Seenaa Jireenyaa
Yihowaan Fedhasaa Raawwachuu Na Barsiiseera
Maaksi Looyid Akka Dubbatetti
Yeroonsaa bara 1955 gaaf tokko halkan yommuu taʼu, aniifi misiyooniin naa wajjin ramadame tokko, Ameerikaa Kibbaa, Paaraaguwaay keessa turre. Manni nuti keessa turre namoota “waaqni keenya waaqa dhiiga dheebote waan taʼeef, dhiiga ‘giriingosootaa’ dhuguu barbaada” jedhanii iyyaniin marfame. Nuti ‘giriingosoonni’ (warri biyyichaaf haaraa taane) bakka kana kan dhufne akkamitti?
ANI bakka kana dhufuu kanan dandaʼe, biyyan itti guddadhe jechuunis Awustiraaliyaatti Yihowaan fedhasaa raawwachuu waan na barsiiseefidha. Abbaankoo bara 1938tti, nama Dhugaa Baatuu taʼe tokkorraa, kitaaba Inemiis jedhamu fudhatee ture. Abbaankoofi Harmeenkoo, lubni naannoo keenya jiru Macaafni Qulqulluun gar tokkoonsaa oduu duriiti jedhee caqasuusaatti baayʼee aaranii turan. Gara waggaa tokkoo booda, warrikoo Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphaman. Yeroo sanaa jalqabee, fedha Yihowaa raawwachuun kutaa jireenya maatii keenyaa keessaa isa guddaa taʼe. Obboleettiinkoo Leesliin isheen waggaa shan na angaftu, utuu hin turin kan cuuphamte siʼa taʼu anis bara 1940tti, umrii waggaa sagaliittan cuuphame.
Waraanni Addunyaa Lammaffaa jalqabamee utuu baayʼee hin turin, Awustiraaliyaa keessatti barreeffamoonni Dhugaa Baatota Yihowaa akka hin maxxanfameefi akka hin raabsamne dhowwaman. Kanaaf ijoollummaakootii jalqabee Macaafa Qulqulluu qofatti fayyadamee wanta amantii kootiif buʼuura taʼe ibsuu baradheera. Macaafa Qulqulluu fudhadhee mana barumsaa dhaquudhaan sababan itti alaabaadhaaf ulfina addaa hin kennineefi namoota waraanarratti hirmaatan itti hin deggerre nan ibsan ture.—Bau. 20:4, 5; Mat. 4:10; Yoh. 17:16; 1 Yoh. 5:21.
Mana barumsaatti namoonni baayʼeen akka ‘basaastuu Jarmanitti’ waan na ilaalaniif yeroo naa wajjin hin dabarsan. Yeroo sanatti fiilmiin addaddaa mana barumsaa keessatti ni agarsiifama ture. Fiilmiin sun jalqabuusaa dura, hundumtuu ol kaʼee faarfannaa alaabaa faarfachuu qaba ture. Yommuun kophaakoo taaʼee hafu, dhiironni lama ykn sadii rifeensa mataakoo qabanii ol na kaasuuf yaalu turan. Amantiikoo isa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe dhiisuu waanan dideef dhumarratti Mana Barumsaatiin ariʼame. Haataʼu malee, mana taaʼee barumsa fagoo barachuu dandaʼeera.
YEROO BOODA GALMA KOORRA GAʼEERA
Yommuun waggaa 14 guute, qajeelchaa taʼee tajaajila yeroo guutuu keessa seenuufan galma baafadhe. Warrikoo garuu jalqaba hojii barbaadee hojjechuu akkan qabu yeroo natti himan baayʼeen gadde. Kutaan keessa jiraadhuuf qarshii akkan kaffaluufi mana keessaa akkan hojjedhu kan na dirqisiisan siʼa taʼu, waggaa 18 yommuun guutu garuu qajeelchaa taʼuu akkan dandaʼu waadaa naa galan. Kunimmoo qarshiin argadhurratti yeroo hundumaa akka wal falminu nu godheera. Ani qarshii sana yeroon qajeelchaa taʼu itti fayyadamuuf qusachuun qaba jedheen falma, isaan garuu na harkaa fudhatu turan.
Qajeelchaa taʼee akkan tajaajiluuf waadaa isaan naa galan yeroo gaʼu, warrikoo naa wajjin taaʼanii qarshiin isaanitti kennaa ture mana baankii naa kaaʼaa akka turan natti himan. Achiis uffataafi wantoota yeroon qajeelchaa taʼee tajaajilu na barbaachisan akkan ittiin bitadhuuf qarshii sana hundumaa naa kennan. Haala kanaan namarraa utuun hin eegin ofumakootii wanta na barbaachisu akkan guuttadhu na barsiisaniiru. Duubatti deebiʼee yommuun yaadu, leenjiin isaan naa kennan baayʼee na fayyadeera.
Aniifi Leesliin yeroo ijoollee turretti, siʼa baayʼee qajeelchitoonni mana keenya waan buufataniif tajaajilarratti isaanii wajjin hirmaachuun nu gammachiisa ture. Sanbadduraafi Dilbata, manaa gara manaa, karaarratti tajaajiluufi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuun baayʼee nutti tola ture. Yeroo sanatti, babalʼisaan tokko jiʼatti saʼaatii 60 tajaajiluu qaba. Haatikoo yeroo hundumaa jechuun ni dandaʼamaa, saʼaatii 60 tajaajiluudhaan anaafi Leesliidhaaf fakkeenya gaarii taateetti.
TASMAANIYAA KEESSATTI QAJEELCHAA TAʼEE TAJAAJILUU
Yeroo jalqabaatiif qajeelchaa taʼee kanan ramadame, odoola Awustiraaliyaa, Tasmaaniyaa jedhamtutti siʼa taʼu, bakka kanatti obboleettiikoofi abbaa manaashee wajjin tajaajilaa turre. Haataʼu malee isaan utuu baayʼee hin turin, Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 15ffaarratti hirmaachuuf deeman. Sanaan dura ija laafessa taʼuu koorrayyuu manaarraa fagaadhee deemee hin beekun ture. Namoonni tokko tokko, ‘Tasmaaniyaa keessa jiʼa sadii caalaa hin turu’ jedhanii yaadanii turan. Achiis, waggaa tokko keessatti jechuunis bara 1950tti, kaampaanii sarvaanti (yeroo ammaa qindeessaa qaama jaarsolii jedhama) taʼeen muudame. Boodas qajeelchaa addaa taʼee kanan muudame siʼa taʼu, obboleessi dargaggeessa taʼe tokkos naa wajjin ramadame.
Kan ramadamne, magaalaa fagoo albuuda sibiila diimaa itti baasaniifi Dhugaa Baatonni Yihowaa hin jirre tokkotti ture. Bakka sana kan deemne atoobisiidhaan yommuu taʼu, waaree booda achi geenye. Guyyaa jalqabaa hoteela dulloomaa tokko keessa bulle. Guyyaa ittaanu, manaa gara manaatti yemmuu tajaajillu achumaan mana kireeffamu gaafanna turre. Gara galgalaa, namichi tokko manni tajaajilichaa inni waldaa amantii Pirisbiteeriyaanotaatti aanee jiru duwwaa akka taʼeefi diiyaaqonicha akka haasofsiisnu nutti hime. Innis nama gaarii waan tureef manichatti akka gallu nuu heyyame. Guyyaa guyyaadhaan mana lubaa keessaa baʼanii tajaajila deemuun waan addaa ture.
Naannoon tajaajilaa sun buʼa qabeessa ture. Maree gaarii goona; qayyabannaa Macaafa Qulqulluu baayʼees ni jalqabsiisna turre. Geggeessitoonni amantii magaalicha keessa jiran kana yommuu baraniifi nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa mana tajaajilichaa keessa akka jiraannu yommuu dhagaʼan manicha keessaa dafee akka nu baasuuf diiyaaqonichatti himan. Ammas yeroo lammaffaatiif mana jireenyaa dhabne.
Guyyaa ittaanu, hamma waaree boodaatti erga tajaajillee booda, bakka bullu barbaaduutti kaane. Bakki gaariin arganne istaadiyomii jala ture. Shaanxaa keenya iddoo sana erga dhoksinee booda tajaajila keenya itti fufne. Dhihaa kan jiru yoo taʼeyyuu manneen nuu hafan xumuruuf murteessine. Mana itti lallabne tokkotti, namichi tokko mana kutaa xixinnoo lama qabuufi duuba bakka jireenyaasaa jiru nuu kireesse.
HOJII DAAWWWANNAAFI MANA BARUMSAA GIILʼAAD
Hojii lallabaarratti jiʼa saddeet ergan hirmaadhee booda, daawwataa olaanaa aanaa akkan taʼuuf waajjira damee Awustiraaliyaarraa afeerraan na gaʼe. Yeroo sanatti umriinkoo waggaa 20 qofa waan tureef baayʼeen naʼe. Torban lamaaf leenjii ergan fudhadhee booda, gumiiwwan jajjabeessuuf daawwachuun jalqabe. Namoonni umriidhaan na caalan hojii ani hojjechaa jiruuf kabaja waan qabaniif, dargaggeessa muuxannoo hin qabne taʼuu kootti na hin tuffanne.
Gumii tokkoo gara gumii garabiraatti deemsin godhu baayʼee garaagara ture. Torban tokko atoobisiidhaan, torban biraammoo baaburaan, achiis konkolaataa ykn doqdoqqeedhaan shaanxaakoofi boorsaa tajaajilaakoo garasiifi garanaan baadheen deeman ture. Obbolootaa wajjin yeroo dabarsuun baayʼee natti tola. Obboleessi kaampaanii sarvaanti taʼe tokko, mannisaa ijaaramee xumuramuu baatuyyuu, akkan isa bira buufadhu baayʼee barbaadee ture. Torban sana gandaa dhaqna keessatti dhiqatan keessa ciisaa kanan ture taʼus, yeroo lamaan keenyayyuu karaa hafuuraa itti wal jajjabeessine ture.
Wanti baayʼee nama gammachiisu kan biraan kan na mudate, bara 1953tti, mana barumsaa Giilʼaad kutaa 22ffaarratti akkan hirmaadhu yeroon afeeramedha. Haataʼu malee gammachuunkoo yaaddoodhaan kan makame ture. Obboleettiinkoofi abbaan manaashee Adoolessa 30, 1950tti, Giilʼaadii erga eebbifamanii booda Paakistaanitti ramadamanii turan. Waggaa tokko utuu hin guutin Leesliin dhukkubsattee biyyichatti duute. Sana booda ‘utuu hin turin yoon bakka biraa deeme warrakootti maaltu dhagaʼama laata?’ jedheen yaade. Haataʼu malee isaan, “Bakka Yihowaan itti si erge hundumaa dhaqiitii isa tajaajili” naan jedhan. Ergasii abbaakoo argee hin beeku. Innis bara 1957tti duʼe.
Yeroo muraasa booda, obboloota biyya Awustiraaliyaa shanii wajjin markabaan gara Niiwu Yoorki Siitiitti deemsa torban jaʼa nutti fudhate deemuu jalqabne. Karaarratti, Macaafa Qulqulluu waliin dubbisna, waliin qayyabanna, namoota nu wajjin deemaniifis dhugaa baana turre. Niiwu Yoorki, Saawuz Laansiingi bakka manni barumsichaa itti argamu utuu hin dhaqin dura, Adoolessa bara 1953tti, walgaʼii koonyaa biyyoolessaa Istaadiyomii Yaankeetti godhamerratti argamne. Walgaʼii kanarratti namoonni 165,829 taʼan argamaniiru.
Barattoonni mana barumsaa Giilʼaad 120 taʼan, biyya addaddaatii kan dhufan turan. Hanga guyyaa eebbifamnuutti bakki ramaddii nutti hin himamne ture. Akkuma ramaddii keenya barreen mana kitaabaa Giilʼaad seennee, kaartaa ilaaluudhaan waaʼee biyya itti ramadamnee baruuf carraaqqii goone. Anis kanan ramadame Paaraaguwaay ishee fincila siyaasaatiin beekamtetti akka taʼen bare. Achi dhaqee utuu hin turin, misiyoonota achi jiraniin “ayyaanni” galgala ture maal akka taʼen gaafadhe. Isaanis natti kolfuudhaan “Fincila jijjiirama siyaasaa fiduuf godhamu yeroo jalqabaatiif arguu keeti. Karaa balbalaa asii achi ilaalimee” naan jedhan. Yommuun ilaalu, loltoonni moggaa moggaa dhaabatanii turan.
