Kuusaa Keenya Keessaa
‘Wanta Hin Irraanfatamneefi’ Yeroosaatti Dhufe
“WANTA HIN IRRAANFATAMNE!” Yaanni kun wanta obboloonni hedduun “Kiriʼeeshin Diraamaa” ilaalchisee dubbatanidha. Fiilmiin kun yeroosaatti kan dhufeefi namoonni ilaalanii turan gonkumaa hin irraanfanne ture. “Kiriʼeeshin Diraamaan,” Hiitlar saba Yihowaa Awurooppaatti argamanirratti ariʼatama geessisuusaa dura, yeroo gabaabaa keessatti waaʼee Yihowaa balʼinaan dhugaa baʼuuf gargaareera. Haataʼu malee, “Kiriʼeeshin Diraamaan” maalidha?
Kiriʼeeshin diraamaa kitaaba Iskoopfuung (Kiriʼeeshin) jedhamurraa fudhatame
Bara 1914tti waajjirri muummee saba Yihowaa Biruukiliin, Niiwu Yoorki, Yu.Essi.Eetti argamu fiilmii “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhamu baase. Fiilmiin saʼaatii saddeetiif agarsiifamu kun, sagaleefi fakkii islaayidii sochoʼu kan qabu ture. “Footoo Diraamaa” kana namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi addunyaa maratti argaman ilaalaniiru. Bara 1914tti, fiilmiin kutaa gabaabaa qabateefi “Yureekaa Diraamaa” jedhamus ni baʼe. Baroota 1920mman keessa islaayidoonni, fiilmonniifi meeshaaleen fiilmii ittiin agarsiisan garmalee dullooman. Haataʼu malee, namoonni hedduun fiilmii “Footoo Diraamaa” jedhamu ilaaluu barbaadu turan. Fakkeenyaaf, jiraattonni magaalaa Luudwiigsibargi, Jarman, “‘Footoo Diraamaan’ lammata yoom agarsiifama?” jedhanii gaafachaa turan. Maarree maaltu godhama laata?
Fedhii namoonni diraamaa kana ilaaluuf qaban guutuuf, baroota 1920mman keessa bakka buutonni miseensa maatii Betʼel Maagdeburgi Jarmanitti argaman, dhaabbata oduu biyya Faransaay Paarisitti argamurraa fiilmii, kubbaaniyyaa magaalaa Laayipsiigiifi Direezden irraammoo islaayidii bitan. Achiis islaayidii “Footoo Diraamaa” isa duraa kutaa tokko tokkoo wajjin walitti makuudhaan qopheessan.
Obboleessi keenya Eeriik Firoost inni muuziqaa taphachuudhaan kennaa addaa qabu, muuziqaa fiilmiifi islaayidii sanaa wajjin deemu qindeessee. Gartokkoon seenessasaa kitaaba keenya Kiriʼeeshin jedhamu keessaa kan fudhatamedha. “Footoo Diraamaan” haareffamee baʼe kun, “Kiriʼeeshin Diraamaa” jedhamee kan waamames kanaafidha.
Diraamaa haaraan kun akkuma “Footoo Diraamaa” sanaan duraa saʼaatii saddeet kan dheeratu yommuu taʼu, namootatti al takkaatti kutaa fiilmii kanaa isa tokkotu agarsiifama ture. Guyyoota uumamaa haala dinqisiisaa taʼeen kan ibsu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluufi seenaa ilmaan namootaa caqasuudhaan amantiin sobaa, namoota kufaatiidhaaf akka saaxilan addeessa. “Kiriʼeeshin Diraamaan,” Ostiriyaa, Jarman, Luksambargi, Siwiizarlaandiifi bakka namoonni afaan Jarman dubbatan jiran kaanitti agarsiifameera.
Eeriik Firoostiifi nootaalee muuziqaa inni ittiin “Kiriʼeeshin Diraamaa” qindeesse
Eeriik Firoost akkas jechuudhaan ibseera: “Diraamicha erga agarsiifnee booda, obboloonni hojicharratti naa wajjin hirmaatan keessumaa warri orkeestiraa turan, yeroo boqonnaatti irra deemanii namoota hundaaf kitaabotaafi buukleetota keenya akka raabsan isaan jajjabeessaan ture. Isa manaa gara manaatti raabsinu caalaa haala kanaan barreeffama hedduu raabsuu dandeenyeerra.” Yohaannis Raaʼutaa inni Poolaandiifi biyya yeroo harʼaa Cheek Rippuubliik jedhamtu keessatti fiilmiin kun akka agarsiifamu haala mijeessaa ture, ‘Namoonni fiilmicha ilaalan hedduun, dhaqnee akka isaan gaafannuuf teessoosaanii nuu kennanii deemu turan’ jedheera. Teessoowwan kun, deddeebii gaaffii gochuudhaan maree Macaafa Qulqulluu gochuuf isaan gargaaraniiru.
Baroota 1930mmanitti namoonni galma guutanii fiilmii “Kiriʼeeshin Diraamaa” ilaalaa waan turaniif, magaalichi waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa odeessaa ture. Bara 1933tti waajjirri damee Jarman fiilmii kana agarsiisuuf qophii godhee kan ture yommuu taʼu, namoonni gara miliyoona tokkoo taʼan ilaalaniiru. Kaatee Kiraaʼus akkas jechuudhaan dubbatteetti, “Diraamaa sana ilaaluuf jennee guyyaa shan dhaqa qofa kiilomeetira 10 kan deemnu siʼa taʼu bosona keessa deemna, gaara baanee buuna; akkasumas dachaa qaxxaamurra turre.” Eelzaa Biilhaarzi, “‘Kiriʼeeshin Diraamaan’ dhugaa akkan jaalladhu na godheera” jetteetti.
Alfireed Almeendiingar haatisaa Diraamicha erga ilaaltee booda, “baayʼee waan ishee tuqeef Macaafa Qulqulluu bitattee yaada ‘ibiddaan qulqulleeffamuu’ jedhu barbaadaa akka turte” dubbateera. Taʼus, yaada kana Macaafa Qulqulluu keessaa argachuu waan hin dandeenyeef waldaa dhaquu ni dhaabde; achiis ni cuuphamte. Eeriik Firoost, “Namoonni hedduun ‘Kiriʼeeshin Diraamaa’ ilaaluudhaan gara dhugaatti dhufaniiru” jechuudhaan dubbateera.—3 Yoh. 1-3.
Namoonni hedduun “Kiriʼeeshin Diraamaa” ilaalaa yeroo turan kanatti, paartiin Naazii Awurooppaatti deggersa argachaa waan deemeef rakkinni uumamuu jalqabe. Jalqaba bara 1933tti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa Jarman keessatti geggeeffamu ni dhorkame. Yeroo sanaa kaasee hanga bara 1945 jechuunis, hanga xumura waraana addunyaa lammaffaatti, tajaajiltoota Yihowaa Awurooppaa jiranirra ariʼatama cimaatu gaʼaa ture. Eeriik Firoost waggaa saddeetiif hidhame. Mana hidhaatii erga baʼee boodas Jarman, Betʼel Viisbaadan keessatti tajaajilaa ture. Kiriʼeeshin Diraamaan” hin irraanfatamneefi yeroo barbaachisaa taʼetti baʼe kun, Kiristiyaanonni hedduun qorumsa amantii Waraana Addunyaa Lammaffaatti isaanirra gaʼe jala dhaabachuuf jajjabina akka argatan isaan gargaareera.—Kuusaa keenya Jarmanitti argamurraa.