Gaaffii Dubbistootaa
Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa, mootummaa torbaffaa Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame kan taʼe yoomi?
▪ Hiikni bifa fakkeenyaa guddaan sibiilarraa hojjetameefi Nebukadnezaar Mootichi arge, mootummoota addunyaa hunda kan argisiisu miti. (Dan. 2:31-45) Kanaa mannaa mootummoota shanan bara Daaniʼelii kaasee turaniifi saba Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen bakka guddaa qaban kan argisiisudha.
Ibsi Daaniʼel bifa namaa sibiila guddaa sanarratti kenne, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan Roomaa ishee bakka guddaa qabdu keessaa akka kaʼu argisiisa. Daaniʼel, miilli bifa fakkii namaa sun hamma qubasaatti sibiila akka qabu argeera. (Miillisaafi qubnisaa makaa supheefi sibiilaati.)a Ibsa kennamerraa hubachuun akka dandaʼamutti, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa miilla bifa fakkeenyaa sana keessaa kaʼa. Ibsi kun dhugaa taʼuusaa seenaan ni mirkaneessa. Biritaaniyaan isheen Bulchiinsa Roomaa keessaa tokko turte, dhuma jaarraa 17ffaatti olaantummaa argachuu jalqabde. Yeroo boodas Yunaayitid Isteetis Ameerikaan mootummaa beekamtuu taate. Haataʼu malee, yeroo kanatti mootummaan addunyaa torbaffaan Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan ibsame hin hundeeffamne. Maaliif? Yeroo kanatti, Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetis Ameerikaan qindoominaan hojjechuu waan hin jalqabneefidha. Qindoominaan hojjechuu kan jalqaban yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaattidha.
Yeroo sanatti, ‘ilmaan mootummichaa’ irra caalaa Ameerikaa keessatti hojjechaa kan turan yommuu taʼu, waajjirri muummees Biruukiliin, Niwuu Yoorkitti argama ture. (Mat. 13:36-43) Miseensonni kutaa dibamtootaa, biyyoota Biritaaniyaan bulchaa turte keessatti akka gaariitti lallabaa turan. Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti Ameerikaafi Biritaaniyaan tokkummaa uumuudhaan diinotasaanii lolaa turaniiru. Sababa waraanaatiin sabboonummaan yeroo babalʼatetti, sanyii “dubartittii” warra taʼanitti diinummaa argisiisaniiru, barreeffamnisaanii akka hin raabsamne dhowwaniiru, akkasumas warra adda durummaadhaan hojii lallabaa kana geggeessan hidhaniiru.—Mul. 12:17.
Kanaaf raajii Macaafa Qulqulluurraa akka hubannutti, dhuma jaarraa 17ffaa, yeroo Biritaaniyaan olaantummaa argachuu jalqabdetti mootummaan addunyaa torbaffaan hin hundoofne. Kan inni hundeeffame jalqaba guyyaa Gooftaattidha.b
[Miiljaleewwan]
a Supheen inni sibiilatti makame sun, humnoota Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa keessa jiran kan argisiisudh. Yeroo booda, supheen kun Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa jabina qabaachuu qabu akka dhabu godheera.
b Ibsi kun yaada kitaaba Raajii Daaniʼel, fuula 57, keeyyata 24, chaartii fuula 56fi fuula 139rra jiru bakka buʼa.
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Waxabajjii bara 1918, obboloonni waajjira muummee keessaa hojjetan saddeet mana hidhaatti galfaman