LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Caamsaa ful. 31-32
  • “Garaan Keenya Yeroo Kam Iyyuu Caalaa Hinaaffaa fi Jaalalaan Guutamee Ture”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Garaan Keenya Yeroo Kam Iyyuu Caalaa Hinaaffaa fi Jaalalaan Guutamee Ture”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Caamsaa ful. 31-32
Namoota galma walgaʼii bara 1922⁠tti Seedaar Pooyinti Ohaayootti godhamee turee irratti argaman

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Garaan Keenya Yeroo Kam Iyyuu Caalaa Hinaaffaa fi Jaalalaan Guutamee Ture”

JIMAATA ganama, Fulbaana 1922 namoonni 8,000 galma walgaʼii guddaa tokko keessatti walitti qabamanii kan turan siʼa taʼan, hoʼi isaa caalaatti dabalaa jira. Dura taaʼaan walgaʼichaa sagantaa bakka guddaa qabu kana irratti, namni barbaade galmicha keessaa baʼuu akka dandaʼu, yoo baʼe garuu deebiʼee ol seenuu akka hin dandeenye beeksisa dubbate.

Walgaʼichi jalqabamuu isaa dura faarfannaawwan hedduun erga faarfatamanii booda, obboleessi keenya Joseef Raazarfordi waltajjii irra baʼe. Dhaggeeffattoonni hedduun taaʼanii hawwiidhaan eeggachaa jiru. Muraasni isaanii immoo sababii hoʼaatiin asii fi achi deemaa jiru. Obboleessi haasaa dhiheessu taaʼanii akka dhaggeeffatan cimsee akeekkachiise. Utuu haasaan dhihaachaa jiruu, huccuu guddaan olitti maramee fannifame jiraachuu isaa namni hubatee ture jira laata?

Obboleessi keenya Raazarfordi haasaa mata duree “Mootummaan samii dhihaateera” jedhu qabu dhiheesse. Saʼaatii tokkoo fi walakkaadhaaf, raajonni bara durii waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isa dhufaa jiruu ija jabinaan akkamitti labsaa akka turan kan ibse siʼa taʼu, sagaleen isaa inni furdaan galmicha keessatti guddisee dhagaʼama ture. Xumura haasaa isaa irra yommuu gaʼu, “Mootiin ulfinaa bulchuu akka jalqabe ni amantuu?” jedhee gaafate. Dhaggeeffattoonni sagalee guddaadhaan “Eeyyee!” jedhanii deebisan.

Obboleessi keenya Raazarfordi sagalee guddaadhaan itti fufee akkana jedhe: “Egaa, yaa ilmaan Waaqayyo isa hundumaa gararraa jiruu, gara maasichaatti deebiʼaa! Kunoo, Mootichi bulchuu jalqabeera! Isin immoo labsitoota isaa ti. Kanaaf, Mootichaa fi Mootummaa isaa beeksisaa, beeksisaa, beeksisaa.”

Yeroo kanatti, huccuu guddaan olitti maramee fannifamee ture sun yommuu diriirfamu, dhaadannoo “Mootichaa fi Mootummaa isaa beeksisaa” jedhu kan qabate taʼuun isaa ni beekame.

Obboleessi keenya Raa Boop jedhamu wanta yeroo sana ture yaadachuudhaan, “Dhaggeeffattoonni baayʼee gammadanii turan” jedheera. Obboleettiin Aanaa Gaardinar jedhamtu immoo, “yommuu harka walitti rukunnu keenyan galmichaa ni raafame” jechuudhaan dubbatteetti. Fireed Tiwaarooshis, “Dhaggeeffattoonni hundi tokkummaadhaan ol kaʼanii dhaabatan” jedheera. Iivaanjeloos Iskuufaas immoo, “Waanuma humni guddaan tokko teessoo keenya irraa harkisee nu kaasaa jiru fakkaata ture; hundi keenya kan ol kaane siʼa taʼu, iji keenyas imimmaaniin guutamee ture” jedheera.

Namoonni walgaʼii guddaa sana irratti argaman hedduun durumaan iyyuu misiraachoo Mootummichaa lallabaa turan. Walgaʼii sana booda garuu, misiraachicha akka haaraatti lallabuuf galma baafachuu akka qaban isaanitti dhagaʼame. Eetal Beenakoof, “garaan keenya yeroo kam iyyuu caalaa hinaaffaa fi jaalalaan guutamee ture” jechuudhaan, miira yeroo achii deebiʼan Barattoota Kitaaba Qulqulluutti dhagaʼamee ture dubbatteetti. Oodeesaa Taak, ishiin yeroo sanatti umuriin ishii waggaa 18 ture, yommuu walgaʼii guddaa kanaa deebitu waamicha “Eenyuutu deema?” jedhuudhaan dhihaateef deebii kennuuf kutattee turte. Akkana jetteetti: “Eessa ykn maal ykn akkamitti akkan lallabu hin beekun ture. Wanti ani beeku tokko yoo jiraate akkuma Isaayaas, ‘Kunoo, ani jira, ana ergi!’ jechuu barbaaduu koo ti.” (Isa. 6:8) Raalfi Leefilar, “Duulli Mootummicha beeksisuu yeroo harʼaatti addunyaa maratti taasifamaa jiru sirriitti kan jalqabame guyyaa gammachiisaa sanatti ture” jedheera.

Walgaʼii guddaan Seedaar Pooyinti Ohaayootti bara 1922⁠tti godhame kun, seenaa tiʼookraasii keessatti iddoo guddaa kan qabu taʼuun isaa kan nama dinqisiisu miti. Obboleessi keenya Joorji Gaangaas, “Walgaʼiin guddaan kun walgaʼii akkasii kam irraa iyyuu matumaa akka hin hafne fedhii akkan qabaadhu na taasiseera “ jedheera. Hamma yaadatuttis walgaʼii akkasii irraa matumaa hafee hin beeku. Juuliyaa Wiilkooksi akkana jechuudhaan barreessiteetti: “Barreeffamoota keenya irratti waaʼee walgaʼii bara 1922⁠tti Seedaar Pooyinti Ohaayootti godhamee ture yommuun dubbisu hundatti gammachuu guddaatu natti dhagaʼama. Yeroo hunda, ‘Yaa Yihowaa, walgaʼii kana irratti akkan argamu waan naa heyyamteef, sin galateeffadha’ jechuun barbaada.”

Haaluma walfakkaatuun, yeroo harʼaatti baayʼeen keenya walgaʼii guddaa keessumaa jaalalaa fi hinaaffaa Waaqa keenya isa guddaadhaa fi Mootii inni muudeef qabnu akka guddatu, akkasumas garaan keenya gammachuudhaan akka guutamu godhe ni yaadanna taʼa. Wanta gammachiisaa yaadannu akkasii irratti yommuu xiinxallu, nutis, “Yaa Yihowaa, walgaʼii kana irratti akkan argamu waan naa heyyamteef, sin galateeffadha” jechuuf kakaana.

Mallattoowwan Iccitii Taʼan Sana

Qubeewwan “ADV” jedhaman bakka hundatti, jechuunis mukkeetii, gamoowwan, darbees waraqaa sagantaa walgaʼichaa irratti ni argamu turan! Qubeewwan kun qalbii namoota bakka walgaʼii sanatti argamanii kan hawwatan turan.a

“Kaardii aʼadii qubeen ADV qalama gurraachaan guddifamee irratti barreeffame, bakka beeksisni itti maxxanfamuu fi balbala hunda irratti ni argama ture. Qubeewwan kun hiika maalii akka qaban gaafannee kan turre taʼus, namni beeku tokko illee kan jiru hin fakkaatu ykn yoo beekan illee nutti himuu hin barbaanne turan.”—Eediiz Bireenasan.

a Mallattoowwan kun amma iyyuu iccitii dha. Yeroo ammatti, kuusaa keenya keessaa suuraan kana argisiisu hin argamne.

Waltajjii Duubaa, Kadhannaan Isaanii Deebii Argateera

Aartarii fi Neeliin bakka taaʼumsaa gaarii argachuuf dursanii dhufaniiru. Aartar, “Tokkoon tokkoon jechootaa xiyyeeffannaadhaan hordofaan ture” jechuudhaan dubbateera. Akkuma tasaa, garaa isaa ciniinuu jalqabe. Gara galmichaatti deebiʼee seenuu akka hin dandeenye utuma beekuu shakkaadhuma galmicha keessaa baʼee deeme. Obboloota keessummeessan keessaa tokko, “Yeroo akkasii kanatti akkamitti dhiistee baata?” jedhee isa gaafate. Aartar baʼuun isaa dirqama akka ture beeka.

Aartar utuu deebiʼaa jiruu, galmicha keessaa yeroo harki guddisee walitti rukutamu dhagaʼe. Karaa alaa iddoo wanta galmicha keessatti raawwatamaa jiru dhagaʼuuf isa dandeessisu utuu barbaadaa jiruu, karaa baaxii meetira 4.8 ol dheeratu irra ol baʼuuf isa gargaaru tokko argate. Achiis gara foddaa guddaa karaa baaxii ifni akka galuuf qopheeffame tokko dhaqe.

Aartar obboloota hedduu karaa foddaa banaa kanaa waan godhan wallaalanii, obboleessa haasaa dhiheessu gadi ilaalaa jiran arge. Funyoo hedduu huccuu beeksisni tokko irratti barreeffame ittiin hidhame ergaan takkaa akka kutan qajeelfamni isaaniif kennamee ture. Funyoo sana hunda ergaan takkaa kutuuf halbeen dabalataa tokko isaan barbaachisa ture. Aartar seenxii qabateeraa laata? Obboloonni kun seenxii qabaachuu isaa yommuu beekan, boqonnaa guddaatu isaanitti dhagaʼame. Achiis Aartarii fi obboloonni sun iddoo isaanii dhaabatanii mallattoo isaaniif kennamu eeguu jalqaban. Obboleessi keenya Raazarfordi yeroo lammaffaadhaaf, “Beeksisaa!” yommuu jedhu funyoowwan sana kutuu qabu turan.

Namoonni yeroo sanatti achi turan beeksisni guddaan halluu sadiin barreeffame akkamitti suutuma akka diriirfame dubbataniiru. Beeksisa sana walakkaa immoo fakkii Yesuustu jira ture.

Yeroo booda, obboloonni kun baaxii kana irra baʼuuf yaabbannootti fayyadamanii akka turanii fi erga isaan ol baʼanii booda garuu yaabbannoon sun achii kaafamuu isaa Aartaritti himaniiru. Karaa ittiin gad buʼan waan hin qabneef, Yihowaan obboleessa halbee qabu akka isaaniif ergu kadhatanii turan. Obboloonni kun Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼeen kadhannaa isaaniitiif deebii akka isaaniif kenne amananiiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi