LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 10/1 ful. 16
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Yesus Kiristos Eenyudha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caaludha
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 10/1 ful. 16

Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Barabaraaf jiraachuun ni danda’amaa?

[Fakkii fuula 16⁠rra jiru]

Qophiin du’arraa bilisa nu baasu maalidha?

Nama jalqabaa kan ta’e Addaam jaarraawwan hedduudhaaf jiraateera. Yeroo booda garuu dulloomee du’eera. Yeroo sanaa kaasee, namoonni dulluma balleessuuf yaalii hedduu godhaniiru. Haata’u malee, namni du’arraa of oolchuu danda’e hin jiru. Maaliif? Addaam kan dulloomeefi kan du’e Waaqayyoof abboomamuu waan dideefidha. Nuyis kan dulloomnu Addaamirraa cubbuufi du’a isa sababa cubbuutiin dhufu waan dhaalleefidha.​—Uumama 5:5; Roomaa 5:12 dubbisi.

Jireenya barabaraa argachuu akka dandeenyuuf, qaamni tokko furii nuu kaffaluu qaba. (Iyoob 33:24, 25) Furiin gatii nama tokko bilisa baasuuf kaffalamudha; nuyis du’arraa bilisa baafamuun nu barbaachisa. (Ba’uu 21:29, 30) Yesus ennaa nuuf jedhee du’etti gatii kana kaffaleera.​—Yohannis 3:16 dubbisi.

Jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Dhukkubaafi dullumarraa bilisa kan ba’an namoota hunda miti. Akkuma Addaam namoonni Waaqayyoof abboomamuu didan mirga barabaraaf jiraachuu ni dhabu. Jireenya barabaraa kan argatan namoota cubbuunsaanii dhiifameef qofadha.​—Isaayaas 33:24; 35:3-6 dubbisi.

Dhiifama cubbuu argachuuf tarkaanfii fudhachuu qabna. Macaafa Qulqulluu qo’achuudhaan Waaqayyoon beekuun barbaachisaadha. Macaafni kun jireenya gaarii ta’e jiraachuu, Waaqayyo biratti fudhatama argachuufi jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e nu barsiisa.​—Yohannis 17:3; Hojii Ergamootaa 3:19 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’eefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kana boqonnaa 3 ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi