SEENAA JIREENYAA
Murtoo Dargaggummaa Isaatti Godhetti Hin Gaabbu
OBBOLEESSA akkoo kootii kan taʼe Niikalaay Daabaveeniskiin duʼuu isaa dura, muuxannoo waaʼee jireenya isaa isa gammachuu fi dhiphinaan guutamee, jechuunis jireenya yeroo Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti hojiin keenya dhorkamee turetti hinaaffaadhaan Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsee ibsu qindeessee ture. Haalawwan rakkisaa taʼan isa mudatanis, yeroo hunda amanamaa fi jireenyatti kan gammadu ture. Niikalaay dargaggoonni muuxannoo isaa akka dhagaʼan kan barbaadu taʼuu isaa yeroo baayʼee waan dubbatuuf, muuxannoo isaa keessaa wantoota ijoo taʼan tokko tokko utuun isinitti himee natti tola. Niikalaay, mandara Padviiriifkaa jedhamtuu fi Charniivsii Oblaast, Yuukreenitti argamtutti maatii qotee bulaa taʼe irraa bara 1926tti dhalate.
NIIKALAAY DHUGAA AKKAMITTI AKKA DHAGAʼE DUBBATA
Niikalaay akkana jechuudhaan jalqaba: “Bara 1941tti gaaf tokko obboleessa hangafaa koo kan taʼe Iivaan, kitaaba Za Haarp oov Good jedhamuu fi Za Divaayin Pilaan oov za Eejis jedhamu, akkasumas barruulee Masaraa Eegumsaa fi buukleetota muraasa fidee dhufe. Anis hunda isaanii nan dubbise. Rakkina addunyaa irra jiru kan fide Waaqayyo utuu hin taʼin Seexana taʼuu isaa yeroon beeku baayʼee na ajaaʼibe. Barreeffamoota sana qofa utuu hin taʼin macaafota Wangeelaas kanan dubbise siʼa taʼu, dhugaa akkan argadhe nan hubadhe. Abdii Mootummichaa miira hoʼaadhaanan namootatti hima ture. Ergan barreeffamoota kana qayyabadhee booda, dhugaa caalaatti hubachuu kanan dandaʼe siʼa taʼu, fedhiin tajaajilaa Yihowaa taʼuuf qabus ni guddate.
“Sababii amantii kootiin kan kaʼe rakkinni akka ana irra gaʼu hubadheen ture. Yeroon isaa yeroo waraanaa kan ture ennaa taʼu, nama kam iyyuu ajjeesuu akkan hin qabne beekeen ture. Qorumsa gara fuulduraatti na mudatuuf of qopheessuuf jecha, caqasoota Macaafa Qulqulluu kan akka Maatewos 10:28 fi 26:52 jiran sammuutti qabachuun jalqabe. Lubbuu koo na dhabsiisuu kan dandaʼu yoo taʼe illee yeroo hunda Yihowaadhaaf amanamaa taʼuufan murteesse!
“Bara 1944tti umuriin koo waggaa 18 kan guute siʼa taʼu, waraana irratti akkan hirmaadhu waamameen ture. Obboloonni dargaggoonni umuriin isaanii waraanaaf gaʼe bakka namoonni waraanaaf filataman walitti itti qabaman jiru turan; obbolootaa wajjin jalqaba kanan wal arge yeroo kanatti ture. Waraanicha irratti kan hin hirmaanne taʼuu keenya ija jabinaan abbootii taayitaatti himne. Loltoonni aariidhaan guutaman sun nyaata akka nu dhowwatan, dirqisiisanii boolla akka nu qochisiisan ykn akka nu ajjeesan nu sossodaachisan. Nuyis sodaa tokko malee akkana isaaniin jenne: ‘Harka keessan keessa jirra. Taʼus maal iyyuu yoo nu gootan ajaja Waaqayyoo isa, “Hin ajjeesin!” jedhu hin cabsinu.’—Bau. 20:13.
“Haa taʼu malee, anii fi obboloonni lama dirree irratti akka hojjennuu fi manneen diigaman akka ijaarru gara Belaruusitti ergamne. Haala nama dhiphisuu fi naannoo Miiniskitti waraanni geessise amma illee nan yaadadha. Mukeetiin gubatan karaa irra tarree galanii jiru turan. Reeffawwan hin awwaalamnee fi reeffi fardeenii bokokee jiru boʼoowwanii fi daggala keessatti kukkufee ture. Wantoota konkolaataadhaan harkifaman, meeshaalee waraanaa, akkasumas caccabaa xiyyaaraa abbaa hin qabne argeen ture. Wantoonni ani ija kootiin arge kun ajaja Waaqayyoo cabsuun maal akka geessisu argisiisu.