MUUXANNOO BAAYʼEE BARBAACHISAA TAʼE
Yeroo tokko, daawwataa olaanaa aanaa wajjin gumii fagoo jiru daawwachuufi fiilmii Za Niiwu Worlid Soosaayitii iin Akshin jedhamu argisiisuuf deemne. Jalqaba baaburaan, achiis fardaafi gaarii fardaa xinnoo tokkoon, dhumarrattis gaarii sangaadhaan harkifamuun, dimshaashumatti gara saʼaatii saddeetii ykn sagalii deemne. Kanarrattimmoo jenereetaraafi meeshaa fiilmii ittiin argisiisan baannee deemna turre. Bakka yaanne erga geenyee booda, guyyaa ittaanu lafa qonnaa daawwachaafi namoonni fiilmii galgala sana agarsiifamu akka ilaalan afeeraa oolle. Namoonni gara 15 taʼan argamaniiru.
Fiilmicha gara daqiiqaa 20tiif erga agarsiisnee booda dafnee akka mana seennu nutti himame. Nutis meeshaa ittiin agarsiisaa turre fuunee dafnee ol galle. Achiis namoonni iyyaa dhukaasaa, akkasumas, “waaqni keenya waaqa dhiiga dheebote waan taʼeef dhiiga ‘giriingosootaa’ dhuguu barbaada” jechaa iyyaa dhufan. ‘Giriingosoonni’ bakka sana turan lama qofa siʼa taʼan isaan keessaa tokko anadha. Namoonni fiilmicha ilaalaa turan, tuutni yakka raawwachuuf deemu sun akka ol hin seenne dhowwan. Haataʼu malee namoonni nu morman sun, ganama gara saʼaatii sadii keessa qawwee dhukaasaa dhufuudhaan, guyyaadhuma sana gara magaalaatti akka deebinuuf nutti dhaadatan.
Obboloonni lama poolisii nagaa eegsisu kan waaman siʼa taʼu, innis waaree booda farda lama fidee dhufuudhaan gara magaalaatti nu geesse. Karaarratti daggala ykn mukeen gobbuu bira yommuu geenyu, poolisichi qawweesaa baasee of fuuldura qabuudhaan naannicha sakattaʼa ture. Fardi geejjibaaf barbaachisaa taʼuusaa waanan hubadheef, booda farda tokkon bitadhe.
MISIYOONONNI DABALATAA NI DHUFAN
Luboonni yeroo hundaa kan morman taʼus, hojiin lallabaa milkaaʼina argachuusaa itti fufe. Bara 1955tti, misiyoononni shan kan dhufan siʼa taʼu, obboleettiin lammii Kaanaadaa, Eelsii Swaansan jedhamtuufi mana barumsaa Giilʼaad kutaa 25ffaadhaa eebbifamte isaan keessaa tokko turte. Magaalaa kan biraatti ramadamuushee dura yeroo muraasaaf waajjira damee keessatti wajjin turreerra. Eelsiin warrashee Dhugaa Baatota hin taanerraa gargaarsa argachuu baatteyyuu, jireenyashee guutuu Yihowaadhaaf buluuf murteessiteetti. Mudde 31, 1957tti, aniifi Eelsiin gaaʼela kan godhanne siʼa taʼu, kibba Paaraaguwaayitti mana misiyoonii keessa jiraachuu jalqabne.
Manni keenya bishaan boombaa waan hin qabneef, bishaan boollaa mana keenya boroo jirutti fayyadamna turre. Manni keenya kutaa dhiqannaa ykn mana boolii, maashinii wayyaa itti miicaniifi firiijii hin qabu ture. Nyaata turuu hin dandeenye, guyyaadhuma tokkoof bitanna turre. Haataʼu malee, jireenya salphaa jiraachuuniifi hariiroon obboloota keenya gumii keessa jiranii wajjin qabnu, jireenyi nuti gaaʼela keenya keessatti dabarsine, gammachuu kan qabu akka taʼu godhaniiru.
Bara 1963tti, Harmeekoo ilaaluuf Awustiraaliyaatti deebiʼee yeroo muraasa booda, sababa waggaa kudhan booda mucaashee argiteef taʼuu dandaʼa, haatikoo dhukkuba onneetiin qabamte. Paaraaguwaayitti deebinee yeroo nuti tajaajillu dhihaachaa ennaa deemutti, murtoo cimaa gochuu qabnu tokkotu nu mudate. Hospitaala keessatti namni tokko akka ishee walʼaanu abdachuudhaan haadhakoo dhiisnee gara Paaraaguwaay, hojii keenya isa jaallannutti deebiʼuu qabnaa laata? Kadhannaa cimaa erga goonee booda, aniifi Eelsiin achuma turree haadhakoo kunuunsuuf murteessine. Tajaajila yeroo guutuu keessaa utuu hin baʼin, bara 1966tti hamma isheen duutetti haadhakoo kunuunsineerra.
Waggoota hedduudhaaf, hojii aanaafi koonyaa biyya Awustiraaliyaa keessatti hojjechuufi Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaarratti jaarsolii gumii barsiisuuf carraa argachuun mirga guddaadha. Kana boodas jireenya keenya keessatti jijjiiramni garabiraan nu mudateera. Koree Waajjira Damee Awustiraaliyaa isa jalqabaa keessatti miseensa taʼeen muudame. Achiis, yommuu waajjirri damee haaraan ijaaramutti dura taaʼaa koree ijaarsaa taʼeen muudame. Gargaarsa obboloonni muuxannoo qabaniifi fedhaan of dhiheessan hedduun godhaniin waajjirri damee bareedaan ijaaramuu dandaʼeera.
Ittaansuudhaan Kutaa Tajaajilaa isa hojii lallabaa biyyattiitti geggeeffamu olaantummaadhaan toʼatu keessattan ramadame. Akkasumas daawwataa olaanaa zoonii taʼuudhaan waajjiroota damee addunyaa maratti argaman gargaaruufi jajjabeessuuf carraa argadheera. Biyyoota tokko tokko keessatti, obboloota Yihowaadhaaf amanamoo taʼuuf jecha waggoota hedduudhaaf mana hidhaa turan arguufi isaaniin daawwachuun amantii namaa kan jabeessudha.
HOJII YEROO AMMAA HOJJECHAA JIRRU
Bara 2001tti, hojii daawwannaa zoonii isa dadhabsiisaa taʼe akkuma xumurreen, xalayaan Biruukiliin Niiwu Yoorki akkan dhaquufi Koree Miseensa Waajjira Damee Yunaayitid Isteetis haaraa hundeeffame keessaa tokko akkan taʼe ibsu na gaʼe. Aniifi Eelsiin afeerricharratti kadhannaadhaan erga yaannee booda mirga kana gammachuudhaan fudhanne. Waggaa 11f Biruukiliin keessa kan tajaajille siʼa taʼu ammayyuu achuma jirra.
Haadha manaa wanta Yihowaan nu abboomu hundumaa gammachuudhaan hojjettu qabaachuu kootti baayʼeen gammada. Yeroo ammaa aniifi Eelsiin umriin keenya waggaa 81 siʼa taʼu hamma tokko fayya buleessa. Barumsa Yihowaan gara fuulduraatti barabaraaf nu barsiisuufi eebba guddaa inni warra fedhasaa raawwachuusaanii itti fufaniif kennu abdiidhaan eeggachaa jirra.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 19rra jiru]
Torban tokko atoobisiidhaan, torban biraammoo baabura, achiis konkolaataa ykn doqdoqqeedhaan shaanxaakoofi boorsaa tajaajilaakoo garasiifi garanaan baadheen deema
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 21rra jiru]
Barumsa Yihowaan gara fuulduraatti barabaraaf nu barsiisu abdiidhaan eeggachaa jirra
[Fakkii fuula 18rra jiru]
Bitaa: Awustiraaliyaatti hojii daawwannaarra utuun jiruu
Mirga: Maatiikoo wajjin
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Mudde 31, 1957 guyyaa cidha keenyaatti