LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 4/1 ful. 11-13
  • Macaafa Qulqulluu Qorachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Macaafa Qulqulluu Qorachuu Kan Qabnu Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MACAAFNI QULQULLUUN SEENAA SIRRII TAʼE KAN QABATE DHA
  • MACAAFNI QULQULLUUN KAN TURE TAʼUS, KITAABA AMMAYYAA TI
  • Dhiibbaa Hiriyaa Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Guddina Gochuuf “Daandii Kee Wal Qixxeeffadhu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • “Ergamaan Waaqayyoo Naannoo Warra Waaqayyoon Sodaatanii In Buufata”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Ilaalchi Jijjiirama ni Fida!
    Dammaqaa!—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 4/1 ful. 11-13
Dhugaa Baatuun Yihowaa Abeel jedhamu namicha Eebbisaa jedhamuu wajjin yommuu haasaʼu

MAREE MACAAFA QULQULLUU IRRATTI HUNDAAʼE

Macaafa Qulqulluu Qorachuu Kan Qabnu Maaliifi?

Mareen armaan gaditti dhihaate, maree Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin godhan fakkeenya argisiisu dha. Mee Dhugaa Baatuun Abeel jedhamu tokko gara mana namicha Eebbisaa jedhamuu akka dhaqe goonee haa yaadnu.

MACAAFNI QULQULLUUN SEENAA SIRRII TAʼE KAN QABATE DHA

Eebbisaa: Amantiidhaaf dhimma akkan hin qabne sitti himuun barbaada. Kanaaf wanta irratti haasofnu qabna jedhee hin yaadu.

Abeel: Yaada kee waan natti himteef baayʼeen si galateeffadha. Utuu dubbannuu, ani Abeelin jedhama. Atoo?

Eebbisaa: Eebbisaan jedhama.

Abeel: Si baruu kootti gammadeera.

Eebbisaa: Galatoomi.

Abeel: Mee gaaffii tokkon si gaafadha. Maatii amantii hordofu keessatti guddattee?

Eebbisaa: Eeyyee. Barumsa kolleejjii ergan jalqabee booda garuu amantii hordofuu nan dhiise.

Abeel: Ahaa! Kolleejjiitti barumsa maalii baratte?

Eebbisaa: Saayinsii hawaasummaa fi seenaa! Guddina ilmaan namootaa waan ibsuuf seenaa baayʼeen jaalladha.

Abeel: Dhuguma jette, seenaa baruun baayʼee nama gammachiisa. Akkuma ati beektu Macaafni Qulqulluunis kitaaba seenaa qabate dha. Qorannaa kee irratti waaʼee Macaafa Qulqulluu ilaaluuf yaalteettaa?

Eebbisaa: Lakki. Macaafni Qulqulluun kitaaba gaarii akka taʼe beeka, garuu kitaaba seenaa taʼuu isaa yaadee hin beeku.

Abeel: Ati nama ilaalcha gaarii qabu natti fakkaatta. Yeroo yoo qabaatte seenaa sirrii Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamee jiru keessaa muraasa utuun sitti argisiisee natti tola.

Eebbisaa: Tole. Garuu Macaafa Qulqulluu hin qabu.

Abeel: Homaa miti! Kan koo irraa sitti argisiisuu nan dandaʼa. Seenaan inni jalqabaa 1 Seenaa boqonnaa 29, lakkoofsa 26 fi 27 irratti argama. Caqasni kun akkas jedha: “Daawit ilmi Iseyi guutummaa Israaʼel irratti mootii ture; inni Kebroon keessa taaʼee waggaa torba, Yerusaalem keessa taaʼee waggaa soddomii sadii in moʼe; walumatti Israaʼel irratti kan inni moʼe waggaa afurtama ture.”

Eebbisaa: Kun seenaa sirrii kan taʼe akkamittiree?

Abeel: Namoonni tokko tokko Mootiin Daawit jedhamu matumaa hin turre jedhanii falmu.

Eebbisaa: Dhuguma jettaa? Kan ture taʼuu isaa kan shakkan maaliifi?

Dhagaa bara durii yaadni “Mana Daawit” jedhu irratti barreeffame

Abeel: Macaafa Qulqulluudhaan alatti ragaan waaʼee Daawit ibsu waan hin turreefi dha. Haa taʼu malee bara 1993⁠tti gareen arkiʼooloojistootaa tokko dhagaa bara durii jechi hiikni isaa “Mana Daawit” jedhu irratti barreeffame argatanii turan.

Eebbisaa: Baayʼee nama ajaaʼiba.

Abeel: Namni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamee fi hin turre jedhamee kaafamu gara biraan immoo, Phonxos Philaaxos isa bara Yesusitti bulchaa ture dha. Namni kun, kunoo Luqaas boqonnaa 3 lakkoofsa 1 irratti namoota bara isaatti bulchaa turan kaanii wajjin caqasameera. Argitee?

Eebbisaa: Eeyyee argeera. “Phonxos Philaaxos biyya Yihudaa bulche; Herodis immoo biyya Galiilaatti . . . ” jechaa itti fufa.

Dhagaa bara durii maqaan Phonxos Philaaxos irratti barreeffame

Abeel: Hayyoonni baayʼeen waggoota hedduudhaaf Phonxos Philaaxos nama dhugumaan ture taʼuu isaa shakkaa turaniiru. Gara waggoota 50 dura garuu Baha Giddu Galeessaatti dhagaan maqaan namicha kanaa irratti barreeffame tokko argameera.

Eebbisaa: Baayʼee nama dinqisiisa! Waaʼee kanaa matumaa dhagaʼee hin beeku.

Abeel: Odeeffannoo kana siif hiruu kootti baayʼeen gammade.

Eebbisaa: Dhugaa dubbachuuf, Macaafa Qulqulluu akka barreeffama tokkootti qofa ilaaluu irraa kan hafe yaada yeroo keenyaaf taʼu qabateera jedhee matumaa yaadee hin beeku. Seenaa sirrii taʼe qabaachuu dandaʼus, gorsa hojii irraa oolchuun dandaʼamu waan qabu natti hin fakkaatu.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN TURE TAʼUS, KITAABA AMMAYYAA TI

Abeel: Namoonni hedduun ilaalcha akkasii qabu. Ani garuu akkasitti hin yaadu. Maaliif yoo jettee, wantoonni buʼuuraa jireenya ilmaan namootaatiif barbaachisaa taʼan hanga harʼaatti hin jijjiiramne. Fakkeenyaaf, nyaanni, uffannii fi bakki jireenyaa yeroo hunda nu barbaachisa. Maatii gammachuu qabu qabaachuu fi akka gaariitti waliin haasaʼuu yeroo hunda ni barbaanna. Hundi keenya wantoota kanaaf bakka guddaa ni kennina mitii?

Eebbisaa: Sirrii jette.

Abeel: Macaafni Qulqulluun gama kana hundaan nu gargaaruu dandaʼa. Kitaabni kun kan ture taʼus, kitaaba ammayyaa jennee waamuu dandeenya.

Eebbisaa: Maal jechuu keeti?

Abeel: Karaa biraatiin: Macaafni Qulqulluun kan barreeffame jaarraa hedduu dura taʼus, seerri buʼuuraa achi keessatti argamu akkuma yeroo barreeffamee yeroo keenyattis ni hojjeta.

Macaafni Qulqulluun kan barreeffame jaarraa hedduu dura taʼus, seerri buʼuuraa achi keessatti argamu akkuma yeroo barreeffamee yeroo keenyattis ni hojjeta

Eebbisaa: Gama kamiin nu gargaaruu dandaʼa?

Abeel: Fakkeenyaaf, qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu ykn maatii gammachuu qabu qabaachuu ykn michuu gaarii qabaachuu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun seera buʼuuraa nu gargaaruu dandaʼu qabateera. Kitaabni kun, kaartaa karaa kam irra adeemuu akka qabnu nutti argisiisu dha jechuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, yeroo harʼaa abbaa manaa fi mataa maatii gaarii taʼuun ulfaataa sitti hin fakkaatuu?

Eebbisaa: Sirrii dha, anis yaada kee kana irratti waliin gala. Anii fi haati manaa koo gaaʼela erga godhannee gara waggaa tokkoo taʼus yeroo hundumaa walii galla jechuu miti.

Abeel: Sirrii dha. Macaafni Qulqulluun garuu gama kanaan seera salphaa hojii irra oolchuun dandaʼamu qabateera. Mee dhimma kana ilaalchisee Efesoon boqonnaa 5 baasi. Lakkoofsa 22, 23 fi 28 haa dubbisnu. Barbaannaan nuuf dubbisuu dandeessa.

Eebbisaa: Tole. Akkas jedha: “Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu! Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti.” Lakkoofsi 28 immoo: “Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in taʼaaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata” jedha.

Abeel: Galatoomi! Hiriyoonni gaaʼelaa gorsa baayʼee salphaa taʼe kana utuu hojii irra oolchanii maatiin gammachuu qabaachuu kan dandaʼu sitti hin fakkaatuu?

Eebbisaa: Sirrii dha, qabaachuu waan dandaʼu natti fakkaata. Garuu akka dubbannu kana salphaa miti.

Abeel: Dhugaadha, namni mudaa hin qabne hin jiru. Boqonnaa amma dubbisne irratti lakkoofsi sababa qabeeyyii akka taanu ykn hubannaa akka qabaannu nu gorsu jira.a Namoonni michoota walii taʼan hubannaa kan qabanii fi akka haala isaatti jijjiirama kan godhan taʼuun isaanii barbaachisaa dha. Anii fi haati manaan koo Macaafni Qulqulluun hubannaa qabaachuuf kan nu gargaaru taʼuu isaa hubanneerra.

Eebbisaa: Kun baayʼee nama gammachiisa.

Abeel: Dhugaa Baatonni Yihowaa Weeb saayitii gaaʼelaa fi jireenya maatii ilaalchisee barumsa gaarii qabate qabu. Daqiiqaa muraasa yoo qabaatte sitti argisiisuu nan dandaʼa.

Eebbisaa: Tole, natti argisiisi.

Abeel: Teessoon Weeb saayitii kanaa www.jw.org jedhama. Kun kaʼumsa isaa ti.

Dhugaa Baatuun Yihowaa Abeel jedhamu namicha Eebbisaa jedhamutti weebsaayitii jw.org yommuu argisiisu

Eebbisaa: Suuraawwan as irra jiran baayʼee namatti tolu.

Abeel: Suuraawwan kun hojii tajaajilaa addunyaa maratti raawwannu kan argisiisani dha. Mata dureen, “Wantoota Qophaaʼan ” jedhu as jira. As jalatti barruulee haaraa fi barreeffamoota waaʼee jireenya maatii dabalatee mata dureewwan adda addaa qaban argatta. Fakkeenyaaf mee birooshura, “Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!” jedhamu haa ilaallu. Mata duree barumsawwan birooshura kana keessatti dhihaatan keessaa tokko, “Maatiinkee Gammachuu Argachuu Kan Dandaʼu Akkamitti?” kan jedhu dha.

Eebbisaa: Mata duree xiyyeeffannaa namaa harkisu dha. Deebii isaa utuun baree natti tola.

Abeel: Barumsi kun gaaʼela keessatti gammachuu qabaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ibsa. Keeyyata gaaffii 2⁠ffaa jalatti argamu kana hubadhu. Himoota lamaan xumura keeyyatichaa irratti argaman nuu dubbistaa maaloo?

Eebbisaa: Tole. “Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa wal jaallachuu fi wal kabajuu qabu. Haadhotiin manaa fi abbootiin manaa hundi mudaa kan qaban waan taʼaniif, maatiin gammachuu akka qabaatu gochuuf dhiifama waliif gochuu barachuu qabu.” Ahaa, yaada kana irratti anis waliin gala.

Abeel: Dubbisa keetiif baayʼeen si galateeffadha. Caqasoota as irratti argaman keessaa tokko Efesoon 5:33 dha. Macaafni Qulqulluun koo kunoo ti, maaloo caqasa kana nuu dubbistaa?

Eebbisaa: Akkas jedha: “Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!”

Abeel: Caqasichi namni tokko wanta ofii fudhachuu barbaadu isa kaaniifis kennuu akka qabu kan ibsu taʼuu isaa hubattee?

Eebbisaa: Yaadni kee naaf hin galle.

Abeel: Abbaan manaa haati manaa isaa akka isa kabajju akka barbaadu beekamaa dha. Karaa gara biraa immoo, haati manaa abbaan manaa ishee yeroo hunda akka ishee jaallatu barbaaddi mitii?

Eebbisaa: Eeyyee. Anis yaada kana irratti waliin gala.

Abeel: Abbaan manaa jaalala haadha manaa isaatiif qabu ibsuuf yeroo hunda carraaqqii kan godhu taanaan, haati manaa isaa isa kabajuun isheetti hin ulfaatu.

Eebbisaa: Dhugaa kee jette.

Abeel: Caqasni dubbisne kun kan barreeffame gara waggaa 2,000 dura taʼus, wantoota abbaan manaa ykn haati manaa barbaadan caqasuudhaan gorsa yoo hojii irra oolchan isaan fayyaduu dandaʼu kenna.

Eebbisaa: Baayʼee nama ajaaʼibsiisa, Macaafni Qulqulluun gorsa akkasii qabateera jedhee yaadee hin beeku.

Abeel: Miira kee waan naa ibsiteef galatoomi. Mee amma immoo gaaffii 3⁠ffaa Weeb saayitiidhuma kana irratti argamun si gaafadha; “Gaaʼela keetti yoo gammaduu baatte hiriyaa gaaʼelaakee hiikuu qabdaa?” mata duree kana irratti guyyaa biraa yoo mariʼanne maal sitti fakkaata?b

Eebbisaa: Baayʼee gaarii dha. Haadha manaa koo wajjin mata duree kana irratti ni mariʼanna.

Yaadni Macaafa Qulqulluu gaaffii sitti uume jiraa? Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan ykn amantii isaanii wajjin haala wal qabateen wantoota isaan raawwatan beekuu barbaaddaa? Taanaan, Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko gaafachuu irraa duubatti hin jedhin. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma akkasii irratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

a Efesoon 5:17 dubbisi.

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼee fi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 14⁠ffaa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi