LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Hagayya ful. 31
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummaan Waaqayyoo Diinotasaa Ni Balleessa
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Armaagedoon Misiraachoo Dha!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Murtii Yihowaan Gara Fuulduraatti Dabarsu Ilaalchisee Maal Beekna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Yeroo ‘Rakkina Guddaatti’ Amanamoo Taʼaa Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Hagayya ful. 31

Gaaffii Dubbistootaa

Hojiin lallabaa kan dhaabbatu yoomi?

Yesuus, “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa” jedheera. (Mat. 24:14) Jechi Afaan Giriikii caqasa kanarrattis taʼe lakkoofsa 6 fi 13 irratti ‘dhuma’ jedhamee hiikame, teloos jedhama. Jechi kun dhuma addunyaa Seexanaa isa Armaagedoonitti raawwatamu argisiisa. (Mul. 16:14, 16) Kanaafuu, hamma Armaagedoon jalqabuuf jedhutti misiraachicha lallabuu keenya itti fufna. Kun hubannaa kanaan dura qabnu kan sirreessudha.

Kanaan dura rakkinni guddaan badiisa Baabilon Guddittiitiin yeroo jalqabu misiraachicha lallabuu keenya ni dhaabna jennee yaanna turre. (Mul. 17:3, 5, 15, 16) Yeroon kun yeroo ‘waggaan gaarummaa Yihowaa’ itti xumuramu akka taʼetti amanna turre. (Isa. 61:2) Kana malees, namoonni rakkina guddaarraa oolan warra taateen kun jalqabuusaa dura Yihowaadhaaf amanamoo taʼuusaanii argisiisanidha jennee yaanna turre. Namoota kana Yihudoota Dh.K.D. bara 607tti badiisa Yerusaalemirraa oolanii wajjin wal fakkeessina turre. Namoonni kun Yihowaa waan waaqeffatanii fi hammina waan jibbaniif dursee mallattoon isaanirratti godhameera. (His. 5:11; 9:4) Haa taʼu malee, haala kanaan wal bira qabuun keenya yaada Yesuus Maatewos 24:14 irratti dubbatee wajjin wal hin simu. Yaanni Yesuus caqasa kanarratti dubbate namoonni hamma Armaagedoon jalqabuuf jedhutti misiraachicha fudhachuuf carraa argachuu akka dandaʼan argisiisa.

Hubannaa haaraan Maatewos 24:14 ilaalchisee arganne kun, hubannaa ergaa akka cabbii guguddaa Mulʼata 16:21 irratti raajiidhaan dubbatame ilaalchisee qabnus kan sirreessudha. Qorannaan dabalataa godhame caqasoonni kun lamaan akka wal deggaran hubachuuf nu gargaareera. Akkamitti? Deebii namoonni ergaa Mootummichaatiif kennan ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu kana hubachuuf nu gargaara. Phaawulos ergamaan misiraachichi “warra fayyaniif” “urgaa jireenyaa” akka taʼe dubbateera. Diinota Waaqayyootiif garuu oduu gaddisiisaa ykn “foolii duʼaa” akka taʼe ibseera. (2 Qor. 2:15, 16) Ergaan Mootummichaa addunyaan isaan jaallatan, hamaa, Seexanaan kan geggeeffamuu fi badiisatti kan deemu taʼuusaa waan saaxiluuf ni jibbu.—Yoh. 7:7; 1 Yoh. 2:17; 5:19.

Cabbiin kun ‘akka malee guddaa’ akka taʼes hubadhu. Kunis yeroo rakkina guddaatti hojiin lallabaa caalaatti cimaa akka taʼu, jechuunis karaa kanaan dura taʼee hin beekneen maqaa Yihowaa kan beeksisu akka taʼe argisiisa. (His. 39:7) Yeroo sanatti Baabilon Guddittiin erga baddee booda, namoonni tokko tokko urgaa jireenyaa kanatti ni harkifamuu laata? Harkifamuu akka dandaʼan eeguu dandeenya. Dhugaa Baatonni Yihowaa amantaan sobaa akka badu waggoota hedduudhaaf lallabaa akka turan yaadachuu ykn hubachuu dandaʼu.

Haallisaa Gibxii duriirratti Dhaʼichi Kudhan erga dhufee booda wanta raawwatamee wajjin wal fakkaata. Yihowaan, ‘waaqolii warra Gibxii hundumaa irratti murtii erga dabarsee’ booda, ‘uummanni walitti makamee’ fi Israaʼelota hin taane isaanii wajjin baʼanii turan. (Bau. 12:12, 37, 38) Namoonni biyya ormaa kun akeekkachiisni Museen Dhaʼicha Kurnan ilaalchisee dubbate raawwatamuusaa yommuu argan saba Yihowaa wajjin baʼuuf murteessanii taʼuu dandaʼa.

Namoonni Baabilon Guddittiin erga baddee booda Yihowaa waaqeffachuuf murteessan, obboloota Kiristoos warra yeroo sanatti lafarra jiran deggaruuf carraa argatu. (Mat. 25:34-36, 40) Dhugaadha, hoolota akka taʼanitti isaaniif murteeffamuuf carraan isaan qaban kan xumuramu, Armaagedoon jalqabuusaa yeroo muraasa dura, yeroo dibamtoonni hafan badhaasasaanii isa samii argatanittidha.

Hubannaan haaraan arganne kun jaalalaa fi araara guddaa Yihowaan qabu addeessa. Eeyyee, inni, ‘hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu hin barbaadu.’—2 Phe. 3:9.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi