LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 1 ful. 3-4
  • Yaada Namoonni Waaʼee Kadhannaa Dubbatan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaada Namoonni Waaʼee Kadhannaa Dubbatan
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • “Wanti Isin Barbaacisu Waaqayyo Duratti Akka Beekamu Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 1 ful. 3-4
Namoonni kutaa addunyaa gara garaa jiran yommuu kadhatanii fi qajeelfama Waaqayyoo argachuu yommuu barbaadan.

Yaada Namoonni Waaʼee Kadhannaa Dubbatan

“Wantan godhu walallee yommuun kadhadhu, Waaqayyo na wajjin akka jiruu fi harka koo qabee akka na qajeelchu natti dhagaʼama.”—MAARIYAA.

“Haati manaa koo waggaa 13f kaansarii dhukkubsachaa erga turte booda duute. Guyyaa guyyaadhaan Waaqayyotti kadhannaa dhiheessaa akkan turee fi yeroon dhiphachaa turetti akka inni na dhaggeeffatu natti dhagaʼamaa akka ture nan yaadadha. Nagaa akkan argadhe natti dhagaʼama ture.”—RAAWUL.

“Kadhannaan kennaa dinqisiisaa Waaqayyo biraa namootaaf kenname dha.”—ARNEE.

Maariyaa, Raawul, Arnee fi namoota kan biroo hedduudhaaf kadhannaan kennaa addaa ti. Isaan kadhannaadhaan Waaqayyotti akka dubbatan, akka isa galateeffatanii fi gargaarsa isaa akka gaafatan isaanitti dhagaʼama. Isaan waaʼee Waaqayyotti kadhannaa dhiheessuu yaada Kitaabni Qulqullun akka itti aanutti dubbatu garaa guutuudhaan amanu: “Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha, wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yohaannis 5:14.

Karaa biraatiin immoo namoonni hedduun waaʼee kadhannaa wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu fudhachuun isaanitti ulfaata. Istiiv waaʼee kadhannaa wanta isatti dhagaʼamee ture akka itti aanutti ibseera: “Yommuu umuriin koo 17 taʼu hiriyoonni koo sadii balaa adda addaa lamaan duʼan, inni tokko balaa konkolaataatiin duʼe, warri kaan lamaan immoo galaanaan nyaataman.” Maarree Istiiv maal godhe? “Wanti kun maaliif akka taʼe Waaqayyo deebii akka naaf kennun isa gaafadhe, garuu deebii tokko illee hin arganne. Kanaafuu, ‘Kadhachuu kanan qabu maaliifi?’ jedheen of gaafadhe.” Kadhannaawwan deebii hin arganne fakkaatan, namoonni hedduun kadhannaan faayidaa qabaachuu isaa akka gaafatan isaan taasiseera.

Kana malees, sababiiwwan kan birootiin namoonni faayidaa kadhannaa ni shakku. Tokko tokko Waaqayyo waan hundumaa waan beekuuf, wanta nu barbaachisuu fi rakkinoota keenya dursee beeka; kanaafuu, waaʼee wantoota kanaa isatti himuun gatii hin qabu jedhu.

Kaan immoo dogoggora kanaan dura raawwataniin kan kaʼe, Waaqayyo kadhannaa isaanii akka hin dhaggeeffane amanu. Jeeniin akkas jetteetti: “Rakkinni koo inni guddaan, miira gatii akka hin qabne natti dhagaʼamu dha. Wantan booda itti gaabbe waanan raawwadheef, Waaqayyo kadhannaa koo dhagaʼuun akka naaf hin mallen of amansiise.”

Dubartiin waldaa jirtu tokko ol jettee kadhachaa jirti, warri kaan gad jedhanii kadhachaa jiru.

Atoo waaʼee kadhannaa maaltu sitti dhagaʼama? Kadhannaa ilaalchisee yaaddoo ykn shakkii wal fakkaatu qabda taanaan, deebii quubsaa Kitaabni Qulqulluun kennu irraa jajjabina argachuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun kadhannaawwana hedduu qabateera; gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii akka argattu si gargaaruu dandaʼa:

  • Dhuguma Waaqayyo kadhannaa keenya ni dhagaʼaa?

  • Kadhannaawwan tokko tokko deebii kan hin arganne maaliifi?

  • Waaqayyo kadhannaa kee akka dhagaʼu akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa?

  • Kadhannaan maal siif gochuu dandaʼa?

a Kitaabni Qulqulluun kadhannaa Yesuus Kiristoos dabalatee kadhannaa tajaajiltoota Waaqayyoo hedduu qabateera. Kitaabni Qulqulluun afaan Ibrootaa inni kakuu haaraa jedhamee beekamu kadhannaa 150 ol qabateera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi