa ni hubatu. (Bau. 8:1, 20; 14:25) Yeroo kanatti Yihowaan, tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan dhugumaan bakka buʼootasaa akka turan guutummaatti ifa gochuudhaan isaan kabaja.—Hisqiʼel 2:5; 33:33 dubbisi.

19. Obsa Yihowaatti akka gaariitti fayyadamuu akka barbaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Phexros ergaasaa isa lammaffaa xumuruuf yeroo jedhutti, “Gooftaan obsaan isiniif dandaʼuu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaaʼadhaa” jedhee namoota hidhata amantiisaa taʼaniif barreesseera. (2 Phe. 3:15) Eeyyee, obsa Yihowaatti akka gaariitti fayyadamuu keenya itti haa fufnu. Akkamitti? Amalawwan isa gammachiisan horachuudhaan, warra “xurii fi mudaa hin qabne” taanee jiraachuudhaan, qorumsaaf ilaalcha sirrii qabaachuudhaan, akkasumas tajaajila Mootummichaarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan kana gochuu dandeenya. Akkas kan goonu taanaan, eebba hedduu ‘bantiiwwan waaqaa haaraafi lafa haaraa’ wajjin walqabatee dhufu argachuuf abdii qabna.—2 Phe. 3:13.

Ni Yaadattaa?

• Amalawwan Waaqayyoon gammachiisan horachuu kan dandeenyu akkamitti?

• “Xurii fi mudaa kan hin qabne” taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

• Yoseefiifi Naaʼomiirraa maal barachuu dandeenya?

• Hojii lallabaarratti hirmaachuun mirga guddaa kan taʼe maaliifi?

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Abbootii manaa kan taatan, isinis taatan maatiin keessan amalawwan Waaqayyoon gammachiisan akka horattan kan isin gargaaru maalidha?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Ilaalcha Yoseef qorumsa isa mudateef qaburraa maal baranna?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi