LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 93
  • Yesuus Erga Duʼaa Kaʼee Booda Qaamni Isaa Foon moo Hafuura Ture?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus Erga Duʼaa Kaʼee Booda Qaamni Isaa Foon moo Hafuura Ture?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Duʼaa Kaʼuun Yesus Nuuf Hiika Maalii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 93
Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, barataa isaa Toomaasii fi barattoota isaa kaanitti bifa namaatiin mulʼachuudhaan, harka isaa isa mallattoo madaa mismaarri uree qabu isaanitti argisiise

Yesuus Erga Duʼaa Kaʼee Booda Qaamni Isaa Foon moo Hafuura Ture?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun, Yesuus “fooniin ajjeefame, taʼus hafuuraan jiraataa godhame [duʼaa kaafame]” jedha.—1 Pheexiros 3:18; Hojii Ergamootaa 13:34; 1 Qorontos 15:45; 2 Qorontos 5:16.

Wanti Yesuus dursee dubbate iyyuu, qaama isaa isa foonii fi dhiigaatiin duʼaa akka hin kaane argisiisa. ‘Foon isaa addunyaan jireenya akka argatuuf kennuudhaan,’ ilmaan namootaatiif furii godhee akka kennu dubbateera. (Yohaannis 6:51; Maatewos 20:28) Yeroo duʼaa kaʼutti foon uffatee utuu duʼaa kaʼeera taʼee, aarsaa furii sana akka kaffaletti lakkaaʼamu hin dandaʼamu ture. Kun immoo wanta matumaa taʼuu hin dadneenye dha; sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun Yesuus foonii fi dhiiga isaa “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” aarsaa godhe akka akka dhiheesse ibsa.—Ibroota 9:11, 12.

Yesuus duʼaa kan kaʼe qaama hafuuraa uffatee erga taʼe barattoonni isaa akkamitti isa arguu dandaʼan ree?

  • Uumamawwan hafuuraa qaama foonii uffachuu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, bara duriitti maleekonni qaama foonii uffatan namoota wajjin nyaachuu fi dhuguu dandaʼaniiru. (Uumama 18:1-8; 19:1-3) Taʼus, uumamawwan hafuuraa waan taʼaniif addunyaa ijaan mulʼatu kana dhiisanii deemuu ni dandaʼu turan.—Abbootii Murtii 13:15-21.

  • Yesuus erga duʼaa kaʼee booda, akkuma maleekonni sanaan dura godhan yeroo muraasaaf nama fakkaateera. Taʼus uumama qaama hafuuraa uffate waan taʼeef, akkuma tasaa mulʼachuu fi dhabamuu ni dandaʼa ture. (Luqaas 24:31; Yohaannis 20:19, 26) Qaamni foonii Yesuus yeroo garaa garaatti ittiin mulʼate tokko hin turre. Kanaafuu, michoonni isaa baayʼee isatti dhihaatan illee kan isa beekan wanta inni dubbatuu fi wanta inni raawwatuun qofa ture.—Luqaas 24:30, 31, 35; Yohaannis 20:14-16; 21:6, 7.

  • Yesuus barataa isaa Toomaasitti yeroo mulʼatetti madaan qaama foonii inni uffatee ture irratti mallattoowwan nu mulʼatu turan. Kan kan godhe Toomaas Yesuus duʼaa kaʼuu isaa shakkee waan tureef, amantii isaa isaaf jabeessuuf jedhee ti.—Yohaannis 20:24-29.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi