MATA DUREE QOʼANNAA 15
Fakkeenya Yesuus Hordofuudhaan Nagaa Keessan Eeggadhaa
‘Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalus garaa keessan ni eega.’—FILP. 4:7.
FAARFANNAA 113 Nagaa Qabnu
QABIYYEEa
1-2. Yesuus kan dhiphate maaliif ture?
YESUUS guyyoota nama taʼee itti jiraate keessaa isa dhumaatti dhiphatee ture. Yeroo muraasa booda namoota yakkamoo taʼaniin duʼa suukanneessaa duʼa. Haa taʼu malee, Yesuusiin caalaatti kan dhiphise, yeroo dhihoo keessatti akka duʼu beekuu isaa hin turre. Abbaa isaa baayʼee jaallata akkasumas isa gammachiisuu barbaada ture. Yesuus qorumsa cimaa isa irra gaʼuuf jedhu keessatti amanamaa yoo taʼe, sobawwan Yihowaa ilaalchisee dubbataman hundi dogoggora taʼuu isaanii argisiisuu fi Yihowaan kabaja argachuu akka qabu mirkaneessuu irratti gargaarsa akka godhu beekee ture. Yesuus namootas ni jaallata akkasumas abdiin nuti jireenya bara baraa argachuuf qabnu jireenya isaa isa lafa irraa milkaaʼinaan xumuruu isaa irratti akka hundaaʼe beeka ture.
2 Yesuus dhiphina cimaa keessa kan ture taʼus, nagaa qaba ture. Ergamoota isaatiin, “Ani nagaa koo isiniif nan kenna” jedheera. (Yoh. 14:27) Yesuus, ‘nagaa Waaqayyoo’ jechuunis tasgabbii namni tokko Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuudhaan argatu qaba ture. Nagaan kun sammuu fi garaan Yesuus boqonnaa akka qabaatu godheera.—Filp. 4:6, 7.
3. Mata duree kana keessatti maal qoranna?
3 Dhiibbaan Yesuus irra gaʼe, nu keessaa nama tokko irra illee gaʼee hin beeku, taʼus, namoonni Yesuus duukaa buʼan hundi qorumsi isaan mudata. (Mat. 16:24, 25; Yoh. 15:20) Kana malee, akkuma Yesuus yeroo tokko tokko dhiphinni nu mudata. Dhiphinni sammuu keenya akka hin toʼannee fi nagaa akka nu hin dhabsiisne gochuu kan dandeenyu akkamitti? Mee wantoota Yesuus yeroo tajaajilaa turetti inni raawwate sadii qoruudhaan, yommuu qorumsi nu mudatu fakkeenya isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
YESUUS YEROO HEDDUU KADHATA TURE
Kadhannaa dhiheessuudhaan nagaa keenya eeggachuu ni dandeenya (Keeyyata 4-7 ilaali)
4. Tasalonqee Isa Duraa 5:17 yaadatti qabachuudhaan, Yesuus guyyaa lafa irratti dabarse isa dhumaatti irra deddeebiʼee kadhachaa akka ture fakkeenyota argisiisan tokko tokko dubbadhu.
4 Tasalonqee Isa Duraa 5:17 dubbisi. Yesuus jireenya lafa irratti dabarse keessaa guyyaa isa dhumaatti irra deddeebiʼee kadhateera. Yaadannoo duʼa isaa yommuu hundeessetti maxinoodhaaf kadhateera, wayiniidhaafis kadhateera. (1 Qor. 11:23-25) Bakka Ayyaana Yaadannoo itti kabajanii adeemuu isaanii dura barattoota isaa wajjin kadhateera. (Yoh. 17:1-26) Galgala sana innii fi barattoonni isaa Gaara Ejersaa irra yommuu gaʼan irra deddeebiʼee kadhateera. (Mat. 26:36-39, 42, 44) Jechoonni Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura dubbates kadhannaa turan. (Luq. 23:46) Yesuus wantoota gurguddaa guyyaa sanatti isa mudatan hundumaa ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera.
5. Ergamoonni ija jabina kan dhaban maaliif ture?
5 Sababiin Yesuus qorumsa dandamachuu itti dandaʼe tokko kadhannaadhaan Abbaa isaa amanachuu isaa ture. Faallaa kanaatiin immoo ergamoonni halkan sana kadhachuu isaanii utuu itti hin fufin hafaniiru. Kanaan kan kaʼes, yeroo qorumsi isaan irra gaʼutti ija jabina dhabaniiru. (Mat. 26:40, 41, 43, 45, 56) Yommuu qorumsi nu irra gaʼu amanamoo taanee itti fufuu kan dandeenyu, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, ‘yeroo hunda yoo kadhanne’ qofa dha. Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya?
6. Amantiin nagaa qabaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
6 Yihowaan ‘amantii keenya akka nuuf guddisu’ kadhachuu ni dandeenya. (Luq. 17:5; Yoh. 14:1) Seexanni namoota duuka buutota Yesuus taʼan hundumaa waan qoruuf amantii qabaachuun nu barbaachisa. (Luq. 22:31) Yeroo rakkinni walitti aansee nu irra gaʼutti illee, amantiin nagaa keenya eegnee itti fufuuf kan nu gargaaru akkamitti? Qorumsa nu mudate moʼuuf wanta dandeenye hunda erga goonee booda, Yihowaan akka nu gargaaru amantiin isa irratti qabnu, inni yeroo sirrii taʼetti furmaata gaarii akka nuu kennu hubachuuf nu gargaara. Inni dhimma tokkoof nu caalaa furmaata kennuu akka dandaʼu amanannaa waan qabnuuf nagaa sammuu fi nagaa garaa qabna.—1 Phe. 5:6, 7.
7. Yaada Roobart dubbate irraa maal baratte?
7 Qorumsi akkamii iyyuu yoo nu irra gaʼe Kadhannaan nagaa keenya eeggachuuf nu gargaara. Mee fakkeenya jaarsa gumii amanamaa umurii waggoota 80mmanii keessatti argamuu fi Roobart jedhamuu ilaali. Akkas jedheera: “Gorsi Filiphisiyus 4:6, 7 irratti argamu qorumsawwan hedduu jireenya koo keessatti na mudatan dandamachuuf na gargaareera. Qarshii wajjin haala wal qabateen rakkoowwan hedduu qaban ture. Mirgan jaarsa taʼee tajaajiluuf argadhes yeroo muraasaaf dhabeen ture.” Roobart nagaa isaa akka eeggatu kan isa gargaare maal ture? Akkas jedheera: “Yommuu dhiphinni natti dhagaʼamuu jalqabu yeruma sana nan kadhadha. Caalaatti irra deddeebiʼee fi cimsee yommuun kadhadhu caalaatti nagaa akkan argadhu nan amana.”
YESUUS HINAAFFAADHAAN LALLABEERA
Lallaba irratti hirmaachuudhaan nagaa keenya eeggachuu ni dandeenya (Keeyyata 8-10 ilaali)
8. Akkuma Yohaannis 8:29 irratti ibsame, sababii kan biraan Yesuus nagaa qabaachuu itti dandaʼe maali dha?
8 Yohaannis 8:29 dubbisi. Yesuus Abbaa isaa gammachiisaa akka jiru waan beekuuf, yeroo ariʼatamni isa irra gaʼaa turetti illee nagaa qaba ture. Yeroo kana gochuun ulfaataa isaaf turetti illee ajajameera. Abbaa isaa jaallateera akkasumas guutummaan jireenya isaa Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu godheera. Gara lafaa dhufuu isaa dura “Hojjetaa isa angafa” taʼee Waaqayyoof hojjechaa ture. (Fak. 8:30, NW) Yeroo lafa irra turettis waaʼee Abbaa isaa hinaaffaadhaan warra kaan barsiiseera. (Mat. 6:9; Yoh. 5:17) Hojiin kun Yesuusiif gammachuu guddaa argamsiiseera.—Yoh. 4:34-36.
9. Hojii lallabaatiin qabamuun, nagaa keenya eeggachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
9 Yihowaadhaaf ajajamuu fi ‘yeroo hunda hojiin Gooftaa akka nuuf baayʼatu’ gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu ni dandeenya. (1 Qor. 15:58) Hojii lallabaatiin yommuu ‘guutummaatti qabamnu’, rakkina keenyaaf caalaatti ilaalcha sirrii taʼe qabaachuu dandeenya. (HoE. 18:5) Fakkeenyaaf, namoonni tajaajila irratti argannu, rakkina isa kan keenyaa caalu akka qaban yeroo baayʼee ni hubanna. Taʼus, Yihowaa jaallachuu yommuu baratanii fi gorsa isaa yommuu hojii irra oolchan jireenyi isaanii ni fooyyaʼa akkasumas gammachuu ni argatu. Yeroo kana arginu hundatti, Yihowaan akka nuuf yaadu amanannaan isa irratti qabnu ni dabala. Amanannaan kun immoo nagaa keenya eeggachuuf nu gargaara. Obboleettiin umurii ishii guutuu miira gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamuu wajjin qabsoo gochaa turtee fi dhiphina qabdu tokko, kun dhugaa taʼuu isaa hubatteetti. Akkas jetteetti: “Tajaajilaan yommuun qabamutti, miirri koo caalaatti tasgabbaaʼa akkasumas gammachuun argadha. Kunis kan taʼu, tajaajila irratti yommuun hirmaadhu, caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhe waan natti dhagaʼamuuf natti fakkaata.”
10. Yaada Bireendaan dubbatte irraa maal baratte?
10 Fakkeenya obboleettii Bireendaa jedhamtu tokkoos haa ilaallu. Ishiinis taate intalli ishii dhukkuba maltiipil Iskilarosis jedhamuun qabamanii turan. Bireendaan, wiilcheriidhaan deemuuf kan dirqamte siʼa taʼu, humnas hin qabdu turte. Yeroo dandeessu hundatti manaa gara manaatti kan lallabdu siʼa taʼu, adda durummaadhaan garuu xalayaa barreessuudhaan dhugaa baati turte. Akkas jetteetti: “Haalli koo sirna kana keessatti akka hin fooyyofne sammuu fi miira koo ergan amansiisee booda, guutummaatti tajaajila koo irrattan xiyyeeffadhe. Dhugaa baʼuun koo rakkina koo irratti akkan hin xiyyeeffanne na gargaara. Naannoo tajaajilaa gumii keenyaa keessatti namootan argadhe gargaaruu irratti akkan xiyyeeffadhus na gargaara. Kana malees, yeroo hundaa abdii gara fuulduraa ani qabu na yaadachiisa.”
YESUUS GARGAARSA MICHOONNI ISAA ISAAF GODHAN FUDHATEERA
Michoota gaggaarii taʼanii wajjin taʼuudhaan nagaa keenya eeggachuu ni dandeenya (Keeyyata 11-15 ilaali)
11-13. (a) Ergamoonnii fi namoonni kaan Yesuusiif michuu gaarii kan taʼan akkamitti ture? (b) Michoonni Yesuus dhiibbaa akkamii isa irratti godhanii turan?
11 Yesuus hojii lallabaa isa ulfaataa yeroo raawwachaa ture hundatti, ergamoonni isaa amanamoon michoota dhugaa isaaf taʼanii turan. Isaan yaadni kitaaba Fakkeenyaa irratti, “Firri [michuun] obboleessa caalaa namatti aanus immoo jira” jedhu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessaniiru. (Fak. 18:24) Yesuus michummaa akkasiitiif iddoo guddaa kenna ture. Yesuus yeroo tajaajilaa turetti obboloota isaa foonii keessaa kan isatti amane tokko illee hin jiru ture. (Yoh. 7:3-5) Yeroo tokko, firoonni isaa akka inni maraate godhanii yaadanii turan. (Mar. 3:21) Haala kana irraa adda taʼeen immoo, Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti, ergamoota isaa amanamoodhaan, “isin warra qorumsa koo keessatti anatti maxxantanii jiraattani dha” jechuu dandaʼee ture.—Luq. 22:28.
12 Yesuus ergamoonni darbee darbee isa gaddisiisanii kan turan taʼus, inni dogoggora isaanii irratti utuu hin taʼin, amantii isaan isa irratti qaban irratti xiyyeeffateera. (Mat. 26:40; Mar. 10:13, 14; Yoh. 6:66-69) Galgala dhumaa ajjeefamuu isaa dura, isaanii wajjin turetti, Yesuus, namoota amanamoo kanaan, “Ani wantan Abbaa koo irraa dhagaʼe hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera” jedhee ture. (Yoh. 15:15) Shakkii tokko malee, michoonni Yesuus madda jajjabinaa guddaa isaaf taʼanii turan. Gargaarsi isaan tajaajila isaa irratti isaaf godhan garaan isaa gammachuudhaan akka guutamu godheera.—Luq. 10:17, 21.
13 Yesuus ergamoota isaa malees, dhiirotaa fi dubartoota michoota isaa taʼan, warra hojii lallabaa fi karaa kan biraatiin isa gargaaran kan biraas qaba ture. Namoonni tokko tokko nyaata akka nyaatuuf mana isaanitti isa afeeraniiru. (Luq. 10:38-42; Yoh. 12:1, 2) Warri kaan immoo isaa wajjin adeemuudhaan qabeenya isaaniitiin isa gargaaraniiru. (Luq. 8:3) Yesuus ofii isaa michuu gaarii waan tureef, innis michoota gaarii argateera. Wantoota gaggaarii isaaniif godheera, wanta humna isaaniitii ol taʼe akka godhanis isaan irraa hin eegu ture. Yesuus nama mudaa hin qabne kan ture taʼus, deggersa namoonni mudaa qaban isaaf godhan dinqisiifateera. Isaanis nagaa akka inni qabaatu isa gargaaranii akka turan hin shakkisiisu.
14-15. Michoota gaarii argachuu kan dandeenyu akkamitti? Isaan hoo, nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
14 Michoonni gaariin Yihowaadhaaf amanamoo taanee akka jiraannu nu gargaaru. Karaan michuu gaarii argachuun itti dandaʼamu inni hunda caalu immoo michuu gaarii taʼuu dha. (Mat. 7:12) Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun namoota kaan, keessumaa warra ‘rakkatan’ gargaaruuf akka of dhiheessinu nu jajjabeessa. (Efe. 4:28) Gumii keessan keessaa nama gargaaruu dandeessan tokko yaaduu ni dandeessuu? Babalʼisaa manaa baʼuu hin dandeenye tokkoof gabaadhaa waa bituufii ni dandeessu? Maatii rakkina qarshii qabu tokkoof nyaata kennuu ni dandeessuu? Weeb saayitii jw.org® fi appilikeeshinii JW Library® fayyadamuu kan dandeessan yoo taʼe, gumii keessan keessatti warri argaman kaan beekumsa achi keessatti argamu irraa akka fayyadaman isaan gargaaruu ni dandeessuu? Namoota kaan gargaaruu irratti yoo xiyyeeffanne, caalaatti gammadoo taʼuun keenya hin oolu.—HoE. 20:35.
15 Namoonni michoota godhannu yeroo qorumsi nu irra gaʼutti nu deggeruudhaan, nagaa keenya akka eeggannu nu gargaaru. Akkuma Eliihuun yeroo Iyoob waaʼee rakkina isaa dubbatutti isa dhaggeeffate, michoonni keenyas wantoota nu yaaddessan yommuu dubbannu obsaan nu dhaggeeffachuudhaan nu gargaaru. (Iyo. 32:4) Michoonni keenya murtoo akka nuuf godhan isaan irraa hin eegnu, taʼus, gorsa isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dhaggeeffachuun keenya ogummaa dha. (Fak. 15:22) Kana malees, akkuma Daawit Mootichi gargaarsa michoonni isaa isaaf godhan gad of qabuudhaan fudhate, gargaarsa michoonni keenya yeroo rakkinni nu irra gaʼutti nuuf godhan fudhachuuf koorri nutti dhagaʼamuu hin qabu. (2 Sam. 17:27-29) Dhuguma iyyuu, michoonni akkasii kennaa Yihowaa biraa argamani dha.—Yaq. 1:17.
NAGAA KEENYA EEGGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
16. Akka Filiphisiiyus 4:6, 7 jedhutti, karaan nagaa argachuu itti dandeenyu maal qofa dha? Ibsi.
16 Filiphisiiyus 4:6, 7 dubbisi. Yihowaan nagaa inni “karaa Kiristoos Yesuus” kennu fudhachuu akka dandeenyu kan nutti hime maaliifi? Sababiin isaa, nagaa yaadaa fi nagaa miiraa itti fufiinsa qabu argachuu kan dandeenyu, gaʼee Yesuus raawwatu yoo hubannee fi yoo itti amanne qofa waan taʼeefi dha. Fakkeenyaaf, cubbuu keenya hundaaf karaa aarsaa furii Yesuus dhiifama argachuu ni dandeenya. (1 Yoh. 2:12) Yaadni kun boqonnaa guddaa nuuf argamsiisa! Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, miidhaa Seexanni fi sirni isaa nu irraan geessise hunda ni balleessa. (Isa. 65:17; 1 Yoh. 3:8; Mul. 21:3, 4) Kun abdii dinqisiisaa nuuf kenna! Kana malees, Yesuus hojii ulfaataa kan nuuf kenne taʼus, inni guyyoota dhumaa sirna kanaa keessatti nu wajjin taʼuudhaan nu gargaara. (Mat. 28:19, 20) Kun ija jabina guddaa nuuf kenna! Boqonnaa, abdii fi ija jabinni, nagaa sammuu qabaachuuf wantoota dhagaa buʼuuraa taʼan keessaa tokko tokko dha.
17. (a) Kiristiyaanni tokko nagaa isaa eeggachuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Akkuma Yohaannis 16:33 irratti abdachiifame, maal gochuu dandeenya?
17 Kanaafuu, yeroo qorumsa cimaadhaan raafamtan, nagaa keessan eeggachuu kan dandeessan akkamitti? Wantoota Yesuus raawwate raawwachuudhaan kana gochuu dandeessu. Tokkoffaa, kadhannaa dhiheessaa, akkasumas kadhachuu keessan itti fufaa. Lammaffaa, yeroo ajajamuun ulfaataa taʼutti illee Yihowaadhaaf ajajamaa akkasumas hinaaffaadhaan lallabaa. Sadaffaa, yeroo qorumsi isin irra gaʼutti, michoonni keessan akka isin gargaaran gaafadhaa. Kana kan gootan taanaan nagaan Waaqayyoo sammuu fi garaa keessan ni eega. Kana malees, akkuma Yesuus qorumsa kam iyyuu moʼuu ni dandeessu.—Yohaannis 16:33 dubbisi.
FAARFANNAA 41 Maaloo Kadhannaa Koo Naa Dhagaʼi
a Hundi keenya rakkoowwan nagaa nu dhabsiisuu dandaʼan irraa of eeggachuu qabna. Mata dureen kun wantoota Yesuus raawwate sadii ibsa. Nutis yeroo qorumsi cimaan nu mudatutti illee nagaa keenya eeggachuuf wantoota sadan kana raawwachuu dandeenya.