Gaaʼela Keessan Oolchuuf Carraaqqii Godhaa
‘Warra wal fuudhan nan abbooma; kanas gooftaatu abboome malee ana miti.’ —1 QOR. 7:10.
IBSUU DANDEESSAA?
Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa walitti hidheera jechuun kan dandaʼamu maaliifi?
Jaarsoliin, Kiristiyaanota gaaʼelasaanii keessatti rakkinni isaan mudate gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
Gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
1. Kiristiyaanonni gaaʼela akkamitti ilaalu? Maaliif?
KIRISTIYAANONNI yommuu gaaʼela godhatan Waaqayyo duratti waadaa itti gaafatamummaa guddaa isaanitti fidu galu. (Lal. 5:4-6) Hundeessaan gaaʼelaa Yihowaa waan taʼeef, namoota gaaʼela godhatan kan “walitti qabsiise” isa jechuun ni dandaʼama. (Mar. 10:9) Seerri biyyi tokko gaaʼela ilaalchisee qabu maaliyyuu yoo taʼe hariiroon akkasii Waaqayyo duratti fudhatama qaba. Tajaajiltoonni Yihowaa gaaʼela kan godhatan utuu Dhugaa Baatuu hin taʼinis taʼe, erga dhugaa dhagaʼanii booda gaaʼelli yeroo hundumaaf kan itti fufuu godhanii ilaalu.
2. Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa qorra?
2 Gaaʼelli milkaaʼina qabu gammachuu guddaa argamsiisa. Haataʼu malee gaaʼela keessatti rakkinni yoo uumame maal gochuutu dandaʼama? Gaaʼelli laafe jabaachuu ni dandaʼaa? Namoonni nagaan gaaʼelasaanii booraʼe gargaarsa eessaa argachuu dandaʼu?
GAMMACHUUMOO GADDAAN KAN GUUTAMEDHA?
3, 4. Namni tokko hiriyaa gaaʼelaa filachuu ilaalchisee murtoo ogummaarratti hin hundoofne yoo godhe maaltu isa mudachuu dandaʼa?
3 Gaaʼelli Kiristiyaana tokkoo milkaaʼina yommuu argatu, gammachuu argamsiisa, Yihowaadhaafis ulfina fida. Milkaaʼina utuu hin argatin yoo hafemmoo gadda guddaa geessisa. Kiristiyaanni qeenteen gaaʼela godhachuu barbaadu, qajeelfama Waaqayyoo hordofuudhaan gaaʼellisaa jalqabumaa kaasee gaarii akka taʼu gochuuf carraa qaba. Karaa garabiraammoo namni abbaa manaa ykn haadha manaa filachuurratti murtoo ogummaarratti hin hundoofne godhu gammachuu dhabuufi gaddi isarra gaʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf dargaggoonni tokko tokko gaʼumsa itti gaafatamummaa gaaʼelaa fudhachuuf isaan dandeessisu utuu hin qabaatin, saala faallaa beellamanii waliin haasaʼuu jalqabu. Namoonni tokko tokko karaa Intarneetii nama hiriyaa gaaʼelaa isaanii taʼu argachuudhaan ariifatanii gaaʼela yeroo booda gadda guddaa isaanitti fidu keessa seenu. Kaanimmoo yeroo wal qoratanitti cubbuu cimaa raawwatanii waan gaaʼela godhataniif, karaa kabaja akka waliif hin qabne argisiisuun gaaʼelasaanii jalqabu taʼa.
4 Kiristiyaanonni tokko tokko “nama amane” hiriyaa gaaʼelaa utuu hin godhatin hafuudhaan, yeroo baayʼee rakkina maatii amantiidhaan qoqqoodame qabaachuun fiduuf saaxilamu. (1 Qor. 7:39) Haala akkasii keessa jirta taanaan, Waaqayyo dhiifama akka sii godhuufi akka si gargaaru kadhadhu. Yihowaan miidhaa dogoggorri namni tokko raawwate geessise balleessuu baatus, namni yaada garaa geddarate tokko qorumsa isarra gaʼu akka moʼu isa gargaaruu dandaʼa. (Far. 130:1-4) ‘Gammachuun Waaqayyo isiniif kennu jabina keessan waan taʼuuf’ ammas taʼe barabaraaf isa gammachiisuuf fedhii qabaadhaa.—Nah. 8:10.
YEROO GAAʼELA KEESSATTI RAKKINNI UUMAMU
5. Gaaʼela gammachuu hin qabne ilaalchisee ilaalcha akkamiirraa fagaachuutu barbaachisaadha?
5 Namoonni gaaʼelasaanii keessatti rakkinni isaan mudachaa jiru, akkas jedhu taʼa: ‘Gaaʼelakoo isa gammachuu hin qabne kana akka hin diigamne gochuun barbaachisaadhaa? Gaaʼela kana diigee, hiriyaa gaaʼelaa gara biraa barbaaddachuu naa wayya!’ Gaaʼelasaanii diiguuf, jechuunis deebiʼanii qeentee taʼuuf hawwii cimaa qabaachuu dandaʼu taʼa. ‘Hiikuun qaba. Hiikuuf deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo qabaachuu baadhullee, gargar baʼee maaliifan gammachuudhaan hin jiraadhu?’ Kiristiyaanonni akkasitti yaaduu ykn wanta taʼuu qaba jedhanii yaadanirratti xiinxaluu mannaa, qajeelfama Waaqayyoo barbaaduufi hordofuudhaan hamma isaanii dandaʼame haala keessa jiranitti gammaduu qabu.
6. Yaada Yesus Maatewos 19:9rratti dubbate ibsi.
6 Kiristiyaanni tokko gaaʼelasaa yoo diige, lammata gaaʼela godhachuuf deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo qabaachuu dhiisuu dandaʼa. Yesus, “Yoo isheen ejjite malee, namni haadha manaa isaa baasee kan biraa fuudhe in ejja” jedhee ture. (Mat. 19:9) Caqasa kanarratti “ejja” kan jedhame, cubbuu cimaa saalqunnamtii wajjin wal qabate hunda kan dabalatudha. Hiriyaan gaaʼelaa lamaanuu ejja hin raawwanne taanaan, wal hiikuu ilaalchisee yaada qaban kadhannaadhaan irratti yaaduun barbaachisaadha.
7. Gaaʼelli Kiristiyaana tokkoo yoo diigame namoonni kana argan maal yaaduu dandaʼu?
7 Gaaʼelli tokko diigamuunsaa namni sun karaa hafuuraa haala akkamii keessa akka jiru ibsuu dandaʼa. Phaawulos, “Namni akka itti warra mana isaa bulchu hin beekne immoo, attamitti waldaa Waaqayyoof yaaduu dandaʼa ree?” jechuudhaan gaaffii akka laayyootti ilaalamuu hin qabne gaafatee ture. (1 Xim. 3:5) Hiriyoonni gaaʼelaa lamaanuu Kiristiyaana ofiin jechaa gaaʼelasaanii kan diigan taanaan, namoonni kana argan hiriyoonni gaaʼelaa kun wanta lallaban hojiirra oolchaa akka hin jirre yaaduu dandaʼu.—Rom. 2:21-24.
8. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan wal hiikuuf murteessaniiru taanaan dogoggorri akkamii uumamee taʼuu qaba?
8 Hiriyoonni gaaʼelaa cuuphaman deggersa Caaffata Qulqullaaʼoo utuu hin qabaatin gargar baʼuuf ykn wal hiikuuf yaadaa jiru taanaan, jireenya hafuuraasaanii keessatti dogoggorri taʼe tokko uumameera jechuudha. Lamaansaanii ykn abbaan tokko seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo hojiirra oolchaa hin jiran jechuudha. Dhugumaan, ‘garaasaanii guutuu Waaqayyoon kan amanatan’ taanaan, rakkina gaaʼelasaanii keessatti uumame hiikuu hin dandeenyu jedhanii yaaduuf sababii tokkoyyuu hin qaban.—Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.
