SEENAA JIREENYAA
Ija Laafettii Taʼus Misiyoonii Taʼuu Dandaʼeera
IJOOLLUMMAA kootti ija laafettiin ture; namoota baayʼeen sodaadha. Booda garuu Yihowaan namootaaf xiyyeeffannaa akkan kennuu fi misiyoonii akkan taʼu na gargaareera. Akkamitti? Jalqaba gargaarsa abbaan koo naaf godhetti fayyadameeti. Ittaanseemmoo shamarreen tokko fakkeenya gaarii akka naaf taatu gochuudhaani. Dhumarrattis abbaan manaa koo gaarummaa fi obsaan gorsa akka naaf kennu gochuudhaani. Mee waaʼee jireenya koo balʼinaanan isinitti hima.
Bara 1951tti Viyeenaa Ostiriyaatti maatii amantaa Kaatolikii hordofu keessattan dhaladhe. Ija laafettii kanan ture taʼus Waaqayyotti nan amana, yeroo baayʼees nan kadhadhan ture. Umuriin koo waggaa sagal yeroo taʼu abbaan koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qoʼachuu jalqabe; boodammoo haati koos qoʼachuu jalqabde.
Obboleettii koo Elsaabet (bitaa) wajjin
Utuma baayʼee hin turin gumii Doobliingi jedhamuu fi Viyeenaa keessatti argamurratti hirmaachuu jalqabne. Maatiidhaan taanee wantoota hedduu waliin raawwanna turre. Kitaaba Qulqulluu waliin dubbisna, akkasumas waliin qoʼanna, walgaʼiiwwan gumiirratti waliin argamna, walgaʼii guguddaa irrattimmoo fedhiidhaan tajaajilla turre. Abbaan koo ijoollummaa kootti Yihowaadhaaf jaalala guddaa akkan qabaadhu na gargaareera. Abbaan koo anii fi obboleettiin koo qajeelchitoota akka taanuuf yeroo hundumaa ni kadhata ture. Ani garuu yeroo sana qajeelchituu taʼuuf galma hin qabun ture.
TAJAAJILA YEROO GUUTUU JALQABUU
Bara 1965tti umurii koo waggaa 14ttan cuuphame. Haa taʼu malee, naman hin beekne tajaajilarratti haasofsiisuun natti ulfaatee ture. Kana malees, miirri gadaantummaa natti dhagaʼama ture; hiriyoota koo biratti fudhatama argachuuf baayʼeen hawwa ture. Kanaafuu, cuuphamee utuma baayʼee hin turin namoota Yihowaa hin tajaajilletti michoomuun jalqabe. Isaan wajjin taʼuu kanan jaalladhu taʼus namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane wajjin yeroo dheeraa dabarsuu kootti qalbiin koo na ceephaʼa ture. Garuu jijjiirama gochuu hin dandeenyen ture. Maarree maaltu na gargaare?
Doorottii (bitaa) irraa wanta baayʼee baradheera
Yeroo sanatti shamarreen Doorottii jedhamtuu fi umuriin ishii 16 taʼe gara gumii keenyaa dhufte. Hinaaffaan ishiin tajaajila manaa gara manaatiif qabdu baayʼee na dinqisiisee ture. Umuriidhaan xinnoo kanan ishii caalu taʼus tajaajilarratti dammaqinaan hin hirmaadhun ture. Akkana jedheen yaade: ‘Maatiin koon Dhugaa Baatota Yihowaadha. Maatii Doorottii keessaa garuu namni dhugaatti dhufe hin jiru. Ishiin haadha ishii dhukkubsattu wajjin kan jiraattu taʼus yeroo hundumaa tajaajila ni baati.’ Fakkeenyi ishii Yihowaa tajaajiluuf wanta dabalataa akkan godhu na kakaaseera. Achiis utuma baayʼee hin turin anii fi Doorottiin qajeelchitoota taanee waliin tajaajiluu jalqabne. Jalqaba qajeelchitoota gargaaraa taane; boodammoo qajeelchitoota yeroo hundaa taane. Jaalalli Doorottiin tajaajilaaf qabdu kan namatti darbu ture. Yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu akkan jalqabu na gargaarteetti. Yeroo booda manaa gara manaatti, karaarrattii fi bakkawwan kan birootti namoota haasofsiisuun naaf salphachaa deeme.
Qajeelchaa yeroo hundaa taʼee waggaa jalqabaatti obboleessi lammii Ostiriyaa Haayinzi jedhamu gara gumii keenyaa dhufe. Haayinzi dhugaa kan barate obboleessasaa Dhugaa Baatuu taʼee fi Kaanaadaa jiraatu gaafachuu yeroo dhaqetti ture. Haayinzi gumii keenya isa Viyeenaatti argamu keessatti qajeelchaa addaa taʼee akka tajaajilu ramadame. Akkuman isa bareen isa jaalladheen ture. Inni misiyoonii taʼuu barbaada, animmoo misiyoonii taʼee tajaajiluuf karoora hin qabun ture. Kanaafuu, jalqabarratti miiran isaaf qabu dhokseen ture. Boodas wal qorachuu jalqabnee gaaʼela dhaabbanne; achiis Ostiriyaa keessatti qajeelchitoota taanee tajaajiluu jalqabne.
MISIYOONII TAʼUUF GALMA BAAFACHUU
Haayinzi yeroo baayʼee misiyoonii taʼee tajaajiluuf fedhii akka qabu natti hima ture. Matumaa dhiibbaa narratti godhee kan hin beekne taʼus gaaffilee misiyoonii taʼuuf na kakaasan na gaafata ture; fakkeenyaaf, “Ijoollee hin qabnu waan taʼeef Yihowaa tajaajiluuf wanta dabalataa gochuu dandeenyaa?” jedhee na gaafata ture. Ija laafettii waanan taʼeef misiyoonii taʼuu sodaadheen ture. Qajeelchaa taʼee kanan tajaajilu taʼus misiyoonii taʼanii tajaajiluun baayʼee ulfaataa akka taʼe natti dhagaʼama ture. Taʼus Haayinzi waaʼee misiyoonii taʼuu yaaduu koo akkan itti fufu obsaan na gargaareera. Kana malees, waaʼee ofii kootii yaaddaʼuu mannaa karaan itti namoota gargaaruu dandaʼurratti akkan xiyyeeffadhu na jajjabeesseera. Gorsi inni naaf kenne baayʼee na gargaareera.
Haayinzi bara 1974tti Saalsibargi Ostiriyaa keessatti gumii xinnoo Afaan Sarboo Kirooʼeeshiyaatiin geggeeffamu keessatti Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa yeroo geggeessu
Achiis suutuma suuta misiyoonii taʼee tajaajiluuf hawwuun jalqabe; kanaafuu, Mana Barumsaa Giiliyaad galuuf foormii guunne. Haa taʼu malee, obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko jalqaba dandeettii Afaan Ingiliffaa koo akkan fooyyeffadhu yaada dhiheesse. Ingiliffa koo fooyyessuuf waggaa sadiif ergan carraaqqii godhee booda gumii Sarboo Kirooʼeeshiyaa, Saalsibargi Ostiriyaatti argamutti ramadamuun keenya baayʼee nu dinqisiise. Waggaa tokkoof hojii aanaarratti hirmaachuu dabalatee waggoottan torban ittaananiif naannoo kanatti tajaajille. Afaan Sarboo Kirooʼeeshiyaa ulfaataa taʼus qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu hedduu qabna turre.
Achiis bara 1979tti boqonnaadhaaf gara Bulgaariyaa akka deemnu gaafatamne. Bulgaariyaatti hojiin lallabaa keenya dhorkamee ture. Kanaafuu, yeroo boqonnaadhaaf achi turretti nama kamiifiyyuu hin lallabne. Haa taʼu malee, obboleettota Soofiyaa ishii magaalaa guddoo biyyattii taate keessa jiraatan shaniif dhoksaadhaan barreeffamoota geessinee turre. Baayʼee sodaadhee kanan ture taʼus gargaarsa Yihowaatiin hojii nuuf kenname kana raawwachuu dandeenyeerra. Ija jabina obboleettonni kun qaban arguun koo, akkasumas hidhamuu akka dandaʼan utuma beekanii gammachuu qabaachuun isaanii, wanta jaarmiyaan Yihowaa na gaafatu kamiyyuu raawwachuuf akkan onnadhu na gargaareera.
Yeroo muraasa booda foormii Giiliyaad irra deebinee guunne; yeroo kanatti foormiin guunne fudhatama argate. Mana barumsaa kana Afaan Ingiliffaatiin Yuunaayitid Isteetis keessatti hirmaanna jennee yaannee turre. Haa taʼu malee, Sadaasa 1981tti Manni Barumsaa Giiliyaad waajjira damee Jarman, Viisbaadan keessatti argamutti kennamuu jalqabe. Kanaafuu, barumsicha Afaan Jarmaniin baranne; kunimmoo barumsicha caalaatti akkan hubadhu na gargaareera. Maarree, sana booda eessatti ramadamna laata?
BIYYA WARAANAAN UNKURAMAA JIRTUTTI TAJAAJILUU
Ramaddiin keenya Keeniyaa ture. Waajjirri damee Keeniyaa garuu Ugaandaa ishii biyya ollaa taatetti tajaajiluuf fedhii kan qabnu taʼuu keenya nu gaafate. Waggaa kudhanii ol dura mootummaan Ugaandaa loltoota Jeneraal Iid Amiiniin geggeeffamuun fonqolchamee ture. Waggoota sana booda turanitti bulchiinsa abbaa irree kanaatiin namoonni kumaan lakkaaʼaman ajjeefamaniiru; namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanimmoo rakkinaaf saaxilamaniiru. Achiis bara 1979tti mootummaan Ugaandaa ammas ni fonqolchame. Gara biyya waraanaan hunkuramte kanaa deemuu kanan sodaadhe maaliif akka taʼe isiniif gala jedheen yaada. Haa taʼu malee, manni barumsaa Giiliyaad Yihowaatti akka amanamnu nu leenjisee ture. Kanaafuu tole jenne.
Ugaandaa keessatti jireenyi baayʼee ulfaataa ture. Mootummaan bishaan, ibsaa fi wantoota barbaachisoo taʼan kan biroo dhiheessuu hin dandeenye. Bilbilli hin hojjetu. Keessumaa galgala galgala dhukaasnii fi saamichi baramaa ture. Kanaafuu, namni hundi manaa hin baʼu; akkasumas akka hin saamamnee fi akka hin ajjeefamneef ni kadhata ture. Rakkoowwan kun hundi jiraatanis obboloonni naannichaa karaa hafuuraa cimoo turan.
Mana maatii Saamii fi Kiristiinaa keessatti nyaata yeroo hojjennu
Bara 1982tti anii fi Haayinzi Kaampaalaa ishii magaalaa guddoo Ugaandaa taate geenye. Jiʼoottan shanan jalqabaa mana obboleessa Saamii fi obboleettii Kiristiinaa keessa ijoolleesaanii shananii fi firoottansaanii afur wajjin jiraanne. Saamii fi Kiristiinaan, akkasumas maatiinsaanii yeroo baayʼee guyyaatti siʼa tokko qofa nyaatu turan; kunimmoo keessummummaa nu simachuusaanii akka dinqisiifannu nu taasiseera. Anii fi Haayinzi yeroo maatii kana wajjin turretti barumsa hojii misiyoonummaa keenyarratti nu gargaare hedduu arganneerra. Fakkeenyaaf, bishaan liitira xinnoodhaan qaama keenya dhiqachuu fi bishaan ittiin dhiqanne kanammoo mana fincaaniitiif itti fayyadamuudhaan akkamitti bishaan akka qusannu baranneerra. Bara 1983tti anii fi Haayinzi Kaampaalaa keessaa naannoo hamma tokko nagaa qabutti mana mataa keenyaa arganne.
Tajaajila baayʼee jaallanna turre. Jiʼa tokko keessatti barruulee 4,000 ol raabsinee akka turre nan yaadadha. Wanti baayʼee nama gammachiisu garuu deebii namoonni dhugaadhaaf kennan arguudha. Waaqayyoof kabaja qabu, waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuufis fedhii qabu. Anii fi Haayinzi kopha kophaatti qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu 10 hanga 15 qabna turre. Barattoota keenyarraa waan hedduu baranneerra. Fakkeenyaaf, torban torbaniin gara walgaʼii deemuuf lukaan imaluun kan isaan barbaachisu taʼus matumaa gungumanii hin beekan; yeroo hundumaa ni seequ turan.
Bara 1985 fi 1986tti Ugaandaa keessatti waraanni dabalataa lama geggeeffamee ture. Yeroo baayʼee ijoolleen loltoota taʼan qawwee qabatanii bakka sakattaʼiinsaa dhaabbachuudhaan namoota yeroo sakattaʼan ni argina turre. Yeroo sanatti tajaajilarratti namoota fedhii qaban yommuu barbaannu hubannaa akka qabaannuu fi garaan keenya akka tasgabbaaʼu akka nu gargaaru ni kadhanna turre. Yihowaanis kadhannaa keenya nuuf deebiseera. Yeroo baayʼee nama ergaa Mootummichaa dhagaʼuuf fedhii qabu tokko yeroo argannu sodaa keenya ni irraanfanna turre.
Anii fi Haayinzi Taatiyaanaa (gidduu) wajjin
Namoota biyya alaatiif lallabuunis nu gammachiisa ture. Fakkeenyaaf, hiriyoota gaaʼelaa Muraatii fi Dilbaar jedhamanii fi Taataarsaan (Giddu Gala Raashiyaa) keessaa dhufan argannee qoʼachiisnee turre. Muraat ogeessa yaalii fayyaati. Hiriyoonni gaaʼelaa kun gara dhugaa kan dhufan yeroo taʼu, yeroo sanaa kaasee amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. Yeroo boodammoo dubartii Taatiyaanaa Vileeskaa jedhamtuu fi Yuukreenii dhufte wajjin wal barre; dubartiin kun of ajjeesuuf yaadaa turte. Taatiyaanaan erga cuuphamtee booda gara Yuukreenitti kan deebite yeroo taʼu, boodas hojii barreeffamoota keenya hiikuurratti hirmaatteetti.a
RAMADDII HAARAA
Bara 1991tti anii fi Haayinzi boqonnaadhaaf Ostiriyaa deemnee utuu jirruu waajjirri damee naannichaa Bulgaariyaatti akka ramadamne nutti hime. Baha Awurooppaatti sirni kooministii erga kufee booda Bulgaariyaatti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa seera biratti fudhatama argatee ture. Akkuman olitti caqase anii fi Haayinzi yeroo biyyattii keessa dhorkaan turetti dhoksaadhaan barreeffamoota keenya galchinee turre. Amma garuu achitti akka lallabnuuf ramadamne.
Gara Ugaandaatti akka hin deebine nutti himame. Kanaafuu, miʼa keenya fudhachuuf ykn michoota keenyatti nagaa dhaamuuf gara mana keenyaatti utuu hin deebiʼin Beetel isa Jarmanitti argamu dhaqnee konkolaataadhaan gara Bulgaariyaa deemne. Soofiyaa keessatti garee babalʼistoota gara 20 qabu keessatti ramadamne.
Bulgaariyaatti haalawwan rakkisoo taʼan hedduun nu mudataniiru. Tokkoffaa, afaanicha hin dandeenyu. Kana malees, barreeffamni Afaan Bulgaariyaatiin argamu kitaaba Dhugaa Jireenya Barabaraatti Geessu jedhamuu fi Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamu qofadha. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuun nutti ulfaatee ture. Haalawwan rakkisoon kun hundi jiraatanis gareen keenya guddina gochuusaa itti fufee ture. Waldaan Ortodoksii guddina kana waan hubatteef ariʼatama nurraan geessisuu jalqabde.
Bara 1994tti beekamtiin seera biratti qabnu waan haqameef namoonni garee amantii seeraan alaa akka taanetti nu ilaaluu jalqaban. Obboloonni tokko tokko ni hidhaman. Miidiyaaleen Dhugaa Baatonni Yihowaa ijoolleesaanii ajjeesuu qofa utuu hin taʼin, warri kaanis akka of ajjeesan jajjabeessu jechuudhaan soba babalʼisaa turan. Anii fi Haayinzi lallabuun nutti ulfaatee ture. Yeroo baayʼee mormitoonni nutti iyyan, poolisii nutti waamanii fi waa nutti darbatan nu mudatu turan. Barreeffama gara biyyattiitti galchuun hin dandaʼamu; walgaʼiidhaaf galma kireeffachuunis ulfaataa ture. Yeroo tokko walgaʼii godhachaa utuu jirruu poolisoonni seenanii walgaʼii naannoo keenya addaan kutanii turan. Anaa fi Haayinziif jibbi akkasii haaraa ture. Haalli kun uummata Ugaandaa warra Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii qabanirraa baayʼee adda ture. Maarree, jijjiirama kanatti baruuf maaltu nu gargaare?
Obbolootaa fi obboleettota naannichaa wajjin walitti dhihaachuun nu gammachiisa ture. Obboloonni naannichaa dhugaa beekuusaaniitti baayʼee gammadu turan; deeggarsa isaaniif goonus ni dinqisiifatu. Hundumtisaanii walitti dhihaatu, akkasumas wal deeggaru turan. Muuxannoo isaaniirraa ramaddii kamirrattiyyuu namootarratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe gammachuu qabaannee itti fufuu akka dandeenyu baranneerra.
Waajjira damee Bulgaariyaatti, 2007
Yeroo booda garuu haalawwan tokko tokko fooyyaʼuu jalqaban. Jaarmiyaan keenya bara 1998tti mootummaa biratti deebiʼee beekamtii argate; barreeffamoonni hedduunis Afaan Bulgaariyaatiin qophaaʼuu jalqaban. Achiis bara 2004tti gamoon waajjira damee haaraan Yihowaadhaaf ni murteeffame. Yeroo ammaatti Bulgaariyaa keessa gumii 57 fi babalʼistoota 2,953tu jira. Waggaa tajaajilaa darbetti namoonni 6,475 Ayyaana Yaadannoorratti argamaniiru. Yeroo taʼe tokkotti Soofiyaa keessa obboleettota shan qofatu jira ture; amma garuu gumiiwwan sagaltu jira. Eeyyee, “inni xinnaan kuma” yeroo taʼu argineerra.—Isa. 60:22.
RAKKINA NA MUDATE DANDAMACHUU
Jireenya koo keessatti dhibee fayyaa garaagaraatiif saaxilameera. Yeroo garaagaraatti sammuu koo keessatti dabalatee xannachi siʼa baayʼee natti baʼeera. Xannacha sana hirʼisuuf yaaliin fayyaa ulfaataa taʼe naaf godhameera; Hindiitti xannacha sana harka caalaasaa baasuuf yaaliin baqaqsanii hodhuu saʼaatii 12 fudhate naaf godhameera. Waajjira damee Hindiitti ergan bayyanadhee booda Bulgaariyaatti deebine.
Yeroo booda Haayinzi dhukkuba maatiidhaan darbuu fi baramaa hin taane tokkoon qabame. Deemuun, haasaʼuunii fi sochiisaa toʼachuun isatti ulfaachuu jalqabe. Dhukkubnisaa caalaatti hammaachaa yeroo deemu gargaarsi koo caalaatti isa barbaachise. Yeroo tokko tokko baayʼeen dadhaba; akkasumas isa kunuunsuun natti ulfaataa laata jedheen yaaddaʼa ture. Haa taʼu malee, obboleessi dargaggeessi Boobii jedhamu yeroo baayʼee Haayinziin fuudhee tajaajila baʼa ture. Boobiin Haayinzi sirriitti dubbachuu dadhabuusaatti ykn harkaa fi miilasaa toʼachuu dadhabuusaatti namoonni maal jedhu jedhee hin qaanaʼu ture. Yeroon Haayinziin gargaaruu dadhabu hundatti Boobiin na gargaara ture. Anii fi Haayinzi sirna kana keessatti ijoollee godhachuu dhiisuuf kan murteessine taʼus, Yihowaan Boobii akkuma ilma keenyaatti akka nuu kenne nutti dhagaʼama.—Mar. 10:29, 30.
Haayinzi dhukkuba kaansarii wajjinis waldhaansoo godha ture. Kan nama gaddisiisu bara 2015tti abbaan manaa koo inni jaallatamaan ni duʼe. Abbaa manaa koo baayʼeen yaada; yeroon dhiphadhu yeroo hunda kan na gargaaru isa ture. Isa malee jiraachuutti baruun natti ulfaate. Garuu yeroo baayʼee waaʼeesaa waanan yaaduuf akkuma waan lubbuudhaan jiruutti natti dhagaʼama. (Luq. 20:38) Yeroo baayʼee dubbii gaarii inni natti dubbachaa turee fi gorsa gaarii inni naaf kennaa ture nan yaadadha. Waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan waliin tajaajiluu keenyatti guddaan galateeffadha.
DEEGGARSA YIHOWAATIIF BAAYʼEEN GALATEEFFADHA
Yihowaan rakkina koo hundumaa keessatti na gargaareera. Ija laafina koo akkan injifadhuu fi misiyoonii namoota jaallattu akkan taʼu na gargaareera. (2 Xim. 1:7) Yihowaadhaaf galanni haa taʼuutii anii fi obboleettiin koo quxusuun tajaajila yeroo guutuu keessa jirra. Obboleettiin koo fi abbaan manaa ishii Awurooppaa keessatti gumiiwwan Afaan Sarbiyaatiin geggeeffaman daawwatu. Kadhannaan abbaan koo waggoota hedduu dura dhiheessaa ture deebii argateera.
Kitaaba Qulqulluu yeroon qoʼadhu keessi koo nagaa argata. Yeroo rakkisaatti akkuma Yesuus “cimsee kadhachuu” baradheera. (Luq. 22:44) Yihowaan jaalalaa fi gaarummaa michoonni koo gumii Naadezydaa, Soofiyaa keessatti argaman natti argisiisanitti fayyadamee kadhannaa kootiif deebii kenneera. Yeroo baayʼee isaan wajjin akkan yeroo dabarsu na affeeru, dinqisiifannaa naaf qabanis naaf ibsu; kunimmoo baayʼee na gammachiisa.
Yeroo baayʼee waaʼee abdii duʼaa kaʼuu nan xiinxala. Warri koo akkuma yeroo wal fuudhaniitti dargaggoota taʼanii yeroo mana keenya fuuldura dhaabbatan natti mulʼatu. Obboleettiin koommoo yeroo nyaata qopheessitu natti mulʼata. Haayinzi fardasaa bira dhaabbatee natti mulʼata. Wantoota kanarratti xiinxaluun koo rakkinarratti akkan hin xiyyeeffanne na gargaara; akkasumas wanta Yihowaan naaf godheef garaan koo galataan akka guutamu godha.
Wantoota gaggaarii Yihowaan jireenya koo keessatti naaf kennee fi gara fuulduraatti naaf kennurratti yeroon yaadu akkuma Daawit natti dhagaʼama. Daawit Faarfannaa 27:13, 14 irratti akkana jedheera: “Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu, utuun amantii hin qabu taʼee, silaa maalan taʼan ture? Yihowaa abdadhu; onnadhu, garaan kees cimaa haa taʼu. Eeyyee, Yihowaa abdadhu.”
a Seenaa jireenyaa Taatiyaanaa Vileeskaa barruu Dammaqaa! Muddee 8, 2000 (Amaariffa) fuula 26-30 irraa ilaali.