-
Uumama 38:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Achittis Yihudaan intala namicha biyya Kanaʼaan+ Shuʼaa jedhamu tokkoo ni arge. Innis ishii fuudhee ishii wajjin saalqunnamtii raawwate; 3 ishiinis ni ulfoofte. Boodas ilma deesse; innis maqaa isaa Eer+ jedhee moggaase. 4 Ammas ulfooftee ilma ni deesse; maqaa isaas Onaan jettee moggaaste. 5 Dabalataanis ishiin ilma ni deesse; maqaa isaas Sheelaa jettee moggaaste. Yeroo ishiin isa deessetti inni* Akziib+ keessa ture.
-