Uumama 42:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 Yoseef obboloota isaa yommuu argu, yeruma sana kan isaan beeke taʼus, eenyummaa isaa isaan jalaa ni dhokse.+ Kanaafuu, “Eessaa dhuftan?” jedhee isaanitti dheekkame; isaanis, “Midhaan bitachuuf biyya Kanaʼaanii dhufne” jedhanii isaaf deebisan.+ Uumama 42:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 Yoseefis yeruma sana abjuu waaʼee isaanii arge yaadate;+ achiis, “Isin basaastota dha! Naannoowwan biyyattii warra dadhaboo taʼan* ilaaluuf dhuftan!” isaaniin jedhe.
7 Yoseef obboloota isaa yommuu argu, yeruma sana kan isaan beeke taʼus, eenyummaa isaa isaan jalaa ni dhokse.+ Kanaafuu, “Eessaa dhuftan?” jedhee isaanitti dheekkame; isaanis, “Midhaan bitachuuf biyya Kanaʼaanii dhufne” jedhanii isaaf deebisan.+
9 Yoseefis yeruma sana abjuu waaʼee isaanii arge yaadate;+ achiis, “Isin basaastota dha! Naannoowwan biyyattii warra dadhaboo taʼan* ilaaluuf dhuftan!” isaaniin jedhe.