-
Uumama 37:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Nuti maasii walakkaatti bissiiwwan* hidhaa turre; yeroo kanatti bissiin koo kaʼee dhaabbate; achiis bissiiwwan keessan itti marsanii bissii kootiif sagadan.”+ 8 Obboloonni isaas, “Ati dhuguma nu irratti mootii of gochuu fi nu irratti aangoo qabaachuuf jettaa?”+ isaan jedhan. Abjuu isaa fi wanta inni dubbateen kan kaʼe, isaan sababii ittiin isa jibban kan biraa argatan.
9 Sana booda inni ammas abjuu tokko arge; achiis, “Ani abjuu kan biraas argeera. Yeroo kanatti aduun, addeessii fi urjiileen 11 anaaf ni sagadan”+ jedhee obboloota isaatti hime.
-