-
Uumama 37:34, 35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
34 Yeroo kanatti Yaaqoob uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaas mudhii isaatti hidhatee guyyoota hedduudhaaf ilma isaatiif booʼe.* 35 Ijoolleen dhiiraa isaa hundii fi ijoolleen durbaa isaa hundi isa jajjabeessuuf yaalii kan godhan taʼus, inni garuu jajjabaachuu dide; inni, “Ani ilma kootiif utuman gadduu gara Awwaalaatti* gad nan buʼa!”+ jedha ture. Abbaan isaa isaaf booʼuu isaa itti fufe.
-
-
Uumama 46:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Achiis Israaʼel Yoseefiin, “Ani amma yoon duʼe iyyuu homaa miti; kunoo ija kee argeera; ati amma iyyuu lubbuudhaan akka jirtu beekeera” jedhe.
-