-
Uumama 12:11-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yommuu gara Gibxiitti seenuuf jedhanis haadha manaa isaa Saaraayiin akkana jedhe: “Maaloo na dhagaʼi! Ati baayʼee bareedduu akka taate beeka.+ 12 Kanaafuu, warri Gibxii yommuu si argan, ‘Tun haadha manaa isaa ti’ akka jedhan beekamaa dha. Achiis na ajjeesu; siin garuu ni dhiisu. 13 Sababii keetiin wanti hamaan akka na irra hin geenyee fi lubbuudhaan akkan ooluuf, maaloo ati obboleettii tiyya akka taate dubbadhu.”+
-
-
Uumama 20:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Abrahaamis akkana jedhe: “Akkana kanan godhe, ‘Biyya kana keessa Waaqayyoon sodaachuun akka hin jirre beekamaa dha; sababii haadha manaa tiyyaanis na ajjeesu’ jedhee waanan yaadeefi.+ 12 Kana malees, ishiin dhuguma iyyuu obboleettii tiyya; ishiin intala haadha tiyyaa taʼuu baattus, intala abbaa kootii ti; boodas haadha manaa tiyya taate.+
-