LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 3 ful. 13
  • Eebba Namoonni Warra Rakkatan Gargaaran Argatan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eebba Namoonni Warra Rakkatan Gargaaran Argatan
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTA KITAABNI QULQULLUUN JEDHU
  • NAMA RAKKATE GARGAARUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
  • Akka Nama Samaariyaa Sanaa Gaarii Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • ‘Waaqayyo Biratti Badhaadhotadhaa’?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Fakkeenya Waaʼee Namicha Biyya Samaariyaa Dubbatu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • ‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 3 ful. 13
Namichi tokko kaartaatti fayyadamee nama kan biraatti karaa argisiisaa jira.

Ati hoo umuriin, lammiin ykn amantiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe warra kaan gargaaru ni dandeessaa?

Eebba Namoonni Warra Rakkatan Gargaaran Argatan

Namoonni addunyaa maratti argaman hedduun nyaataa fi mana jireenyaa argachuun isaan barbaachisa. Tokko tokko immoo kan isaan barbaachisu abdii qofa dha. Carraaqqiin nuti namoota akkasii gargaaruuf goonu surraa fi eebba Waaqayyoo kan nuuf argamsiisu akkamitti?

WANTA KITAABNI QULQULLUUN JEDHU

“Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa.”—FAKKEENYA 19:17.

NAMA RAKKATE GARGAARUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

Yesuus fakkeenya waaʼee nama saamtotaan haleelamee duʼaa fi jireenya gidduutti dhiifame tokkoo ibsu dubbatee ture. (Luqaas 10:29-37) Achiis namni gara laafessi tokko kan isa hin beekne taʼu illee, isatti goree nama garmalee madaaʼe kanaaf kunuunsa godhe. Namichi kun sanyiin isaa kan namichaa kanaa irraa adda taʼus kana godheera.

Namichi gaarummaa qabu kun nama madaaʼe kanaaf gargaarsa sadarkaa jalqabaa fi wanta barbaachisu gochuu qofa utuu hin taʼin, isa jajjabeessuudhaan, dhiphina isaa irraa akka bayyaannatu isa gargaareera.

Fakkeenya kana irraa maal baranna? Yesuus karaa dandeenyu kamiin iyyuu namoota rakkatan gargaaruu akka qabnu argisiiseera. (Fakkeenya 14:31) Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo dhiheenyatti hiyyummaa fi rakkina akka balleessu barsiisa. Taʼus, ‘Waaqayyo kana kan godhu akkamittii fi yoomi?’ jennee gaafanna taʼa. Mata dureen armaan gadii eebbawwan Uumaan kee inni jaalala qabeessa taʼe siif qopheesse ibsa.

“WAAQAYYO MATUMAA NA HIN DHIISNE”!

Baqataan lammii Gaambiyaa tokko akka dubbatetti

“Awurooppaa yeroon gaʼetti waan tokko illee, jechuunis hojii, qarshiis taʼe mana hin qabun ture. Barumsawwan ani Kitaaba Qulqulluu irraa argadhe, mala qabeessa akkan taʼu, jabaadhee akkan hojjedhuu fi akkasumaan gargaarsa gaafachuu mannaa namoota akkan gargaaru na hubachiisaniiru. Waaqayyo matumaa na hin dhiisne, yeroo hunda na gargaara ture!”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi