- 
	                        
            
            Uumama 40:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
20 Guyyaan sadaffaanis guyyaa dhalootaa Faraʼoon+ ture; innis tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa qopheesse; achiis ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii fi ajajaan warra daabboo tolchanii bakka tajaajiltoonni isaa jiranitti mana hidhaatii akka gad baʼan godhe.* 21 Innis ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii sana gara aangoo isaa isa inni dhugaatii dhiheessuudhaan qabutti deebise; innis xoofoo sana Faraʼooniif dhiheessuu isaa itti fufe.
 
 -