9. Kiristiyaanonni tokko tokko gaaʼelasaaniitti dafanii abdii kutachuu dhiisuudhaan eebba kan argatan akkamitti?
9 Gaaʼelli hedduun diigamuu jala gaʼanii turanillee yeroo booda milkaaʼina argataniiru. Kiristiyaanonni rakkina gaaʼelasaanii keessatti uumame hiikuurratti dafanii abdii hin kutanne yeroo baayʼee buʼaa gaarii argatu. Maatii amantiidhaan qoqqoodame keessatti maaltu uumamuu akka dandaʼu ilaalaa. Phexros, “Isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo taʼan iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka moʼamanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaaʼaa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu” jedhee barreesseera. (1 Phe. 3:1, 2) Eeyyee, amala gaarii hiriyaan gaaʼelaa tokko argisiisuun namni Dhugaa Baatuu hin taane sun dhugaa fudhachuu dandaʼa. Gaaʼelli diigamuu oole, Waaqayyoof ulfina fiduufi abbaa manaa, haadha manaa, akkasumas yoo ijoollee qabaatan hundasaaniitiif eebba argamsiisuu dandaʼa.
10, 11. Gaaʼela keessatti rakkinni hin yaadamne akkamii uumamuu dandaʼa? Taʼus, Kiristiyaanni tokko waaʼee maalii mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa?
10 Kiristiyaanonni qeentee taʼan, fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabaniin kakaʼanii namoota hidhata amantiisaanii Yihowaadhaaf of murteessan keessaa hiriyaa gaaʼelaa filataniiru. Yeroo akkasiittillee utuu itti hin yaadin haalawwan jijjiiramuu dandaʼu. Fakkeenyaaf yeroo tokko tokko hiriyaan gaaʼelaa rakkina miiraa cimaa qabaachuu dandaʼa. Yookiin erga gaaʼela godhatanii utuu hin turin inni tokko karaa hafuuraa dadhabuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni haadha taate, hinaaffaa qabduufi Liindaaa jedhamtu, abbaan manaashee cuuphame karaa Caaffata Qulqullaaʼoo wajjin wal faallessuun jiraachuufi yaada garaa geddarachuu dhiisuudhaan siʼa gumiidhaa baafamu gadditee turte. Kiristiyaanni tokko gaaʼellisaa rakkina akkasii keessa galuudhaan abdii kan hin qabne yoo isatti fakkaate maal gochuu qaba?
11 ‘Haalli akkamiyyuu yoo uumame, gaaʼelakoo oolchuuf yaaluu itti fufuun qabaa?’ jettanii gaafattu taʼa. Murtoo akkasii namni kamiyyuu isinii gochuu hin dandaʼu; gochuus hin qabu. Taʼus, gaaʼela rakkina keessa galetti abdii kutachuu dhiisuuf sababiiwwan gaarii taʼan jiru. Dhiirri ykn dubartiin Waaqayyoof bulaniifi yaada garaasaaniitiif jecha rakkina gaaʼelasaanii keessa jiru dandaʼanii jiraatan, isa duratti gatii guddaa qabu. (1 Phexros 2:19, 20 dubbisi.) Yihowaan Kiristiyaana rakkina gaaʼelasaa keessa jiru hiikuuf carraaqqii cimaa godhu karaa Dubbiifi hafuurasaa ni gargaara.
ISIN GARGAARUUF QOPHAAʼOODHA
12. Jaarsoliin gargaarsa hafuuraa yoo isaan gaafanne akkamitti nu ilaalu?
12 Gaaʼelakee keessatti rakkinni si mudachaa jira taanaan, Kiristiyaanota gaʼumsa qaban gargaarsa hafuuraa gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Jaarsoliin tiksitoota karra hoolotaa waan taʼaniif, gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo keessa jiru gammachuudhaan kennu. (HoE. 20:28; Yaq. 5:14, 15) Atiifi hiriyaan gaaʼelaakee jaarsolii gargaarsa hafuuraa yoo gaafattaniifi rakkina cimaa maatii keessan keessa jirurratti yoo isaanii wajjin mariʼattan nu tuffatu jettanii hin yaadinaa. Carraaqqii isin Waaqayyoon gammachiisuuf gootan yommuu argan, ilaalchi isaan isiniif qaban ni guddata.
13. Qorontos Isa Duraa 7:10-16rratti gorsa akkamiitu kenname?
13 Jaarsoliin Kiristiyaanota maatii amantiidhaan gargar taʼan keessa jiraatan akka gargaaran yommuu gaafataman, gorsa Phaawulos akka armaan gadiitti barreesse caqasu. Phaawulos akkas jedheera: “Warri wal fuudhan akka gargar hin baane nan abbooma; kanas gooftaatu abboome malee ana miti; haati manaa abbaa manaa isheettii gargar hin baʼin! Yoo abbaa manaa isheettii gargar baate garuu, utuu hin heerumin haa teessu yookii immoo abbaa manaa isheetti haa araaramtu; abbaan manaas haadha manaa isaa hin baasin! . . . Ati dubartii nana! Abbaa manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta? Atis namicha nana! Haadha manaa kee gara amantiitti akka fiddu attamitti beekta?” (1 Qor. 7:10-16) Hiriyaan gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane waaqeffannaa dhugaa akka fudhatu taasifamuunsaa eebba guddaa mitii?
14, 15. Kiristiyaanni tokko gargar baʼuu kan dandaʼu yoomidha? Dhimma kanarratti kadhannaadhaan yaaduun barbaachisaa kan taʼehoo maaliif?
14 Haati manaa Kiristiyaana taate tokko “gargar baʼuu” kan dandeessu haala akkamii keessattidha? Kiristiyaanonni tokko tokko hiriyaan gaaʼelaasaanii taʼe jedhee waan jireenyaaf barbaachisu dhiheessuu waan dideef gargar baʼuu filataniiru. Kaanimmoo karaa qaamaafi karaa hafuuraa miidhaa cimaan waan isaanirra gaʼuuf kana gochuu filataniiru.
15 Gargar baʼuunis taʼe dhiisuun murtoo namni tokko dhuunfaatti godhudha. Taʼus, hiriyaan gaaʼelaa cuuphame tokko dhimma akkasii kadhannaadhaan irratti yaaduu qaba. Fakkeenyaaf, miidhaa karaa hafuuraa gaʼeef guutummaatti kan itti gaafatamu hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane sanamoo, inni Kiristiyaana taʼe Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, walgaʼiirratti yeroo hunda argamuufi tajaajilarratti yeroo hunda hirmaachuu waan dhiiseefidha?
16. Kiristiyaanonni wal hiikuu ilaalchisee ariitiidhaan murtoo akka hin goone maaltu isaan dhowwuu qaba?
16 Hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnuuf iddoo guddaa kan kenninuufi gaaʼela isa kennaa taʼeef galateeffannaa kan qabnu taʼuun keenya, wal hiikuu ilaalchisee ariitiidhaan murtoo akka hin goone nu dhowwuu qaba. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, maqaansaa qulqulluu taʼee eegamuunsaa nu yaaddessa. Kanaaf, nama gara biraa wajjin gaaʼela godhachuuf jennee matumaa gaaʼela keenya diiguuf yaaduu hin qabnu.—Er. 17:9; Mal. 2:13-16.
17. Waaqayyo Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan haala akkamii keessatti nagaadhaan akka jiraatan barbaada?
17 Kiristiyaanni hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane qabu tokko, gaaʼellisaa cimaa akka taʼuuf carraaqqii gochuu qaba. Gaaʼellisaa akka hin diigamne carraaqqii godhus, inni Dhugaa Baatuu hin taane sun wajjin jiraachuu yoo dide garuu cubbuu akka raawwate isatti dhagaʼamuu hin qabu. Phaawulos, “Isin keessaa inni hin amanin hidhata isaattii gargar baʼuu yoo foʼate garuu, gargar baʼuu in dandaʼa; Waaqayyo jireenya nagaatiif waan isin waameef, yeroo kanatti inni amane yookiis isheen amante hidhata gaaʼelaattii hiikamuu isaanii ti” jedheera.—1 Qor. 7:15.b
YIHOWAA EEGGADHAA
18. Gaaʼela tokko oolchuun kan hin dandaʼamne yoo taʼellee, carraaqqii gochuun buʼaa gaarii akkamii argamsiisuu dandaʼa?
18 Rakkina gaaʼela keessatti isin mudatu hiikuuf yommuu yaaltan, jabina akka isinii kennu Yihowaatti amanamaa, yeroo hundumaas isa eeggadhaa ykn abdadhaa. (Faarfannaa 27:14 dubbisi.) Liindaa ishee olitti caqasamte yaadadhaa. Waggoota dheeraadhaaf carraaqqii cimaa gootus dhumarratti gaaʼellishee diigameera. Haataʼu malee, yerooshee akkasumaan akka balleessite isheetti dhagaʼameera? Akkas jetteetti: “Matumaa akkas natti hin dhagaʼamne. Carraaqqiin godhe namoota na ilaalaniif dhugaa baʼeera. Yaada garaa na hin ceephaanen qaba. Hunda caalaammoo, waggoota kana hundatti intalli keenya dhugaa keessatti cimtee dhaabachuu dandeesseetti. Dhugaa Baatuu hinaaffaa qabduufi of murteessite taateetti.”
19. Gaaʼelli akka hin diigamne carraaqqiin yoo godhame buʼaan akkamii argamuu dandaʼa?
19 Kiristiyaanni Maarliin jedhamtu, gaaʼelashee oolchuuf Waaqayyotti amanamuufi carraaqqii cimaa gochuusheetti gammachuun isheetti dhagaʼameera. “Abbaan manaakoo deggersa qarshii waan naa hin gooneefi karaa hafuuraa miidhaa waan narraan gaʼuuf gargar baʼuuf murteesseen ture. Daldala sirrii hin taane tokko tokko jalqabuusaa dura jaarsa taʼee tajaajilaa ture. Boodas walgaʼiirraa hafuu jalqabe, achiis walii wajjin haasaʼuu dhiisne. Shororkeessaan magaalaa keenya keessa jiru tokko akkan manaa hin baane hamma na dhowwutti na sossodaachisee ture. Booda garuu anis dogoggora raawwachaa akkan jirun hubadhe. Achiis waliin haasaʼuu, qayyabannaa maatii gochuufi yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu jalqabne. Jaarsoliin gaarummaa nutti argisiisaniiru, akkasumas nu gargaaraniiru. Gaaʼelli keenya lammata haaromfame. Yeroo booda abbaan manaakoo gumii keessatti deebiʼee mirga argachuuf gaʼeessa taʼe. Muuxannoo gadhee taʼuyyuu, booda gammachuu naaf argamsiiseera.”
20, 21. Gaaʼela ilaalchisee maal gochuuf murteessuu qabna?
20 Qeentee kan taanes taʼe gaaʼela kan godhanne, yeroo hunda gara kuteenyaan tarkaanfii haa fudhannu, akkasumas Yihowaatti haa amanamnu. Gaaʼela keenya keessatti rakkinni nu mudachaa jira taanaan, namoonni gaaʼela godhatan, ‘lama utuu hin taʼin, foon tokko’ akka taʼan yaadachuudhaan rakkina keenya hiikuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. (Mat. 19:6) Kana malees, rakkina maatii amantiidhaan tokko hin taane keessatti nu mudatu dandeenyee yoo itti fufne, hiriyaan gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane waaqeffannaa dhugaa akka fudhatu gochuudhaan gammachuu argachuu akka dandeenyu yaadachuu qabna.
21 Haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe, namoonni gumiidhaa ala jiran waaʼee keenya waan gaarii akka dubbatan haala isaan godhuun of eeggannoodhaan jiraachuuf haa murteessinu. Gaaʼelli keenya rakkina cimaa kan qabu yoo taʼe, cimsinee haa kadhannu, ilaalcha keenya haqaan haa gamaaggamnu, Caaffata Qulqullaaʼoo akka gaariitti haa qorru, akkasumas jaarsoliin gargaarsa hafuuraa akka nuu godhan haa gaafannu. Hunda caalaammoo, Yihowaa gammachiisuufi gaaʼela isa kennaasaa taʼeef dinqisiifannaa guddaa qabaachuuf haa murteessinu.
[Miiljaleewwan]
a Maqaawwan jijjiiramaniiru.
b Kitaaba, “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu fuula 219-221; Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 1988, fuula 26-27; Fulbaana 15, 1975, fuula 575 ilaali. (Ingiliffa)
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10rra jiru]
Kiristiyaanonni gaaʼela keessatti rakkina isaan mudateef dafanii abdii hin kutanne yeroo baayʼee buʼaa gaarii argatu
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 12rra jiru]
Yeroo hunda Yihowaatti amanamaa, akkasumas jabina akka isinii kennu gaafadhaa
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Yihowaan Kiristiyaanota rakkina gaaʼelasaanii keessa jiru hiikuuf carraaqqii cimaa godhan ni eebbisa
[Fakkii fuula 11rra jiru]
Gumiin Kiristiyaanaa iddoo jajjabinaafi gargaarsa hafuuraa itti argatanidha