Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
Barabaraaf jiraachuun ni danda’amaa?
Qophiin du’arraa bilisa nu baasu maalidha?
Nama jalqabaa kan ta’e Addaam jaarraawwan hedduudhaaf jiraateera. Yeroo booda garuu dulloomee du’eera. Yeroo sanaa kaasee, namoonni dulluma balleessuuf yaalii hedduu godhaniiru. Haata’u malee, namni du’arraa of oolchuu danda’e hin jiru. Maaliif? Addaam kan dulloomeefi kan du’e Waaqayyoof abboomamuu waan dideefidha. Nuyis kan dulloomnu Addaamirraa cubbuufi du’a isa sababa cubbuutiin dhufu waan dhaalleefidha.—Uumama 5:5; Roomaa 5:12 dubbisi.
Jireenya barabaraa argachuu akka dandeenyuuf, qaamni tokko furii nuu kaffaluu qaba. (Iyoob 33:24, 25) Furiin gatii nama tokko bilisa baasuuf kaffalamudha; nuyis du’arraa bilisa baafamuun nu barbaachisa. (Ba’uu 21:29, 30) Yesus ennaa nuuf jedhee du’etti gatii kana kaffaleera.—Yohannis 3:16 dubbisi.
Jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
Dhukkubaafi dullumarraa bilisa kan ba’an namoota hunda miti. Akkuma Addaam namoonni Waaqayyoof abboomamuu didan mirga barabaraaf jiraachuu ni dhabu. Jireenya barabaraa kan argatan namoota cubbuunsaanii dhiifameef qofadha.—Isaayaas 33:24; 35:3-6 dubbisi.
Dhiifama cubbuu argachuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Macaafa Qulqulluu qo’achuudhaan Waaqayyoon beekuun barbaachisaadha. Macaafni kun jireenya gaarii ta’e jiraachuu, Waaqayyo biratti fudhatama argachuufi jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e nu barsiisa.—Yohannis 17:3; Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.