LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp21 Lakk. 1 ful. 5-7
  • Waaqayyo Kadhannaa Keenya Ni Dhagaʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Kadhannaa Keenya Ni Dhagaʼaa?
  • The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WAAQAYYO NI DHAGAʼA.
  • WAAQAYYOO KADHANNAA AKKA ISATTI DHIHEESSITU BARBAADA.
  • WAAQAYYOO DHUGUMAAN SIIF NI YAADA.
  • ‘SAGALEE KOO, WAAN DHAGAʼUUF, ANI YIHOWAA NAN JAALLADHA.’
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Seensa
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
wp21 Lakk. 1 ful. 5-7
Shamarree seeqaa jirtu.

“Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”—Yaaqoob 4:8

Waaqayyo Kadhannaa Keenya Ni Dhagaʼaa?

Yommuu kadhattuu Waaqayyo na dhagaʼaa laata jettee yaaddee beektaa? Taanaan akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Namoonni hedduun rakkinoota tokko tokko ilaalchisee kadhannaa kan dhiheessan taʼus, rakkinni isaanii furmaata hin arganne. Kana jechuun Waaqayyo kadhannaa keenya hin dhagaʼu jechuudhaa? Lakki! Kitaabni Qulqulluun karaa sirrii taʼeen yommuu kadhannu Waaqayyo akka nu dhagaʼu nuuf mirkaneessa. Mee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu haa ilaallu.

WAAQAYYO NI DHAGAʼA.

“Yaa isa kadhannaa namaa dhageessuu, namoonni gosa hundumaa gara kee ni dhufu.”—Faarfannaa 65:2.

Namoonni tokko tokko qaamni isaan dhaggeeffatu jiraachuu isaa kan hin amanne taʼanis, miirrii gaariin akka nutti dhagaʼamu godha waan jedhaniif ni kadhatu. Taʼus kadhannaan wanta miirri gaariin akka nutti dhagaʼamuu fi rakkina keenya dandamachuuf goonu miti. Kitaabni Qulqulluun, ‘Yihowaana warra isa waammatan hundumaatti, Warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhihoo dha. Iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa’ jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—Faarfannaa 145:18, 19.

Kanaafuu Yihowaan kadhannaa waaqeffattoota isaa akka dhagaʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Inni jaalalaan kakaʼee, “Isin na waammattu; dhuftaniis kadhannaa natti dhiheeffattu; anis isin nan dhagaʼa” jedheera.—Ermiyaas 29:12.

WAAQAYYOO KADHANNAA AKKA ISATTI DHIHEESSITU BARBAADA.

Abbaan tokko intala isaa ashaangulliitii taphattu bira taaʼee utuu jiruu.

“Kadhannaatti jabaadhaa.”—Roomaa 12:12.

Kitaabni Qulqulluun, ‘yeroo hunda kadhadhaa’ jechuudhaan nu jajjabeessa. Kanaafuu, Yihowaan kadhannaa akka isatti dhiheessinu akka barbaadu ifa dha.—Maatewos 26:41; Efesoon 6:18.

Waaqayyo kadhannaa akka isatti dhiheessinu kan barbaadu maaliifi? Mee yaadi: Abbaan, mucaan isaa “Aabbaa, na gargaaruu dandeessaa?” akka isaan jedhu hin barbaanne jiraa? Dhugaa dha, abbaan kun wanta mucaan isaa barbaadu ykn itti dhagaʼamu dursee beeka taʼa, taʼus jechoota kana yommuu dhagaʼu mucaan isaa akka isa amanatuu fi akka isatti dhihaate itti dhagaʼama. Haaluma kana fakkaatuun yommuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessinu akka isa amanannuu fi isatti dhihaachuu akka barbaannu isatti argisiisna.—Fakkeenya 15:8; Yaaqoob 4:8.

WAAQAYYOO DHUGUMAAN SIIF NI YAADA.

Daldalaan aaree jiru tokko kortoo irra taaʼee jira. Saanduqni miʼawwan biiroo qabate isa bira jira.

“Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

Waaqayyo waan nu jaallatuu fi waan nuu yaaduuf gara isaatti kadhannaa akka dhiheessinu barbaada. Inni yaaddoo fi dhiphina keenya guutummaatti beeka; nu gargaaruus ni barbaada.

Daawit Mootichi jireenya isaa guutuu gargaarsaaf Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera, akkasumas yaadaa fi miira isaa isatti himeera. (Faarfannaa 23:1-6) Maarree Waaqayyo waaʼee Daawit maaltu itti dhagaʼame? Waaqayyo Daawitiin jaallateera, kadhannaa hedduu inni dhiheesses dhagaʼeera. (Hojii Ergamootaa 13:22) Haaluma kana fakkaatuun, Waaqayyo waan nuu yaaduuf kadhannaa keenya ni dhagaʼa.

‘SAGALEE KOO, WAAN DHAGAʼUUF, ANI YIHOWAA NAN JAALLADHA.’

Jechoota kana kan dubbate namoota Faarfannawwan Kitaaba Qulqulluu barreessan keessaa isa tokko dha. Inni Waaqayyo kadhannaa isaa akka dhagaʼu mirkanaaʼaa ture; dhugaa kana beekuun isaas dhiibbaa guddaa isa irratti godheera. Waaqayyotti akka dhihaate itti dhagaʼameera, akkasumas jabina, dhiphinaa fi gadda jireenya keessatti isa mudate dandamachuuf isa gargaaru argateera.—Faarfannaa 116:1-9.

Waaqayyo kadhannaa keenya akka dhagaʼu mirkanaaʼaa yommuu taanu, isatti dubbachuu keenya itti fufna. Mee muuxannoo Peediroo isa kaaba Ispeen jiraatuu haa ilaallu. Inni ilma umuriin isaa waggaa 19 balaa konkolaataatiin dhabe. Gadda isaatiin kan kaʼe, wanta garaa isaa Waaqayyotti dhangalaase akkasumas jajjabinaa fi gargaarsa argachuuf irra deddeebiʼee kadhate. Buʼaa argateeraa ree? Peediroon akkas jedheera: “Anii fi haati manaa koo jajjabinaa fi gargaarsa obboloota irraa arganneen Yihowaan kadhannaa kootiif deebii naaf kenneera.”

Namni baayʼee gadde tokko utuu suuraa qabatee jiruu michoonni isaa yommuu isa jajjabeessan.

Yeroo baayʼee kadhannaa keenyaaf deebii kan argannu karaa michuu nu jajjabeessuu fi nu gargaaruutiini

Kadhannaan ilma isaanii jireenyatti kan isaaniif hin deebisne taʼus, Peediroo fi maatii isaa karaawwan barbaachisoo taʼaniin gargaareera. Haati manaa isaa Maariyaa Kaarmeen, “Kadhannaan gadda koo dandamachuuf na gargaareera. Yommuun kadhannaa isatti dhiheessu nagaa fi tasgabbiin waan natti dhagaʼamuuf, Yihowaan akka na hubatu beeka” jetteetti.

Kitaabni Qulqulluunii fi muuxannoon obbolootaa akka argisiisutti, Yihowaan kadhannaa ni dhagaʼa. Taʼus, Waaqayyo kadhannaawwan hundaaf deebii akka hin kennine ifa dha. Waaqayyo kadhannaawwan tokko tokkoof deebii kennee, warra kaaniif kan hin kennine maaliif ree?

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha.—Faarfannaa 83:18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi