-
Lakkoofsa 2:18-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Gareen Efreem inni gosoota sadii qabate akka garee garee* isaatti kallattii dhihaatiin ni buufata; Elishaamaan+ ilmi Amihuud ajajaa ilmaan Efreemi. 19 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 40,500 turan.+ 20 Itti aansuudhaan gosti Minaasee+ ni buufata; Gamaaliʼel+ ilmi Pedaazur ajajaa ilmaan Minaasee ti. 21 Warri raayyaa waraanaa isaa keessatti galmeeffaman 32,200 turan.+
-