SEENAA JIREENYAA
Eebbawwan ‘Yeroo Mijataa Taʼettii Fi Yeroo Rakkisaa Taʼetti’ Argaman
BITOOTESSA 1930 gara addunyaa kanaatti yeroon dhufe, firootaa fi michoota amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan hedduudhaan marfameen ture. Kun kan taʼe mandara Naamkumbaa ishee biyya yeroo ammaatti Maalaawwii jedhamtu keessatti argamtutti dha. Bara 1942tti Yihowaadhaaf of murteesseen lageen keenya babbareedoo keessaa isa tokko keessatti cuuphame. Waggoota 70 sana booda jiranitti, gorsa Phaawulos ergamaan, “Dubbicha lallabi; yeroo mijataa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti hatattamaan raawwadhu” jechuudhaan Ximotewosiif kenne hojii irra oolchuuf carraaqqii gochaan ture.—2 Xim. 4:2, NW.
Naataan Noorii fi Miiltan Heenshal bara 1948tti yeroo jalqabaatiif Maalaawwii yeroo daawwatanitti, fedhiin yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluuf qabu ni dabale. Yaada nama jajjabeessuu fi bakka buutonni waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Biruukiliin Niiwu Yoorkitti argamuu dhufan kun yeroo sanatti kennan ennaan yaadadhu gammachuutu natti dhagaʼama. Namoonni gara 6,000 taanu dirree dhoqqee taʼe irra dhaabannee haasaa obboleessi keenya Noor kennee fi mata duree, “Bulchaa Bara Baraaf Saba Hunda Bulchu” jedhu qabu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffanne.
Obboleettii namatti toltu, Liidaasii jedhamtuu fi akkuma koo maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti guddattee wajjin kanan wal bare siʼa taʼu, isheenis galma tajaajila yeroo guutuu akka qabdun beeke. Bara 1950tti kan wal fuune siʼa taʼu, bara 1953tti ijoollee lama qabna turre. Isaaniin guddisuuf itti gaafatamummaa dabalataa kan qabnu taʼu illee, ani qajeelchaa yeroo hundaa akkan taʼu murteessine. Waggaa lama booda qajeelchaa addaa taʼee akkan tajaajilun afeerame.
Sana booda baayʼee utuu hin turin, daawwataa ol aanaa aanaa taʼee gumiiwwan daawwachuufan mirga argadhe. Liidaasiin deggersa gaarii waan naa gootuuf, utuman hojii kana hojjedhuu wanta karaa foonii fi karaa hafuuraa maatii keenyaaf barbaachisu guutuu dandaʼeen ture.a Haa taʼu malee, Liidaasiinis tajaajila yeroo guutuu keessa akka galtu baayʼee hawwina turre. Of eeggannoodhaan waan karoorfannee fi ijoolleen keenya waan nu deggeraniif, Liidaasiin bara 1960tti tajaajila yeroo guutuu jalqabuu dandeesseetti.
Walgaʼiiwwan gurguddaan ariʼatama nu eeggatuuf nu qopheessaniiru
Yeroo mijataa obboloota gumiiwwan garaa garaa keessa jiran tajaajiluudhaan dabarsine sanatti baayʼee gammadnee turre. Sababa hojii keenya kanaatiin, tabbawwan Malaaniyii babbareedoo gara kibbaatiin argamanii kaasee hamma qarqara Laga Maalaawwii isa naga qabeessa taʼeetti deemneerra. Dheerinni laga kanaa kallattii bahaatiin hamma dheerina biyyattii gaʼuuf xinnumatu isa hafa. Aanaawwan nuyi tajaajille keessatti lakkoofsi babalʼistootaa fi lakkoofsi gumiiwwanii itti fufiinsaan yeroo dabalu argineerra.
Bara 1962tti Walgaʼii Koonyaa, “Tajaajiltoota Ija Jabeeyyii Taʼan” jedhamu irratti argamnee turre. Yeroo duubatti deebinee yaadannu, qophiiwwan hafuuraa akkasii obboloota Maalaawwii keessa jiraannu yeroo rakkisaa nu eeggatuuf akka nu qopheesse nutti dhagaʼama. Waggaa itti aanutti, obboleessi keenya Heenshal yeroo lammaffaatiif Maalaawwii kan daawwate siʼa taʼu, walgaʼii addaa naannoo magaalaa Bilaantaayaritti godhame irratti namoonni gara 10,000 argamanii turan. Walgaʼiin nama jajjabeessu sun, qorumsawwan nu eeggatan dandamachuuf jabina nuu kenneera.
YEROO RAKKISAAN NI DHUFE
Hojiin keenya ni dhorkame; mootummaanis qabeenya waajjira damee ni dhaale
Bara 1964tti Dhugaa Baatonni Yihowaa sochiiwwan siyaasaa keessatti hirmaachuu waan didaniif qorumsi guddaan isaan mudateera. Sababii ariʼatama cimaatiin Galmawwan Mootummaa 100 ol taʼanii fi manneen Dhugaa Baatotaa 1,000 ol taʼan barbadaaʼaniiru. Haa taʼu malee, hamma mootummaan Maalaawwii bara 1967tti hojii Dhugaa Baatotaa dhorketti hojii daawwannaa itti fufuu dandeenyee turre. Qabeenyi waajjira damee Bilaantaayar jiru ni dhaalame, misiyoononni biyyattiidhaa ni ariʼaman, anaa fi Liidaasii dabalatee Dhugaa Baatonni biyyattii hedduun ni hidhamne. Erga mana hidhaatii baanee booda of eeggannoodhaan hojii daawwannaa keenya itti fufneerra.
Onkoloolessa 1972tti, gaaf tokko miseensonni warraaqsa siyaasaa Waldaa Dargaggoota Maalaawwii jedhamuu dhibba tokko taʼan gara mana keenyaa dhufan. Haa taʼu malee, isaan keessaa inni tokko dursee dhufee, na ajjeesuu waan yaadaniif akkan dhokadhu natti hime. Haati manaa koo fi ijoolleen koo mukkeen muuzii nutti dhihoo jiran keessa akka dhokatanan itti hime. Achii animmoo fiigeen muka maangoo guddaa tokko kore. Manni keenyaa fi qabeenyi keenya hundi yeroo barbadeeffamu achi irra taaʼee ilaalaan ture.
Obboloonni keenya siyaasa keessa waan hin galleef manneen isaanii gubamaniiru
Ariʼatamichi ittuma cimaa yeroo deemu, Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼamnu biyyattii keessaa baqanne. Hamma Waxabajjii 1974tti maatiin keenya kaampii godaantotaa dhiha Moozaambiik keessatti argamu keessa ture. Yeroo kanatti anii fi Liidaasiin qajeelchitoota addaa taanee Domwee, Moozaambiik, ishee naannoo daangaa Maalaawwiitti argamtutti akka tajaajillu gaafatamne. Hamma bara 1975tti Moozaambiik Poortugaal jalaa bilisa itti baatetti tajaajila kanaan itti fufneerra. Sana booda Dhugaa Baatota kaanii wajjin gara Maalaawwii fi gara namoota nu ariʼatan sanaatti akka deebinu dirqamne.
Maalaawwiitti erga deebinee booda, gumiiwwan magaalaa guddoo biyyattii Liiloongiwee jedhamtu keessatti argaman akkan daawwadhun ramadame. Ariʼatamnii fi haalli rakkisaan jiraatus, lakkoofsi gumiiwwan aanaawwan tajaajillu keessa jiranii dabaleera.
DEGGERSA YIHOWAA ARGACHUU
Yeroo tokko, mandara walgaʼiin siyaasaa itti geggeeffamaa jiru tokko geenye. Deggertoonni paartichaa tokko tokko Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya kan beekan siʼa taʼu, miseensota warraaqsa siyaasaa Dargaggoota Maalaawwii Dursitoota Taʼan jedhamuu gidduu nu teessisan. Haala rakkisaa taʼe kana keessatti akka nu gargaaruu fi qajeelfama akka nuu kennu cimsinee Yihowaa kadhanne. Walgaʼichi yeroo xumuramu nu reebuu jalqaban. Dubartiin manguddoon tokko fiigaa dhufanii, “Maaloo isaan dhiisaa! Namichi kun ilma obboleessa koo ti. Karaa isaa haa deemu!” jedhanii iyyan. Namni itti gaafatamaa walgaʼichaa taʼes, “Isaan gadhiisaa!” jedhe. Dubartiin sun fira keenya waan hin taaneef, maal yaadanii akkas akka jedhan hin beeknu. Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼe nutti dhagaʼama.
Kaardii paartii siyaasaa
Bara 1981ttis gaaf tokko miseensonni Dargaggoota Maalaawwii Dursitoota Taʼanii muraasni nu mudatan. Biskileetii, miʼa, kitaabota kaartooniitti qabannee fi faayiloota hojii daawwannaa nu jalaa fudhatan. Isaan jalaa miliqnee gara mana jaarsa gumii tokkootti baqanne. Yeroo kanattis kadhannaa dhiheessine. Waaʼeen odeeffannoo faayiloota isaan nu jalaa fudhatan irra jiruu nu yaaddessee ture. Dargaggoonni kun faayiloota sana yeroo ilaalan, xalayaawwan naannoowwan guutummaa Maalaawwii keessa jiran irraa anaaf barreeffaman argan. Kun qondaala mootummaa akkan taʼe akka yaadan waan isaan godheef baayʼee sodaatan. Kanaafuu, yeruma sana waan hundumaa jaarsolii gumiitti deebisan.
Yeroo tokko immoo, dooniidhaan laga ceʼaa utuu jirruu, abbaan doonichaa geggeessaa siyaasaa naannichaa waan taʼeef, namoonni doonii isaa yaabbatan hundi kaardii paartii siyaasaa qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu barbaade. Yeroo nu bira gaʼuuf jedhu, hattuu mootummaan barbaadaa jiru tokko argate. Haalli kun jeequmsi akka uumamu waan godheef, sana booda kaardii paartii siyaasaa gaafachuu isaa ni dhiise. Yeroo kanattis Yihowaan jaalalaan kakaʼee deggersa akka nuu godhe nutti dhagaʼameera.
QABAMUU FI HIDHAMUU
Guraandhala 1984tti, gabaasa waajjira damee Zaambiyaatti ergamu geessuuf gara Liiloongiwee deemaan ture. Yeroo kanatti poolisiin tokko na dhaabee shaanxaa koo sakattaʼe. Barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan tokko tokko waan argateef, gara buufata poolisiitti na geessee na reebuu jalqabe. Achii, wadaroodhaan na hidhee kutaa hattoonni keessatti hidhamanitti na galche.
Guyyaa itti aanu, hogganaan poolisii tokko kutaa kan biraatti na geessee, “Ani Tiroofiim Nisoombaan mana hidhaatii baʼuu waanan barbaaduuf kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa miti” jedhee barreesse. Ani immoo, “Hidhamuuf qofa utuu hin taʼin duʼuuf illee qophaaʼeera. Ani amma iyyuu Dhugaa Baatuu Yihowaa ti” jedheen deebiseef. Yaada barreeffame sana irratti mallatteessuun dide. Hogganaan poolisii sun baayʼee aaree abootteedhaan minjaala yeroo rukutu, poolisiin kutaa itti aanu keessa jiru maaltu akka taʼe ilaaluuf fiigee dhufe. Hoggantichis akkana jedhe: “Namichi kun dhugaa baʼuu isaa dhiisuuf mallatteessuu didaa jira. Kanaafuu, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko akka taʼe haa mallatteessuutii akka hidhamu gara Liiloongiweetti isa ergina.” Yeroo kana hundumaatti, haati manaa koo wanta ana irratti raawwatamaa jiru beekuu hin dandeenye. Guyyaa afur booda obboloonni eessa akkan jiru isheetti himan.
Buufata poolisii Liiloongiweetti kunuunsi gaariin naa godhamee ture. Hogganaan poolisii, “Ati kan hidhamte sababii Dubbii Waaqayyootiin waan taʼeef ruuzii kana hoodhu. Namoonni as jiran kaan hattoota dha” jedhe. Achii, gara Mana Hidhaa Kaacheereetti kan na erge siʼa taʼu, jiʼa shaniifan achi ture.
Itti gaafatamaan mana hidhaa sanaa ani achi dhaquu kootti ni gammade; “qeesii” mana hidhaa sanaa akkan taʼu barbaadee ture. “Mana hidhaa kan galte waldaa keetii hattee waan taʼeef, lammata asitti Dubbii Waaqayyoo akka barsiistu hin barbaadu” isaan jechuudhaan, qeesii yeroo sana ture iddoo isaa irraa buuse. Kanaaf, walgaʼiiwwan namoota hidhamaniif qophaaʼan irratti torban torbaniin Macaafa Qulqulluu akkan barsiisu itti gaafatamummaan naa kenname.
Booddee haalli isaa hammaachaa dhufe. Qondaaltonni mana hidhaa, Maalaawwii keessa Dhugaa Baatonni meeqa akka jiran beekuuf na qoratan. Deebii isaan barbaadan kennuufii waanan dideef, hamman of wallaalutti na reeban. Yeroo kan biraatti immoo, waajjirri muummee keenya eessa akka jiru beekuu barbaadan. Anis, “Gaaffii salphaa gaafattan; isinittan hima” jedheen deebiseef. Poolisoonni kun gammadanii na waraabuuf teeppii qopheeffatan. Achii, waajjirri muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessatti akka caqasamen isaanitti hime. Baayʼee isaan ajaaʼibee, “Macaafa Qulqulluu keessa bakka kam?” jedhanii na gaafatan.
“Isaayaas 43:12 irratti argama” jedheen deebiseef. Caqasicha baasanii, “‘Isin Dhugaa Baatota koo ti, ani immoo Waaqayyo dha’ jedha Yihowaan” jedhanii of eeggannoodhaan dubbisan. Caqasa kana siʼa sadii irra deebiʼanii dubbisan. Achiis, “Waajjirri muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Ameerikaa keessatti utuu hin taʼin Macaafa Qulqulluu keessatti argamuu kan dandaʼu akkamitti?” jedhanii na gaafatan. Anis, “Dhugaa Baatonni Yihowaa Ameerikaa keessa jiranis caqasni kun waaʼee waajjira muummee isaanii kan ibsu akka taʼetti ilaalu” jedheen deebiseef. Wanta dhagaʼuu barbaadan waanan itti hin himneef, Mana Hidhaa Dizaaleekaa isa kaaba Liiloongiwee jiruttan ergame.
EEBBAWWAN YEROO RAKKISAATTI ARGAMAN
Adoolessa 1984tti Dhugaa Baatota 81 Mana Hidhaa Dizaaleekaa keessa turanittin makame. Achitti hidhamtoonni 300 taʼan kutaa xinnoo keessa wal dhiibanii lafa irra ciisu turan. Yeroo booda, nuyi Dhugaa Baatonni garee xixinnootti hihhiramnee guyyaa guyyaadhaan caqasa tokko irratti mariʼachuu jalqabne. Kun jajjabina guddaa nuu argamsiiseera.
Sana booda itti gaafatamaan mana hidhaa sanaa hidhamtoota kaan irraa addaan nu baase. Waardiyyaan tokko iccitiidhaan akkana jedhee nutti hime: “Mootummaan isin hin jibbu. Mana hidhaa kan isin galchine sababii lamaani: Mootummaan miseensonni garee Dargaggoota Dursitoota Taʼanii akka isin hin ajjeesne waan sodaatuuf, akkasumas waaʼee waraana gara fuulduraa waan lallabdaniif loltoonni isaa yeroo waraana sanaatti akka hin baqanne waan sodaatuufi dha.”
Obboloonni erga itti murteeffamee booda gara mana hidhaatti yeroo geeffaman
Onkoloolessa 1984tti hundi keenya mana murtiitti dhihaanne. Hunda keenyatti hidhaan waggaa lamaa nutti murteeffame. Akkuma kanaan duraa, namoota Dhugaa Baatota hin taanee wajjin hidhamne. Taʼu iyyuu, itti gaafatamaan mana hidhaa sanaa namoota hundaan akkana jedhe: “Dhugaa Baatonni Yihowaa tamboo hin xuuxan. Kanaafuu waardiyyoota warri taatan, tamboo akka isinii kennan gaafachuudhaan isaan hin rakkisinaa; akkasumas tamboo keessan qabsiisuuf ibidda akka isinii fidan isaan hin erginaa. Isaan namoota Waaqayyoo ti! Dhugaa Baatonni Yihowaa hundumtuu asitti kan argaman yakka raawwatanii utuu hin taʼin Macaafa Qulqulluutti amanuu isaaniitiin waan taʼeef, nyaanni guyyaatti siʼa lama kennamuufii qaba.”
Maqaa gaarii qabaachuun keenya karaa kan biraatiinis nu fayyadeera. Galgala galgala ykn yeroo bokkaan roobutti hidhamtoonni asiif achi akka deeman hin heyyamamuuf ture. Nuyi garuu yeroo barbaanne hundatti sosochoʼuu ni dandeenya turre. Nuyi miliquuf akka hin yaalle beeku turan. Gaaf tokko waardiyyaan mana hidhaa bakka hojii hojjennutti utuu nu eegaa jiruu yeroo dhukkubsatetti, baannee gara kellaa mana hidhichaatti isa geessine. Qondaaltonni mana hidhaa amanamoo taʼuu keenya beeku turan. Kanaafuu amala gaarii qabaannee itti fufuu keenyaan, namoonni nu hidhan maqaa Yihowaatiif ulfina yeroo kennan arguu dandeenyeerra.—1 Phe. 2:12.b
YEROON MIJATAAN DEEBIʼEE DHUFE
Caamsaa 11, 1985tti, Mana Hidhaa Dizaaleekaatii nan baʼe. Deebiʼee maatii kootti makamuu kootti baayʼeen gammade! Yihowaan yeroowwan garmalee rakkisaa taʼan sanatti amanamummaa keenya akka eegnu nu gargaaruu isaatiif baayʼee isa galateeffanna. Yeroowwan sana ilaalchisee akkuma Phaawulos ergamaa isa akka armaan gadii jedhee barreessee nutti dhagaʼama: “Rakkinni . . . nu irra gaʼe attam akka ture, akka beektan in jaallanna; . . . jireenyatti hafuu keenyaaf iyyuu abdii kutannee turre. Akka waan firdiin duʼaa nutti faradameetti, nutti dhagaʼamee ture; garuu nuyi, Waaqayyo isa warra duʼan kaasu duwwaa malee, ofii keenya akka hin amananneef kun taʼe. Waaqayyo sodaachisa duʼaa, isa akkasii keessaa nu oolcheera, nu oolchuufis jira; amma iyyuu deebiʼee akka inni nu oolchuuf abdii keenya isa irra kaaʼanneerra.”—2 Qor. 1:8-10.
Brother Nsomba and his wife, Lidasi, in front of a Kingdom Hall, 2004
Dhugaa dha, lubbuu keenyaaf illee yeroon itti abdii kutanne jira ture. Taʼus, Yihowaan maqaa isaa isa guddaadhaaf ulfina fiduu akka dandeenyutti ija jabinaa fi ogummaa gad of deebisuuf nu gargaaru akka nuu kennu yeroo hunda isa kadhanna turre.
Yihowaan yeroo mijataattis taʼe yeroo rakkisaatti tajaajila isaa irratti nu eebbiseera. Yeroo ammaatti Liiloongiwee keessatti waajjira damee bara 2000tti ijaaramee xumuramee fi guutummaa Maalaawwii keessatti Galmawwan Mootummaa haaraa 1,000 ol taʼan ijaaramanii arguun keenya gammachuu guddaa dha! Eebbawwan Yihowaa irraa argaman kun baayʼee waan nu dinqisiisaniif, anaa fi Liidaasiitti abjuuma nutti fakkaatu!c
a Yeroo ammaatti obboloonni ijoollee xixinnoo qaban hojii daawwannaa irratti akka hirmaatan hin afeeraman.
b Ariʼatama Maalaawwii keessa ture ilaalchisee yaada dabalataa argachuuf, Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa Bara 1999, fuula 171-223 ilaali.
c Mata dureen kun utuu maxxansaaf qophaaʼaa jiruu, obboleessi keenya Nisoombaan umurii isaa waggaa 83tti boqoteera.