-
Uumama 19:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Yommuu lafti ifuu jalqabus maleekonni Looxiin ariifachiisanii, “Kaʼi! Ati cubbuu magaalattiitiin akka hin balleeffamnetti, haadha manaa tee fi ijoollee durbaa kee lamaan warra si bira jiran fudhadhuu baʼi!” isaan jedhan.+ 16 Yommuu inni mamuttis, gara laafina Yihowaan isaaf qabuun kan kaʼe+ namoonni sun harka isaa, harka haadha manaa isaa fi harka ijoollee durbaa isaa lamaanii cimsanii qabuudhaan magaalattiidhaa alatti isaan baasan.+
-