-
Uumama 19:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Irra deddeebiʼanii Looxiin waamuudhaanis, “Namoonni harʼa galgala gara kee dhufan eessa jiru? Nuti isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwannuuf gad nuu baasi” isaan jedhan.+
-
-
2 Pheexiros 2:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Wantoota gara fuulduraatti namoota Waaqayyoon hin sodaanne irra gaʼaniif fakkeenya akka taʼuufis,+ magaalota Sodoomii fi Gomoraa daaraa gochuudhaan isaanitti murteesse.+ 7 Loox nama qajeelaa isa addaggummaa* namoonni hamoon raawwatanitti baayʼee dhiphachaa ture sana garuu oolcheera;+ 8 sababiin isaas, namni qajeelaan sun yommuu isaan gidduu jiraachaa turetti, gocha hamaa isa arguu fi isa dhagaʼu sanaan kan kaʼe lubbuu* isaa isa qajeelaa baayʼee dhiphisee ture.
-