Uumama 29:35 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 35 Ishiin ammas ulfooftee ilma deesse; achiis, “Amma ani Yihowaa nan jajadha” jette. Kanaafuu, maqaa isaa Yihudaa*+ jettee moggaaste. Sana booda ishiin daʼumsa ni dhaabde. Keessa Deebii 33:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 Yihudaas akkana jedhee eebbise:+ “Yaa Yihowaa, sagalee Yihudaa dhagaʼi;+Gara saba isaattis isa deebisi. Irreen isaa wanta kan isaa taʼeef eegumsa godheera;*Atis diinota isaa irraa isa eegi.”+
35 Ishiin ammas ulfooftee ilma deesse; achiis, “Amma ani Yihowaa nan jajadha” jette. Kanaafuu, maqaa isaa Yihudaa*+ jettee moggaaste. Sana booda ishiin daʼumsa ni dhaabde.
7 Yihudaas akkana jedhee eebbise:+ “Yaa Yihowaa, sagalee Yihudaa dhagaʼi;+Gara saba isaattis isa deebisi. Irreen isaa wanta kan isaa taʼeef eegumsa godheera;*Atis diinota isaa irraa isa eegi.”+