LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Waxabajjii ful. 32
  • Amantii Qabdaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amantii Qabdaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amantii waadaawwan yihowaan gale irratti qabdan hojiidhaan argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • “Amantii Keenya Nuuf Guddisi”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Amantii—Amala Nama Cimsu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Waxabajjii ful. 32

GAALEE KITAABA QULQULLUU

Amantii Qabdaa?

Yihowaa gammachiisuuf amantii qabaachuu qabna. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “Amantiin wanta namni hundi qabu miti” jedha. (2 Tas. 3:2) Phaawulos ergamaan yaada kana kan caqase yeroo waaʼee “namoota miidhaa geessisanii fi hamoo” taʼanii dubbatettidha; namoonni kun ariʼatama isarraan geessisaa turan. Yaanni amantii ilaalchisee dubbate garuu namoota hedduu kan argisiisudha. Namoonni tokko tokko ragaa ifa taʼee fi Uumaan akka jiru argisiisu fudhachuu didu. (Rom. 1:20) Warri kaanimmoo wanti ykn qaamni humna guddaa qabu tokko jiraachuusaa akka amanan dubbatu taʼa. Yihowaa gammachiisuuf garuu amantiin hammanaa qofti gaʼaa miti.

Yihowaan akka jiruu fi namoota amantii cimaa qaban akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu qabna. (Ibr. 11:6) Amantiin kutaa firii hafuurasaati. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun hafuura qulqulluu argachuuf nu gargaara. (Luq. 11:9, 10, 13) Karaa gaariin hafuura qulqulluu argachuuf nu gargaaru Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuurasaatiin barreeffame dubbisuudha. Achiis wanta dubbisnerratti yaaduu fi wanta baranne hojiirra oolchuuf yaaluu dandeenya. Yoo akkas goone, hafuurri Yihowaa jireenya keenyarratti dhiibbaa gochuudhaan amantii isa gammachiisu horachuuf akka nu gargaaru heyyamuu dandeenya.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi