5 Ilmaan Ruuben+ isa ilma angafaa Israaʼel taʼe sanaa kanneen kana dha. Inni ilma angafaa taʼus, siree abbaa isaa waan xureesseef+ mirgi angafummaa isaa ilmaan Yoseef+ isa ilma Israaʼel taʼeef ni kenname; kanaafuu, inni warra dhalootaan mirga angafummaa qaban keessatti hin galmeeffamne.