LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp16 Lakk. 5 ful. 3
  • Hundi Keenya Jajjabinni Nu Barbaachisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hundi Keenya Jajjabinni Nu Barbaachisa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo Rakkinaatti Jajjabina Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Warra Miidhaan Irra Gaʼe Jajjabeessuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • ‘Warra Gaddan Hundumaa Jajjabeessaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Yihowaa Isa Waaqa “Jajjabinaa Hundumaa” Taʼetti Amanamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
wp16 Lakk. 5 ful. 3

MATA DUREE FUULA JALQABAA | JAJJABINA EESSAA ARGACHUU DANDEESSA?

Hundi Keenya Jajjabinni Nu Barbaachisa

Haadha mucaa ishii jajjabeessaa jirtu

Ijoollummaa keetti yeroo itti kufte ni yaadattaa? Tarii harki kee ykn jilbi kee madaaʼee taʼa. Haati kee akkamitti akka si jajjabeessite ni yaadattaa? Tarii madaa kee sii qulqulleessitee huccuu itti sii martee taʼa. Kan boosse taʼus, yommuu ishiin si sossobduu fi si hammatu tasgabbooftee taʼuu dandaʼa. Yeroo sanatti jajjabina argachuun ulfaataa hin turre.

Haa taʼu malee yeroo guddachaa deemnu jireenyi caalaatti rakkisaa taʼaa deema. Rakkoon keenya dabalaa, jajjabina argachuun immoo ulfaataa taʼaa deema. Kan nama gaddisiisu, rakkoon gaʼeessotaa huccuudhaan yommuu maramu ykn haati yommuu isaan hammattu kan furamu miti. Fakkeenya muraasa ilaali.

  • Rakkoon hojii irraa ariʼamuu si mudatee beekaa? Huliyaan yeroo hojii irraa ariʼametti naasuun isatti dhagaʼame abdii isa kutachiisee akka ture dubbata. ‘Maatii kootiif wanta barbaachisu akkamittan dhiheessa? Waggoota hedduudhaaf ciminaan ergan hojjedhee booda dhaabbatichi akkan isa hin fayyanne kan itti dhagaʼame maaliifi?’ jedhee yaaddaʼee ture.

  • Tarii gaaʼelli kee diigamuu isaatti baayʼee gadditeetta taʼa. Raakel akkana jetteetti: “Jiʼoota 18 dura abbaan manaa koo yeroo na gatee deemetti gadda guddaatu natti dhagaʼame. Waanuma onneen koo iddoo lamatti baqaqe natti fakkaatee ture. Qaamaanis taʼe miiraan baayʼeen miidhame. Haalli isaa baayʼee na sodaachise.”

  • Dhukkuba cimaa fayyuu hin dandeenyeen qabamteetta taʼa. Al tokko tokko akkuma Iyoob isa, “Jireenya koo nan jibbe, [ani jiraachuu hin barbaadu, NW]” jedhee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. (Iyoob 7:16) Tarii akkuma Luyis, maanguddoo umurii waggoota 80nnii keessa jiranii fi “Al tokko tokko duʼuma eeggachaa waanan jiru natti fakkaata” jedhanii iftoominaan dubbatanii sitti dhagaʼama taʼa.

  • Jajjabina akka barbaaddu kan si godhe nama jaallattu duʼaan dhabuu kee taʼuu dandaʼa. Rooberti akkana jedheera: “Ilmi koo balaa xiyyaaraa gaddisiisaatiin yeroo duʼetti, jalqaba amanuun natti ulfaatee ture. Booda garuu, dhukkubbii cimaa Kitaaba Qulqulluu keessatti dhukkubbii yeroo goraadeen dheeraan si keessa darbu sitti dhagaʼamutti fakkeeffametu natti dhagaʼame.”—Luqaas 2:35.

Rooberti, Luyis, Raakelii fi Huliyaan haalawwan ulfaatoo kanneen keessatti illee jajjabina argachuu dandaʼaniiru. Qaama hunda caalaa jajjabina kennuu dandaʼu argataniiru; innis Waaqa Isa Hundumaa Dandaʼu malee eenyu iyyuu taʼuu hin dandaʼu. Inni jajjabina kan kennu akkamitti? Siifis jajjabina si barbaachisu sii kennaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi