LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 8/15 ful. 8
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nama Gumii Keessaa Baafame Akkamitti Ilaaluu Qabna?
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Jaalalli Yihowaadhaaf Qabnu Jaalala Maatii Keenyaaf Qabnu Irra ni Caala
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Yeroo Namni Jaallannu Yihowaa Dhiisu Haala Isaa Dandamachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Gumiidhaa Nama Baasuun Qophii Jaalala Irratti Hundaaʼe Dha Kan Jennu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 8/15 ful. 8

GAAFFII DUBBISTOOTAA

Warri Kiristiyaana ta’an walga’iirratti mucaasaanii gumiidhaa baafamee wajjin taa’uunsaanii sirriidhaa?

Galma Mootummaa keessatti bakka namni gumiidhaa baafame taa’u ilaalchisee garmalee dhiphachuun barbaachisaa miti. Barruun kun, barbaachisaa yoo ta’e warri mucaasaanii isa gumiidhaa baafameefi isaanii wajjin jiraatu karaa hafuuraa gargaaruuf hamma danda’an carraaqqii akka godhan jajjabeessaa tureera. Akkuma barruu Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 1988 [Ingiliffa] fuula 19fi 20⁠rratti ibsame, warri ijoolleesaanii xixinnoo gumiidhaa baafamaniifi isaanii wajjin jiraatan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu ni danda’u. Kana gochuun mucichi jijjiirama gochuuf jajjabina isa barbaachisu argamsiisaaf jedhamee abdatama.a

Galma Mootummaa keessa taa’uu ilaalchisee, mucaan gumiidhaa baafame tokko warrasaa wajjin cal jedhee taa’uunsaa rakkina hin qabu. Namni gumiidhaa baafame teessuma boodaarra taa’uuf dirqamni isarra hin jiru; mucaan gumiidhaa baafames warrisaa bakka fedheyyuu yoo taa’an isaanii wajjin taa’uu danda’a. Warri haalli hafuuraa mucaasaanii waan isaan yaaddessuuf, mucaansaanii walga’iirraa faayidaa guddaa akka argatu kan barbaadan ta’uunsaa hin shakkisiisu. Gama kanaan mucichi bakka barbaade akka taa’u dhiisuu mannaa isaanii wajjin akka taa’u gochuun faayidaa qaba.

Haata’u malee, mucaan gumiidhaa baafame sun warrasaa wajjin kan hin jiraanne yoo ta’ehoo? Kun haalasaarratti jijjiirama fidaa? Kanaan dura, barruun kun fira gumiidhaa baafameefi mana tokko keessa waliin hin jiraannee wajjin michoomuu ilaalchisee ejjennoo Kiristiyaanni tokko qabaachuu qabu ibsee ture.b Haata’u malee, namni gumiidhaa baafame yeroo walga’iin geggeeffamutti firootasaatti aanee akka taa’u heyyamuuniifi utuu hin barbaachisin isaa wajjin michooma uumuun tokko miti. Ta’us miseensonni maatichaa amanamoo ta’an firasaanii gumiidhaa baafameef ilaalcha sirrii ta’e kan qabaniifi isaa wajjin michoomuu ilaalchisee gorsa Caaffanni Qulqullaa’oon kennan hordofuuf carraaqqii kan godhan yoo ta’e, haalli kun isaan yaaddessuu hin qabu.—1 Qor. 5:11, 13; 2 Yoh. 11.

Namni gumiidhaa baafame tokko amala sirrii ta’e qaba taanaan firootasaa ykn miseensota gumii kaan bira taa’uunsaa kan nama dhiphisu miti. Bakka namni tokko taa’u ilaalchisee seera baasuun yeroo tokko tokko rakkina uumuu danda’a. Kanaaf, firoota amanamoo dabalatee obboloonni hundi namoota gumiidhaa baasuu ilaalchisee seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuuf kan carraaqaniifi obbolootatti gufuu yoo ta’uu baatan, namoonni gumii Kiristiyaanaarratti argaman eessa taa’uu akka qaban ilaalchisee dhiphachuun barbaachisaa miti.c

a Matadureen kun waa’ee mucaa dhiiraa gumiidhaa baafame kan dubbatu ta’us, yaannisaa mucaa durbaatiifis ni hojjeta.

b Masaraa Eegumsaa, Fulbaana 15, 1981, fuula 29fi 30 ilaali. (Ingiliffa)

c Kun yaada Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 1953, fuula 223⁠rratti argamu kan sirreessudha. (Ingiliffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi