LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Hagayya ful. 27-29
  • Jaalala—Amala Baayʼee Barbaachisaa Taʼe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalala—Amala Baayʼee Barbaachisaa Taʼe
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JAALALLI AKKAMITTI IBSAMA?
  • JAALALA YIHOWAA FI YESUUS ARGISIISAN
  • “JAALALAAN DEDDEEBIʼUU KEESSAN ITTI FUFAA”
  • JAALALA GUDDIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
  • FAAYIDAA JAALALA ARGISIISUUN QABU
  • ‘JAALALLI NAMA IJAARA’
  • ‘Jaalalaan Deddeebiʼuu Kee Itti Fufi’
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Waaqa Isa Isin Jaallatu Jaalladhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Jaalala Isa Yoomiyyuu Hin Badne Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Hagayya ful. 27-29

Jaalala—Amala Baayʼee Barbaachisaa Taʼe

  • JAALALA

  • GAMMACHUU

  • NAGAA

  • OBSA

  • GAARUMMAA

  • DANSUMMAA

  • AMANTII

  • GARRAAMUMMAA

  • OF TOʼACHUU

PHAAWULOS ERGAMAAN, hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee, amaloota hafuurri qulqulluun akka horannu nu gargaaru sagal barreessee ture. (Gal. 5:22, 23) Amaloonni barbaachisoo taʼan kunis, walumatti ‘firii hafuuraa’ akka jedhaman dubbateera.a Firiin kun immoo “namummaa haaraa” nuuf argamsiisa. (Qol. 3:10) Akkuma mukti tokko yoo kunuunsa argate firii godhatu, hafuurri qulqulluun jireenya nama tokkoo keessatti bilisummaadhaan kan hojjetu taanaan firii hafuuraa calaqqisiisa.—Far. 1:1-3.

Amaloota firii hafuuraa taʼanii fi Phaawulos ibse keessaa inni jalqabaa jaalala isa baayʼee barbaachisaa taʼe dha. Amalli kun hammam barbaachisaa dha? Phaawulos yoo jaalala qabaachuu baate, nama ‘gatii hin qabne’ akka taʼe dubbateera. (1 Qor. 13:2) Haa taʼu malee, jaalalli maali dha? Amala kana guddifachuu fi yeroo hunda argisiisuu kan dandeenyu hoo akkamittii?

JAALALLI AKKAMITTI IBSAMA?

Hiika jaalalaa jechaan ibsuun salphaa taʼuu baatus, Kitaabni Qulqulluun karaa jaalalli itti ibsamu ni dubbata. Fakkeenyaaf, jaalalli “obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa” jedha. Kana malees jaalalli, “dhugaa wajjin gammada. Waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, yeroo hunda jabaatee dhaabata.” Akkasumas jaalalli, garaadhaa namoota jaallachuu, isaaniif yaaduu fi isaanitti maxxanuu kan dabalatu dha. Gama biraatiin immoo jaalala dhabuun, hinaaffaa, koora, addaggummaa, faayidaa mataa ofii qofa barbaaduu, aarii fi dhiifama gochuu diduudhaan mulʼachuu dandaʼa. Amaloota miidhaa geessisanii fi gatii hin qabne akkasii irraa haala faallaa taʼeen, jaalalli nuti horachuu barbaannu “faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.”—1 Qor. 13:4-8.

JAALALA YIHOWAA FI YESUUS ARGISIISAN

“Waaqayyo jaalala dha.” Dhuguma iyyuu Yihowaan madda jaalalaa ti. (1 Yoh. 4:8) Hojiin harka isaa fi gochi isaa hundi jaalala isaa kana kan argisiisu dha. Jaalalli guddaan inni ilmaan namootaatti argisiise, nuuf jedhee akka dhiphatuu fi akka duʼuuf Yesuusiin gara lafaatti erguu isaa ti. Yohaannis ergamaan akkana jedheera: “Nuu wajjin haala wal qabateen jaalalli Waaqayyoo karaa kanaan mulʼateera; kunis nuti karaa isaa jireenya akka argannuuf Waaqayyo tokkicha Ilma isaa gara addunyaatti erge. Jaalala jechuun kana dha; kunis nuti Waaqayyoon akka jaallanne utuu hin taʼin, Waaqayyo akka nu jaallatee fi Ilmi isaa cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa akka taʼu erguu isaa ti.” (1 Yoh. 4:9, 10) Jaalala Waaqayyootiin kan kaʼe, dhiifama cubbuu, abdii fi jireenya argachuu dandeenya.

Yesuusis fedhii Waaqayyoo raawwachuudhaan jaalala ilmaan namootaatiif qabu argisiiseera. Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “[Yesuus] ‘kunoo, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera’ jedhe. . . . Nutis ‘fedhii’ kanaan, karaa kennaa dhaqna Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha qulqulloofneerra.” (Ibr. 10:9, 10) Ilmaan namootaa keessaa jaalala guddaa kana caalu argisiisuu kan dandaʼu hin jiru. Yesuus akkana jedheera: “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu illee jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.” (Yoh. 15:13) Nuti hoo? Cubbamoota taanus jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti agarsiisan calaqqisiisuu ni dandeenyaa? Eeyyee! Mee kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

“JAALALAAN DEDDEEBIʼUU KEESSAN ITTI FUFAA”

Phaawulos akkana jechuudhaan nu gorseera: “Akka ijoollee jaallatamootti Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa; akkasumas akkuma Kiristoos nu jaallatee . . . nuuf jedhee of dhiheesse jaalalaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa.” (Efe. 5:1, 2) Amala kana jireenya keenya guutuudhaan yoo mulʼisne, ‘jaalalaan deddeebiʼuu keenya itti fufna.’ Jaalala akkasii jechaan qofa utuu hin taʼin gochaanis ni argisiisna. Yohaannis, “Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 3:18) Fakkeenyaaf, Waaqayyoo fi nama jaallachuudhaan kan deddeebinu yoo taʼe, ‘misiraachoo mootummichaa’ namootatti himuuf kakaana. (Mat. 24:14; Luq. 10:27) Akkasumas kan waliif obsinu, gaarummaa kan walitti argisiisnuu fi dhiifama kan waliif goonu yoo taʼe jaalalaan deddeebiʼaa jirra jechuu dha. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun, “Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu” jechuudhaan nu gorsa.—Qol. 3:13.

Taʼus jaalalli dhugaan akkanaa, jaalala miiraan oofamuu wajjin tokko miti. Fakkeenyaaf, abbaan ykn haati miiraan oofaman, yeroo daaʼimni waa barbaadee booʼu hundatti fedha isaa guutuuf yaalu taʼa. Ijoollee isaaniitiif jaalala dhugaa kan qaban yoo taʼe garuu, yeroo barbaachisutti ejjennoo cimaa qabaatu. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo jaalala taʼus, “warra jaallatu ni adaba.” (Ibr. 12:6) Nutis jaalalaan kan deddeebinu yoo taʼe, adaba sirrii taʼe ni kennina. (Fak. 3:11, 12) Dhugaa dha, nutis cubbamoota akka taanee fi yeroon jaalala itti hin argisiisne akka jiru dagachuu hin qabnu. Kanaafuu, hundi keenya iyyuu jaalala argisiisuu irratti fooyyaʼiinsa gochuun nu barbaachisa. Mee karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu.

JAALALA GUDDIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

Tokkoffaa, hafuura isaa isa jaalala akka horattu si gargaaru akka siif kennuuf kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaadhu. Yesuus, Yihowaan “warra isa kadhataniif caalchisee hafuura qulqulluu” akka kennu dubbateera. (Luq. 11:13) Hafuura qulqulluu argachuuf kadhannaa yoo dhiheessinee fi ‘hafuuraan deddeebiʼuuf’ carraaqqii yoo goone, gochi keenya caalaatti jaalala akka qabnu kan argisiisu taʼa. (Gal. 5:16) Fakkeenyaaf jaarsa gumii yoo taate, warra kaaniif gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe karaa jaalala qabeessa taʼeen kennuuf hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu dandeessa. Abbaa ykn haadha yoo taate immoo, ijoollee kee aariidhaan utuu hin taʼin, jaalalaan adabuuf akka si gargaarutti hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu dandeessa.

Lammaffaa, Yesuus yeroo isa aarsuuf yaalanitti jaalala kan argisiise akkamitti akka taʼe xiinxali. (1 Phe. 2: 21, 23) Keessumaa yeroo namoonni nu aarsan ykn jalʼina haqaa nu irratti raawwatan fakkeenya Kiristoos irratti yaaduun barbaachisaa dha. Yeroo akkasiitti, “Utuu Yesuus taʼee maal godha ture?” jennee of gaafachuun keenya gaarii dha. Obboleettiin Lii jedhamtu tokko gaaffii kana tilmaama keessa galchuun ishii tarkaanfii fudhachuu ishii dura akka yaaddu akka ishii gargaare hubatteetti. Akkana jetteetti: “Yeroo tokko intalli naa wajjin hojjettu tokko, waaʼee koo fi waaʼee hojii koo wanta sirrii hin taane hojjettoota kaaniif iimeeliidhaan ergitee turte. Kunis baayʼee na gaddisiise. Haa taʼu malee, ‘Intala kanaa wajjin haala wal qabateen, fakkeenya Yesuus hordofuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedheen of gaafadhe. Utuu Yesuus taʼee maal akka godhu ergan irratti yaadee booda, dhimma sana irraanfadhee dhiisuufan murteesse. Yeroo boodas intalli anaa wajjin hojjettu kun, dhukkuba cimaadhaan qabamtee dhiphina guddaa keessa akka jirtun hubadhe. Kanaaf, wanta sana kan barreessite taʼe jettee itti yaaddee akka hin taanen hubadhe. Yesuus yeroo namoonni isa aarsuuf yaalanitti illee jaalala argisiisuu isaa yaaduun koo, anis akkuma isaa intala naa wajjin hojjettutti jaalala argisiisuuf na gargaareera.” Eeyyee, fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe, yeroo hunda jaalalaan deddeebina.

Sadaffaa, jaalala fedhii ofii aarsaa gochuu isa mallattoo Kiristiyaanummaa dhugaa adda baasee beeksisu horachuuf yaali. (Yoh. 13:34, 35) Gama kanaan, Kitaabni Qulqulluun “ilaalcha” Yesuus qabu ture akka qabaannu nu jajjabeessa. Nuuf jedhee samii dhiisee dhufuudhaan, ‘hamma duʼaatti illee duwwaa of godheera.’ (Filp. 2:5-8) Jaalala fedhii ofii aarsaa gochuu inni argisiise yommuu hordofnu, yaannii fi miirri keenya kan Kiristoos akka fakkaatuu fi fedhii warra kaaniitiif dursa kennuuf nu kakaasa. Jaalala horachuun keenya faayidaawwan biroo akkamii nuuf argamsiisa?

FAAYIDAA JAALALA ARGISIISUUN QABU

Jaalala argisiisuun keenya, faayidaa hedduu nuuf argamsiisa. Mee fakkeenya lama haa ilaallu:

[Fakkii fuula 29⁠rra jiru]

Jaalala argisiisuudhaan faayidaa akkamii arganna?

  • OBBOLUMMAA ADDUNYAA MARAA: Walii walii keenyaa waan wal jaallannuuf, gumii guutummaa addunyaa irraa bakka kam iyyuu yoo dhaqne, obboloonni keenya miira hoʼaadhaan akka nu simatan beekna. ‘Guutummaa waldaa obbolootaa addunyaatiin’ jaallatamuun eebba guddaa dha! (1 Phe. 5:9) Jaalalli akkasii saba Waaqayyoo gidduutti malee eessatti argamuu dandaʼa?

  • NAGAA: ‘Jaalalaan waliif dandaʼuudhaan yoo jiraanne,’ “hidhaa nagaa isa tokko godhu” qabaachuuf nu gargaara. (Efe. 4:2, 3) Jaalala kanas, gumii keessatti, walgaʼii aanaa fi naannoo irratti dhamdhamachuu dandeenya. Addunyaa yeroo harʼaa wal qoqqoode keessatti, nagaa adda taʼe qabna yoo jedhame dhugaa mitii? (Far. 119:165; Isa. 54:13) Warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuun keenya jaalala cimaa isaaniif qabnu kan argisiisu siʼa taʼu, kun immoo Abbaa keenya isa samii ni gammachiisa.—Far. 133:1-3; Mat. 5:9.

‘JAALALLI NAMA IJAARA’

Phaawulos, ‘Jaalalli nama ijaara’ jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 8:1) Jaalalli kana gochuu kan dandaʼu akkamitti? Phaawulos xalayaa warra Qorontosiif barreesse isa jalqabaa boqonnaa 13⁠ffaa irratti jaalalli akkamitti akka nama ijaaru ibseera. Tokkoffaa, faayidaa nama kaaniitiif dursa kenna. (1 Qor. 10:24; 13:5) Itti dabalees, jaalalli hubataa, kan namaaf yaadu, obsaa fi arjaa waan taʼeef, maatii wal jaallatuu fi gumii tokkummaa qabu ijaara.—Qol. 3:14.

Jaalalli Waaqayyoof qabnu wanta qabnu hunda irra kan caaluu fi kan nama ijaaru dha. Jaalalli akkasii immoo namoonni haala jireenyaa, sanyii fi qooqa garaa garaa qaban tokko taʼanii, “harka wal qabatanii” gammachuudhaan Yihowaa akka tajaajilan isaan gargaara. (Sef. 3:9) Egaa murtoon keenya guyyaa guyyaadhaan firii hafuura qulqulluu isa bakka guddaa qabu kana argisiisuu haa taʼu.

a Mata dureen kun, mata duree kutaa sagal qabuu fi amalawwan firii hafuuraa taʼan tokko tokkoon ibsu keessaa isa jalqabaa ti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi