Kuusaa Keenya Keessaa
Piilgiriimotaa Wajjin Adeemuu
“ANI manaa gara manaa deemee lallabuu hin dandaʼu!” Namoonni haaraan Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jiran hedduun, nama kanaan dura hin beekneef lallabuu ilaalchisee yaada akkasii dubbatu. Haataʼu malee, mormii kana kan kaase obboleessa haasaa sabaa dhiheessuu, akkasumas Macaafa Qulqulluu barsiisuudhaan muuxannoo qabuufi piilgiriimii turedha.
Namoonni waldaasaanii dhiisanii baʼaniifi barruu Masaraa Eegumsaa Xiyoon dubbisan hedduun, warra dhugaa Macaafa Qulqulluu isaanitti himanii wajjin taʼuu hawwu turan. Barruun kun, dubbistoonnisaa namoota akkasaanii amantii cimaa qaban akka barbaadaniifi yeroo hunda Macaafa Qulqulluu waliin akka qayyabatan jajjabeessee ture. Bara 1894 kaasee Waldaan Masaraa Eegumsaa tuutawwan daawwatamuu barbaadanii wajjin walgaʼii akka godhaniif bakka buutota erguu jalqabe. Dhiironni bakka buutota taʼan, muuxannoo qaban, gad of deebisan, jabaatanii hojjetan, beekumsa Macaafa Qulqulluu, akkasumas dubbachuufi barsiisuudhaan dandeettii gaarii qaban, furichatti amananii hojii kanaaf filataman yeroo booda piilgiriimota jedhamaniiru. Daawwannaan kun guyyaa tokko ykn lamaaf muddamaan geggeeffama ture. Barattoonni Macaafa Qulqulluu hedduun tajaajila kan jalqaban waraqaa afeerrii haasaa sabaa piilgiriimiin kennu raabsuudhaanidha. Obboleessi keenya Huugoo Raamar inni yeroo booda miseensa Qaama Olaanaa taʼe, mana barumsaa tokko keessatti gara galgalaa haasaa sabaa erga dhiheessee booda hamma halkan walakkaatti gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluutiif deebii kennee ture. Dadhabbiin isatti dhagaʼamus walgaʼichi “gammachiisaa” akka ture dubbateera.
Masaraan Eegumsaa, “kaayyoo guddaan” daawwannaa piilgiriimii, mana warra amananii keessatti walgaʼii gochuudhaan namoota karaa amantii maatii taʼan jajjabeessuu akka taʼe ibseera. Barattoonni Macaafa Qulqulluu naannoo sana jiraatan haasicha, akkasumas kutaa gaaffiifi deebiidhaan dhihaaturratti ni argamu turan. Boodas namoonni achitti argaman ni keessumsiifamu. Shamarreen Muud Aboot jedhamtu haasaa sabaa ganama dhihaaterratti argamtee kan turte yommuu taʼu, haasicha booda hundumtuu minjaala dheeraa mooraa sana keessa jiru naannaʼanii walgaʼan. Shamarreen kun: “Foon booyyee, foon lukkuu, daabboo gosa garaagaraa, buskutiifi keekii baayʼee miyaaʼu nyaanne. Hundumtuu hanga quuf utti kan nyaate siʼa taʼu, gara saʼaatii saddeetiitti haasaa gara biraa dhaggeeffachuuf walgeenye. Haataʼu malee, yeroo kanatti namoonni achitti argaman hundi mugaa turan” jechuudhaan dubbatteetti. Beenjaamiin Baartan inni yeroo dheeraadhaaf piilgiriimii ture yeroo tokko, ‘Nyaata naaf dhihaate hunda utuun nyaadhee fixeera taʼee, piilgiriimii taʼee waggaa dheeraadhaaf tajaajiluu hin dandaʼun ture’ jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera. Xalayaan yeroo booda waajjira muummee Biruukiliinii dhufe, obboleettonni namaaf yaadan warra piilgiriimii taʼan hundaaf “yeroo hunda nyaata salphaa” fi “irriba nama hin dhowwanne” akka qopheessan gorsee ture.
Piilgiriimonni, barsiisuu, chaartiifi moodeelatti fayyadamuudhaan yaada dabarsuu barbaadan akka gaariitti dabarsuuf wanta harkasaanii jiru kamittiyyuu waan fayyadamaniif eenyuuniyyuu ni caalu. Haasaan Riichaardi Haarveey Baarbar “yeroo hunda kan nama gammachiisudha.” Wooltar J. Toorni akka abbaatti jechuunis, “akka abbootii amantii duriitti” dubbata ture. Guyyaa tokko utuu inni konkolaataa Foordi jedhamuun deemaa jiruu Sheeldi Tuutjeyaan “Dhaabadhu!” jedhee iyyee isa dhaabsise. Innis utaalee konkolaataa keessaa buʼee, abaaboo bosona keessaa kutee michootasaa kanaaf erga kennee booda wanta Yihowaan uumerratti barumsa kenne.
Hojii cimaan piilgiriimonni raawwatan keessumaa namoota umrii waggaa 50 keessa jiran ykn isarra caalanitti rakkina hedduu fideera. Haataʼu malee namoota tokko tokkoof qorumsa hundarra caalu kan taʼe, jijjiirama tajaajilarratti godhamedha. Adda durummaadhaan manaa gara manaa deemanii lallabuun isaanirraa eegama ture. Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15, 1924, “hojii guddaan” Kiristiyaanonni dhugaan raawwatan “waaʼee mootummichaa dhugaa baʼuu akka taʼeefi piilgiriimonnis kanaaf akka ergaman” ibseera.
Piilgiriimonni tokko tokko jijjiirama godhame kanatti waan mufataniif taʼuu hin oolu, hojii daawwannaa dhiisaniiru; kaanimmoo garee amantii mataasaanii uumaniiru. Obboleessi keenya Ruubee D. Adikaansiin wanta piilgiriimiin akka gaariitti haasaa dhiheessuudhaan beekamu tokko, “Dandeettiin koo waltajjiirraa barsiisuudha. Kanaaf, ani manaa gara manaa deemee lallabuu hin dandaʼu!” jedhee aariidhaan dubbate ni yaadata. Ruubeen akkas jedheera: “Nama kana walgaʼii guddaa Ohaayoo, Kolombos bara 1924tti godhamerratti yeroo lammataatiif argeera. Huqqatee kan ture siʼa taʼu, obboloota kuma hedduutti lakkaaʼamaniifi gammadoo taʼan keessaa gaaddisa muka xinnoo tokkoo jala dhaabachuudhaan abdii kutatee qofaasaa gaddaa ture. Sana booda matumaa isa argee hin beeku. Namni kun yeroo sanaa kaasee jaarmiyicha keessaa baʼeera.” Karaa garabiraammoo, “obboloonni gammadoo taʼan hedduun konkolaataasaaniitti kitaabota baatanii” hawwii guddaadhaan manaa gara manaatti dhugaa baʼuuf deemu turan.—HoE. 20:20, 21.
Piilgiriimonni akkuma namoota ofiisaaniitii leenjisan kaanii sodaan kan isaanitti dhagaʼamu taʼus, hinaaffaa guddaadhaan lallabu turan. Manaa gara manaatti dhugaa baʼuu ilaalchisee piilgiriimiin afaan Jarman dubbatuufi Maaksiweel G. Fireendi (Fireeshal) jedhamu, “Hojiin piilgiriimotaa kun daawwannaansaanii gammachiisaa akka taʼuuf gumaacha godheera” jechuudhaan barreesseera. Joon Adamsi Booneet inni piilgiriimii taʼe, dimshaashumatti obboloonni waaʼee Mootummichaa garaasaanii guutuu lallabaa akka turan dubbatee ture. Obboloonni hedduun “hinaaffaa guddaa waan qabaniif hojii rakkisaa taʼe kanarratti adda durummaadhaan hirmaachaa akka turan” ibseera.
Waggoota hedduudhaaf obboloonni amanamoon daawwattoota taʼan obbolootarratti dhiibbaa gaarii geessisaniiru. Dhugaa Baatuun waggoota dheeraadhaaf mana dhugaa keessa tureefi Noormaan Laarsan jedhamu, “Anillee yommuun ijoollee ture akkuman argetti piilgiriimonni faayidaa guddaa argamsiisaniiru. Karaa sirrii taʼerra akkan deemu na leenjisuuf carraaqqii guddaa godhaniiru” jechuudhaan dubbateera. Hanga harʼaattillee taanaan daawwattoonni amanamoon fedhiisaanii aarsaa godhan, namoonni hidhata amantiisaanii taʼan, “Manaa gara manaa deemuu ni dandeenya!” akka jedhan isaan gargaaraniiru.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32rra jiru]
Guyyaan piilgiriimonni itti dhufan kan nama gammachiisu ture
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Bara 1905tti Beenjaamiin Baartan iddoo gara 170 daawwachuuf karoorfatee ture
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Wooltar J. Toorniin piilgiriimii jaalala argisiisuufi amala akka Kiristos qabachuudhaan beekamu waan taʼeef namoonni ‘Ababbaa’ jedhanii isa waamu turan
[Fakkii fuula 32rra jiru]
J. A. Biroon bara 1902tti tuuta xixinnoo 14 Jaamaayikaa keessa turan akka jajjabeessuuf piilgiriimii taʼee ergame
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Hojiin piilgiriimotaa amantii kan jabeessu, tokkummaa Kiristiyaanaa kan cimsuufi obboloonni jaarmiyichatti caalaatti akka dhihaatan kan godhu ture