39 Achiis Faraʼoon Yoseefiin akkana jedhe: “Waaqayyo kana hundumaa akka beektu waan godheef, namni akka kee hubataa fi ogeessa taʼe tokko illee hin jiru. 40 Ati mana koo irratti ajajaa taata; sabni koo hundis guutummaatti siif ni ajajama.+ Ani si irra kanan caalu mootii taʼuu kootiin qofa dha.”