“Waraanichi bara 1945tti kan dhaabate taʼus, waraana irratti hirmaachuu waan didneef hidhaan waggaa kudhanii nutti murteeffame. Waggoota sadan jalqabaatti walgaʼii gochuus taʼe nyaata hafuuraa barreeffamaan qophaaʼe argachuu hin dandeenyu turre. Obboleettota tokko tokkoo wajjin xalayaadhaan wal qunnamna turre; garuu isaanis qabamanii kaampii hojiin humnaa itti hojjetamu keessatti hidhaan waggaa 25 itti murteeffame.
“Achiis bara 1950tti hidhaa keenya utuu hin fixin hiikamnee gara manaatti deebine. Utuun ani mana hidhaa jiruu haati koo fi quxisuu koo kan taate Maariyaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan! Obboloonni hangafaa koo Dhugaa Baatota kan hin taane taʼus, Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turan. Akka gaariitti lallabaa waanan tureef, dhaabbanni nageenyaa Sooviyeet deebisee gara mana hidhaatti na erguu barbaadee ture. Achiis obboloonni itti gaafatamummaa qaban, mana lafa jala jiru keessatti barreeffamoota maxxansuu irratti gargaarsa akkan godhu na gaafatan. Yeroo kanatti umuriin koo waggaa 24 ture.”
BARREEFFAMOOTA QOPHEESSUU
“Dhugaa Baatonni yeroo sanatti turan, ‘Hojiin Mootummichaa lafa irratti yoo dhorkame iyyuu, lafa jalatti itti fufa’ jechuu jaallatu turan. (Fak. 28:28) Yeroo kanatti, hojiin maxxansuu harki caalaan isaa kan hojjetamu lafa jalatti dhoksaadhaan ture. Kutaan ani jalqaba keessatti hojjechaa ture, kutaa mana obboleessi angafaa koo Diimiitriin keessa jiraatu jalatti argamu ture. Yeroo tokko tokko torban lamaaf kutaa kana keessaa hin baʼun ture. Ibsaan gaazii ani itti fayyadamu hirʼina oksijiiniitiin kan kaʼe yeroo dhaamu, hamma qilleensi qulqulluun kuticha guututti nan ciisan ture.
Fakkii kutaa Niikalaay mana jalatti dhoksaadhaan barreeffama itti maxxansaa ture argisiisu
“Gaaf tokko obboleessi ani wajjin hojjedhu, ‘Niikalaay, cuuphamteettaa?’ jedhee na gaafate. Waggaa 11f Yihowaa tajaajilaa kanan ture taʼus hin cuuphamnen ture. Dhimma kana irratti erga na haasofsiisee booda, halkan sana umurii koo waggaa 26tti haroo tokko keessatti nan cuuphame. Waggaa sadii booda, miseensa Koree Biyyaa taʼuudhaanan mirga dabalataa argadhe. Yeroo sanatti, obboloonni hin qabamne obboloota hidhaman akka bakka buʼan kan muudaman siʼa taʼu, hojiin Mootummichaas itti fufeera.”
RAKKINA DHOKSAATTI HOJJECHUUN QABU
“Dhoksaatti barreeffama maxxansuun mana hidhaa galuu caalaa ulfaataa ture! Poolisoota dhoksaatti hojjetaniin (KGB) akkan hin qabamneef jecha waggaa torbaaf walgaʼii gumii irratti hin argamne; kanaafuu, karaa hafuuraa of cimsuuf carraaqqii gochuun qaban ture. Maatii koo wajjin kanan wal argu, darbee darbee isaan gaafachuuf yeroon deemu qofa ture. Taʼus, haala koo kan naa hubatan taʼuun isaa na jajjabeessa ture. Yeroo hunda haala dadhabsiisaa keessa kanan ture taʼuun koo fi akkan hin qabamne of eeggachuun kan na barbaachisu taʼuun isaa na dadhabsee ture. Wanta kamiif iyyuu qophaaʼoo taʼuu qabna turre. Fakkeenyaaf, gaaf tokko galgala poolisoonni lama gara mana ani keessa turee dhufan. Foddaa manichaa kallattii biraatiin jiruun utaaleen gara daggalaatti fiige. Gara dirreetti yeroon baʼu sagalee adda taʼen dhagaʼe. Qawween dhukaʼuu isaa yommuun dhagaʼu, sagaleen sun sagalee rasaasaa akka taʼen hubadhe! Namoota na ariʼaa turan keessaa tokko farda irra taaʼee hamma rasaasni jalaa dhumutti natti dhukaasuu isaa itti fufe. Rasaasni tokko harka na rukute. Dhuma irratti, kiiloo meetira 5 erga na hordofee booda daggala keessa dhokadheen jalaa baʼe. Booda yeroon mana murtiitti dhihaadhetti, siʼa 32 natti dhukaasanii akka turanan dhagaʼe!
“Lafa jalatti yeroo dheeraa waanan dabarseef baayʼee daalachaaʼeen ture. Kun immoo wantan hojjechaa ture kan saaxilu ture. Kanaafuu, hamman dandaʼe aduu keessatti dabarsuun jalqabe. Lafa jala jiraachuun koo fayyaa koo irrattis dhiibbaa geessiseera. Yeroo tokko funyaanii fi afaan kootiin dhiigni dhangalaʼaa waan tureef, obbolootaa wajjin walgaʼii barbaachisaa taʼe tokko irratti argamuu hin dandeenye.”
NIIKALAAY NI QABAME
Kaampii hojii humnaa itti hojjetanii fi Mordiviiniyaatti argamu, bara 1963
“Amajjii 26, 1957tti nan qabame. Jiʼa jaʼa booda Manni Murtii Walii Galaa Yuukreen murtoo dabarfame beeksise. Rasaasaan akkan ajjeefamu natti murteeffame; taʼus, adabbiin duʼaa biyyattii keessatti hafee waan tureef gara hidhaa waggaa 25tti naaf jijjiirame. Anaa wajjin namni saddeet kaampiiwwan hojiin humnaa itti hojjetamutti walumatti hidhaa waggaa 130tu nutti murteeffame. Gara kaampiiwwan Mordiviiniyaatti argamanii fi Dhugaa Baatonni gara 500 taʼan keessa jiranitti ergamne. Masaraa Eegumsaa qayyabachuuf garee xixinnoodhaan dhoksaatti walitti qabamna turre. Waardiyyaan tokko barruulee nu irraa saamaman erga qoree booda gammachuudhaan, ‘Barruulee kana dubbisuu keessan yoo itti fuftan, eenyu iyyuu amantii keessan laaffisuu hin dandaʼu!’ nuun jedhe. Yeroo hundumaa hojii guyyaa sanaaf nuu kenname amanamummaadhaan kan hojjennu taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo baayʼee immoo hojii nuu ramadame caalaa hojjenna turre. Ajajaan kaampii sanaa, ‘Hojiin isin asitti hojjechaa jirtan nuuf barbaachisaa miti. Kan nu barbaachisu amanamummaa fi deggersa keessani dha’ nuun jedhe.”
“Yeroo hundumaa hojii guyyaa sanaaf nuu kenname amanamummaadhaan kan hojjennu taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo baayʼee immoo hojii nuu ramadame caalaa hojjenna turre”
EJJENNOON ISAA HIN LAAFNE
Galma Mootummaa Viliikiiyaa Luukiitti argamu
Niikalaay bara 1967tti kaampii hojii humnaa itti hojjetanii erga hiikamee booda, gumiiwwan Istooniyaa fi Seeyint Piitarsibarg, Raashiyaatti argaman gurmeessuu irratti gargaarsa godheera. Jalqaba bara 1991tti ragaan yakki raawwatamuu isaa argisiisu waan hin argamneef murtoon bara 1957tti manni murtii dabarsee ture ni hafe. Yeroo sanatti Dhugaa Baatonni abbootiin taayitaa rakkina irraan gaʼaa turan hedduun bilisa baʼaniiru. Bara 1996tti Niikalaay gara magaalaa Viliikiiyaa Luukii ishee Piskoof Oblaastitti argamtuu fi Seeyint Piitarsibarg irraa gara kiiloo meetira 500 fagaattuu deeme. Mana xinnoo kan bitate siʼa taʼu, bara 2003tti lafa isaa irratti Galmi Mootummaa ijaarameera. Yeroo harʼaatti, gumiiwwan akka gaariitti guddachaa jiran lamatu achitti walgaʼii godhata.
Anii fi abbaan manaa koo waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa Raashiyaatti argamu keessatti tajaajilaa jirra. Niikalaay duʼuu isaa jiʼoota muraasa dura, jechuunis Bitootessa 2011tti yeroo dhumaatiif nu gaafachuu dhufee ture. Yaadni inni, “Haala amma jiru irraa hubachuun akka dandaʼamutti, guyyaa torbaffaan Yerikootti itti naannaʼan waan jalqabe natti fakkaata” jechuudhaan fuula ifaadhaan nutti hime garaa keenya baayʼee tuqeera. (Iya. 6:15) Yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 85 ture. Jireenyi isaa salphaa kan hin turre taʼus akkana jedheera: “Dargaggummaa kootti Yihowaa tajaajiluuf murteessuu kootti baayʼeen gammada! Kana gochuu kootti matumaa gaabbee hin beeku!”