LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 1/1 ful. 28
  • Kan Galateeffattu Taʼi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kan Galateeffattu Taʼi
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Galateeffachuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Yihowaan Waaqa Dinqisiifatudaha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Yihowaadhaaf Galata Galchuudhaan Eebba Argadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 1/1 ful. 28

Tarkaanfii 3

Kan Galateeffattu Taʼi

MACAAFNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA? “Waan hundumaatti Waaqayyoon galateeffadhaa!”—1 Tasaloniiqee 5:18.

QORUMSA AKKAMIITU JIRA? Namoota of tuulaniifi galateeffannaa hin qabne gidduu waan jiraannuuf, amallisaanii kun nutti darbuu dandaʼa. (2 Ximotewos 3:1, 2) Kana malees, jireenya keenya isa fiigichaan guutamerratti hojii dabalataa hojjechuu akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Rakkinni nutti baayʼachuusaatiin ykn fedhii keenya duukaa buʼuudhaan kan kaʼe, wanta qabnu dinqisiifachuuf ykn waan namoonni kaan nuu godhaniif isaan galateeffachuuf yeroo dhabuu dandeenya.

MAAL GOCHUU DANDEESSA? Wantoota gaggaarii amma qabdurratti yaaduuf yeroo ramadi. Dhugaadha, rakkinni hedduun akka sirra gaʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee, haala Daawit Mootichaa ilaali. Yeroo tokko tokko qorumsi yaada garaasaa akka caccabseefi akka hadooche isatti dhagaʼama ture. Taʼus, “Wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira; hojii harka kees irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jechuudhaan Waaqayyotti kadhannaa dhiheesseera. (Faarfannaa 143:3-5) Daawit qorumsi hedduun isarra gaʼuyyuu, galateeffannaa akka qabu argisiiseera; akkasumas gammachuusaa eegee jiraateera.

Wanta namoonni kaan si gargaaruuf godhanirratti yaadi; akkasumas carraaqqiisaaniitiif isaan galateeffadhu. Yesus gama kanaan fakkeenya guddaa taʼeera. Fakkeenyaaf Maariyaam isheen isaa wajjin walitti dhihaattu, urgooftuu dibataa gati jabeessa taʼe yommuu mataasaafi miillasaarratti naqxe, namoonni tokko tokko, “Urgooftuun kun maaliif bade?” jedhanii gaafatanii turan.a Namoonni ishee ceephaʼan kun, urgooftuun sun gurguramee qarshiinsaa hiyyeessotaaf kennamuu akka qabu isaanitti dhagaʼamee ture. Yesus garuu, “Ishee dhiisaa! Maaliif rakkiftu?” jedhe. Itti dabaluudhaanis, “Isheen waan dandeesse hojjetteetti” jedheera. (Maarqos 14:3-8; Yohaannis 12:3) Yesus wanta Maariyaam hin goonerratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta isheen raawwatte akka dinqisiifatu ibseera.

Namoonni tokko tokko maatii, michoota ykn eebbawwan garabiraa qaban kan dinqisiifatan erga wanta sana dhabanii boodadha. Wantoota gaggaarii amma qabdurratti xiinxaluudhaan haalli gaddisiisaan akkasii akka sirra hin geenye gochuu dandeessa! Wantoota akka galateeffattu si godhan maaliif sammuutti hin qabattu? Yookiin maaliif hin barreeffattu?

“Kennaan gaariin hundinuu” maddisaa Waaqayyo waan taʼeef, kadhannaadhaan isa galateeffachuun keenya barbaachisaadha. (Yaaqoob 1:17) Yeroo hundaa kana gochuun keenya galateeffachuufi wanta qabnutti gammannee jiraachuuf nu gargaaruu dandaʼa.—Filiphisiiyus 4:6, 7.

[Miiljalee]

a Jaarraa jalqabaatti, mataa keessummaa tokkoorratti zayitii dibataa naquun simachuu kan argisiisu siʼa taʼu, miillarratti naquunimmoo gad of deebisuu kan argisiisu ture.

[Fakkii fuula 28rra jiru]

Wanta warri kaan sii godhaniif galateeffannaakee ni ibsitaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi