Amala Sammuu Keenya Mancaasuu Dandaʼu—Hinaaffaa
Naappooliyoon Boonaappaarti, Juuliyes Qeesaar, akkasumas Aleeksaandar Guddichi ni hinaafu turan. Aangoofi ulfina kan qaban taʼanillee, namoonni kun amala sammuu namaa mancaasuu dandaʼu of keessaa qabu turan. Sadanuu nama kan biraatti hinaafu turan.
Falaasaan Ingiliiz Bertiraandi Raasil, “Naappooliyoon Qeesaaritti, Qeesaar Aleeksaandar [Guddichatti], akkasumas Aleeksaandar Heerkulas isa goota jedhamee afoolaan dubbatamutti kan hinaafu natti fakkaata” jedhee barreesseera. Namni tokko hammam sooressa taʼus, amala gaarii akkamii qabaatus, jireenyasaa keessatti milkaaʼina guddaa argatus hinaafuu dandaʼa.
Hinaaffaan qabeenya, badhaadhina, carraa namoonni kaan argataniifi kan kana fakkaataniin kan kaʼe isaan jibbuu jechuudha. Akka galmeen jechootaa Macaafa Qulqulluu tokko jedhutti namni hinaafu tokko wanta warri kaan qabanitti hinaafuu qofa utuu hin taʼin, wanta namoonni kaan argatanitti kan aaru taʼuusaarrayyuu wanta sana isaanirraa fudhachuu barbaada.
Kanaaf, hinaafuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼeefi miidhaa maalii akka geessisu hubachuun keenya gaariidha. Keessumaa hinaaffaan jireenya keenya akka hin toʼanne gochuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabnu beekuun keenya barbaachisaadha.
HAFUURA IBIDDA HINAAFFAA AFARSU
Ilmaan namootaa cubbamoo taʼan amala ‘hinaafuu’ kan qaban taʼus sababiiwwan amalli kun isaan keessatti akka guddatu gochuu dandaʼan gara biraanis jiru. (Yaq. 4:5) Phaawulos ergamaan wantoota sababa taʼan keessaa tokko yeroo ibsu, “Egaa kottaa of-dhiibduu, walitti naqxuu, [‘wal morkattuu,’ NW] walitti hinaaftuu taʼuu in dhiifnaa!” jedhee barreesseera. (Gal. 5:26) Wal morkiin, hinaaffaan inni cubbuu dhaaluu keenyaan qabnu garmalee nu keessatti akka guddatu gochuu dandaʼa. Dhugaa Baatonni, Kiristiinaafi Hoosaaa jedhaman wanti kun dhugaa taʼuusaa hubataniiru.
Kiristiinaa isheen qajeelchituu taate, “Yeroo baayʼee warra kaanitti akkan hinaafu natti dhagaʼama. Wanta isaan qabaniifi wantan hin qabne walbira qabeen yaada” jetteetti. Yeroo tokko Kiristiinaan hiriyoota gaaʼelaa hojii daawwannaarratti hirmaatanii tajaajilan wajjin nyaata nyaachaa turte. Kiristiinaafi abbaan manaashee Eeriik daawwataa olaanaa sanaafi haadha manaasaa wajjin umrii wal fakkaatu keessatti kan argaman yommuu taʼu, kanaan dura itti gaafatamummaa wal fakkaatu kan qaban akka turan yaadachuudhaan akkas jetteetti: “Abbaan manaakoos jaarsa gumiidha! Haataʼu malee isin daawwataa olaanaa aanaa taatanii utuu jirtanii nuti taʼuu kan hin dandeenye maaliifi?” Hafuurri wal morkii ibiddi hinaaffaa keessasheetti akka bobaʼu afarse kun, hojii gaarii abbaa manaashee wajjin hojjechaa jiran akka hin hubanneefi jireenyasaaniitti akka hin gammanne ishee godheera.
Hoosaan tajaajilaa gumii taʼuu barbaada ture. Obboloonni kaan mirga kana yommuu argatan, inni garuu utuu hin argatin waan hafeef obboloota kanatti hinaafe, akkasumas qindeessaa jaarsoliitti haaloo qabate. Hoosaan akkas jechuudhaan dhugaasaa dubbateera: “Hinaaffaan obboleessa kana akkan jibbuufi ilaalchasaa karaa dogoggoraatiin akkan hubadhu na godheera. Hinaaffaan jireenyakee ennaa toʼatutti, waaʼeekee qofa waan yaadduuf sirriitti yaaduu hin dandeessu.”
FAKKEENYOTA CAAFFATA QULQULLAAʼOO BARUMSA NUU TAʼAN
Macaafni Qulqulluun fakkeenyota akeekkachiisa nuu taʼan hedduu qabateera. (1 Qor. 10:11) Isaan keessaa tokko tokko akkaataa itti hinaaffaan keessa namaatti guddatu qofa utuu hin taʼin, namoota hinaaffaan akka isaan toʼatu heyyaman akkamitti akka mancaase kan ibsanidha.
Fakkeenyaaf, ilma angafaa Addaamiifi Hewwaan kan ture Qaayin yommuu Yihowaan aarsaa Abeel fudhatee, aarsaasaa dhiisetti aaree ture. Qaayin haala kana sirreessuu kan dandaʼu taʼuyyuu hinaaffaan ilaalchasaa akka jaamsu waan heyyameef obboleessasaa ajjeeseera. (Uma. 4:4-8) Kanaaf, Macaafni Qulqulluun, Qaayin “kan isa hamaa sanaa,” jechuunis kan Seexanaa ture jechuunsaa kan nama ajaaʼibsiisu miti!—1 Yoh. 3:12.
Obboloonni Yoseef kurnan hariiroo addaa Yoseef abbaasaanii wajjin qabutti hinaafanii turan. Yeroo inni abjuu hiika raajii qabu isaanitti himetti immoo caalaatti isa jibbaniiru. Kanarrayyuu darbee isa ajjeesuu barbaadanii turan. Booda garuu garbummaatti kan isa gurguran yommuu taʼu, hamminaan abbaansaanii Yoseef duʼeera jedhee akka amanu godhan. (Uma. 37:4-11, 23-28, 31-33) Waggoota baayʼee booddee, cubbuu raawwatanii turan amanuudhaan, “Nuyi dhuguma obboleessa keenyatti balleessineerra; lubbuun isaa isa keessatti dhiphachuu isaa utuma arginuu, utuma inni nu kadhatuus isa dhagaʼuu dinne” waliin jedhaniiru.—Uma. 42:21; 50:15-19.
Qoraahi, Daataaniifi Abiiram akka hinaafan kan mulʼate, mirga qaban isa kan Museefi Aaron wajjin yommuu walbira qabanii ilaalanitti ture. Jarri kun Museen ‘nurratti moʼuudhaan’ ol of gochuu barbaada jedhanii isarratti kaʼan. (Lak. 16:13) Himanni kun garuu soba ture. (Lak. 11:14, 15) Musee kan muude Yihowaadha. Haataʼu malee jarri hamoon kun aangoo Museen qabutti hinaafanii turan. Dhumarratti hinaaffaan harka Yihowaatiin akka badan isaan godheera.—Far. 106:16, 17.
Solomoon Mootichi hinaaffaan miidhaa guddaa hangamii geessisuu akka dandaʼu argeera. Dubartii mucaanshee reefuu dhalate jalaa duʼe tokko, dubartiin ishee wajjin jiraattuufi mucaanshee jalaa hin duune tokko akka duʼe gootee akka yaaddu gochuudhaan gowwoomsuuf yaaltee turte. Falmii sanatti aansuudhaan godhamerratti, dubartiin sobde sun yaada mucaan lubbuudhaan jiru akka ajjeefamu dhihaaterratti walii galteetti. Solomoon garuu haalicha waan hubateef mucichi dubartii haadhasaa taateef akka kennamu godheera.—1 Mot. 3:16-27.
Hinaaffaan hubaatii guddaa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyonni Caaffata Qulqullaaʼoo olitti ilaalle akka argisiisanitti hinaaffaan jibba, jalʼina raawwachuufi ajjeechaa geessisuu dandaʼa. Kana malees, namoonni kun wanta gochi akkasii akka isaanirratti raawwatamu godhu tokkollee hin hojjenne. Maarree hinaaffaan jireenya keenya akka hin toʼanneef wanti gochuu dandeenyu jiraa? Wantoonni hinaaffaarraa fagaachuuf nu gargaaruu dandaʼanhoo maalidha?
WANTOOTA HINAAFFAARRAA FAGAACHUUF GARGAARAN
Jaalala obbolummaa guddifachuuf carraaqi. Phexros ergamaan akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera: “Isin dhugaadhaaf abboomamuu keessaniin, jireenya keessan qulleeffattanii, obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu bira geessaniittu; ammas jaalala hoʼaa isa garaa keessaa dhufuun wal jaalladhaa!” (1 Phe. 1:22) Jaalala jechuun maal jechuudha? Phaawulos ergamaan, “Jaalalli dandaʼaa dha, gaarummaas in argisiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus; jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu” jedhee barreesseera. (1 Qor. 13:4, 5) Jaalala akkasii guddifachuun keenya hinaaffaa of keessaa balleessuuf kan nu gargaaru mitiiree? (1 Phe. 2:1) Yonaataan Daawititti hinaafuu mannaa ‘akka lubbuu isaatiitti isa jaallateera.ʼ—1 Sam. 18:1.
Namoota Yihowaa waaqeffatan michuu godhadhu. Qindeessaan Faarfannaa 73 jalʼoota rakkoo tokko malee jireenya qananii jiraatanitti hinaafee ture. Haataʼu malee, hinaaffaa isatti dhagaʼame “mana qulqullummaa Waaqayyoo” dhaquudhaan moʼuu dandaʼeera. (Far. 73:3-5, 17) Faarfatichi, namoota hidhata amantiisaa taʼanitti michoomuunsaa eebba ‘Waaqayyotti dhihaachuun’ isaaf argamsiise akka taʼe hubachuuf isa gargaareera. (Far. 73:28) Obboloota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin yeroo mara walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuun nuunis nu fayyaduu dandaʼa.
Wanta gaarii hojjechuuf carraaqi. Waaqayyo hinaaffaafi jibbi keessa Qaayinitti guddachaa akka jiru erga hubatee booda, ‘Wanta gaarii hojjedhu!’ isaan jedhee ture. (Uma. 4:7) ‘Wanta gaarii hojjechuu’ jechuun Kiristiyaanotaaf maal kan dabalatudha? Yesus ‘Waaqayyo gooftaa keenya garaa keenya guutuudhaan, jireenya keenya guutuudhaan, yaada keenya guutuudhaan jaallachuu’ akka qabnu dubbateera. (Mat. 22:37-39) Jireenyi keenya Yihowaa tajaajiluufi warra kaan gargaaruurratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan gammachuun argannu, wanta hinaaffaa moʼuuf nu gargaaru isa guddaadha. Hojii Mootummicha labsuufi bartoota gochuurratti akka gaariitti hirmaachuun, karaa itti Yihowaafi namoota tajaajillu ennaa taʼu, kunimmoo ‘eebba Waaqayyoo’ nuuf argamsiisa.—Fak. 10:22.
‘Warra gammadanii wajjin gammadi.’ (Rom. 12:15) Yesus bartoonnisaa milkaaʼina waan argataniif gammadeera, hojii lallabaarratti isa inni hojjete caalaa raawwachuu akka dandaʼanis isaanitti himeera. (Luq. 10:17, 21; Yoh. 14:12) Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef tokkummaa qabna; kanaaf milkaaʼinni namni kamiyyuu argatu eebba hunda keenyaati. (1 Qor. 12:25, 26) Maarree itti gaafatamummaa guddaa obboloonni keenya argatanitti hinaafuu mannaa gammaduu hin qabnuu?
QABSOO CIMAA GOCHUU GAAFATA!
Hinaaffaa of keessaa baasuun qabsoo cimaa yeroo dheeraa fudhatu gochuu gaafata. Kiristiinaan akkas jetteetti: “Ammayyuu taanaan hinaaffaan baayʼee na qora. Hinaaffaa kanan jibbu taʼullee, na keessaa waan hin badneef, qabsoo walirra hin cinne gochuu na barbaachisa.” Hoosaanis akkasuma qabsoo gochaa jira. Akkas jedheera: “Yihowaan amalawwan gaggaarii qindeessaan qaama jaarsolii qabu akkan dinqisiifadhu na gargaareera. Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii qabaachuun wanta bakka guddaa qabudha.”
Hinaaffaan “hojii foonii” Kiristiyaanonni hundi irraa fagaachuuf qabsoo gochuu qabanidha. (Gal. 5:19-21) Hinaaffaan akka nu toʼatu heyyamuu mannaa, jireenyi keenya gammachiisaa akka taʼu gochuufi Yihowaa Abbaa keenya isa samii gammachiisuu dandeenya.
[Miiljalee]
a Maqaawwan jijjiiramaniiru.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi 17rra jiru]
‘Warra gammadanii wajjin gammadi’