KUTAA 1
‘Humna Sodaachisaa’
Kutaa kana keessatti seenaawwan Kitaaba Qulqulluu humna Yihowaan uumuuf, balleessuuf, eeguu fi haaressuuf fayyadamu ibsan ilaalla. Yihowaan inni ‘humni isaa sodaachisaa’ taʼe ‘jabina isaa isa guddaatti’ akkamitti akka fayyadamu hubachuun keenya ija jabinaa fi abdii guddaa nuuf kenna.—Isaayyaas 40:26.