18 Ani sii wajjin kakuu nan gala; ati doonichatti seeni; ilmaan kee, haati manaa tee fi haadhotiin manaa ilmaan keetiis sii wajjin achi keessa haa seenan.+
5 Akkasumas addunyaa bara duriitti ture sana adabuu irraa duubatti hin jenne;+ yeroo addunyaa namoota Waaqayyoon hin sodaanne sana irratti bishaan badiisaa fidetti+ garuu, Noh isa qajeelummaa lallabu+ namoota kan biroo torbaa wajjin oolcheera.+